TG Telegram Group Link
Channel: KENNAA
Back to Bottom
๐Ÿ›‘ Laylatul qadri warra salaatuufi warra masjiida keessa jiru qofaafii miti

Warra xurii laguu irra jiruu fi warra dhiiga dahuumsaa irra jiran, imaltoota... faayidaan halkan kanaa isin hindarbin. Zikrii fi ibaadaawwan garagaraatin jajjabaachuu qabdan. Halkan san keessatti du'aa'ii baayyisuu hindagatinaa laylatal qadri warra salaatuu fi warra masjiida keessa jiran qofaafii miti.

Namni baayyeen masjiida yoo hindeemin faayidaa(kheyrii) kana waan argatu itti hinfakkaatu. Kun dogongora! Wanni guddaan nurraa eegamu ibaadaarra jiraachuu keenya. Nama dandeettii qabuuf garuu suunnaa Nabiiyyii keenya jaalatamaa(saw) hordofuuf masjiida osoo jiraannee nijaalatama. Yoo hindandeenne bakkuma jirrutti kan hojiirra jiru bakka hojiitti kan mana jiruu manuma keessatti ibaadaarratti jajjabaachuu qaba.

Rabbi laylatul qadriin nu haa qunnamsiisu!


Via Ustaaz Ahmedin Jebal



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
๐Ÿ“Œ Laylatul-Qadrii yoo ta'u beeke maal jedhe du'aayi haa godhu?

Haati teenya A'ishaan akkana jedhanii jiran:-

Yaa ergamaa Rabbii? Laylatul-Qadriin yoo qunnamne(haalkan sun laylatul-Qadrii ta'u yoo beeke) maal jedhee du'aa'ii haa godhu? Jedhe gaafadheen.

Isaanis:-ยซAllaahumma Innaka Afuwwuun tuhibbul Al-afwa fa'afu anniiยป(Yaa Rabbii atin namaaf araaramaa dha namaaf araaramus hin jaalatta naaf araarami/dhiisi) jedhi naan jedhan.

[Tirmizii, Ibnu Maajaah, Imaamu Ahmadi fi Haakim gabaasaniiran]


#Via Ustaaz Ahmedin Jebal




@Kennaapost @Kennaapost




hottg.com/Kennaapost
KENNAA
Photo
Haati keenya gargaarsatti haajamti. HUMSJ Harka ishii gara keenya diriisuutti jirti . Haadha beektota kumaa. Oomishtuu du'aatoota fi haafizootaa. Kan ministeerootaa fi miliyeenaroota taatee Kan turte HUMSJ ilmaan ishiif Waamicha dhiyeessiti. Bakka  dhaloonni jalaa oomishame bahuu ta'uun isiidhaa waan ifa galaadha. Yeroo teenshinaa itti baqanneerra caayaa ishii jalatti wallaalaa keenya barsiifne warra beeku waliin beekumsa keenya jabeeffanneera. Gaddaaf gammachuu achitti dabarsiineerra. Obboloota hedduu caayaa ishii jalatti Horannee jirra. Kaan Rabbi laaffiseefi bakka itti zawwajame ta'uun ishiis beekamaadha. Een haati beektoota fi abbaa qabeenyaa  hedduu gargaarsa keenyatti haajamti. Warri 1980 haga ammaa jirtan mee eessa jirtanii nuun jetti. Anaan na dagattanimoo Haadha biraa argattanii nuun jechuutti jirti.

Library dijitaalaa , mana fincaanii fi shaawara jama'aaf galii argamsiisu akkasumas piroojektii  kkf...qabamee jiru humna barataa gibbii jiruutiin ulfaataa waan ta'eef. Kaan maallaqaan garii ammoo  simmintoo, dhakaa, ashawaa fi sibiila bituun Waamicha jama'aa keessaniif deebii kennaa nuun jechuutti jiran.

   Commercial Bank of Ethiopia
       1000539525787
Hru muslim students jema'a

Contacts
          Abubeker  0966638020
         Amir Ahmed  090 116 5103
         Musa'ab        +251 90 644 0483



@Kennaapost. @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Sheeyxaanni Akkamitti Qaama Namaa Seena?
ยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏยฏ

Fakkeenyi qalbii namaa akka fakkeenya Masaraati. Sheexanni ammoo diinota Masaraa sana marsanii too'achuuf daandii barbaadaa jiraniidha. Masaraan sun eegdota(loltoota) kanneen balabala, fooddaafi hulluuqqoo(tunel) masarichaa qajeellotti beekaniin yoo eeggame malee salphatti too'annoo diinotaa jala galuu danda'a.

Qalbii ofii joonjessaa(woswaasa) sheexanaa irraa eeggatuunis kanuma fakkaata. Karaa seexanni ittiin nama seenuun sirritti yoo hin beekin, akka nama hin seenne ofirraa ittisuunis ni rakkisa. Salphatti masaraa qalbii teetii too'atuu danda'a.

Balballi, fooddaaniifi hulluuqqoon(tunel) sheexanaas amalootuma(characteristics) namaati. Daandiin nama seenuun kunninis baayyeedha. Isaan keessaa daandiiwwan gur-guddaa isiniif eera.

1.Dallansuu.
Dallansuun farra sammuuti. Ilmi namaa gaafa dallanu sammuun isaa ni dadhaba. Miirri isaa too'annoon ala ta'a. Humni sheexanaa carraa kana fayyadamuun weeraraaf socho'a. Gaafa namni dallanu seexanni akka daa'iman kubbaa taphattutti namatti taphata. Kanaaf namni yoo dallanu

~ Of ajjeesuu yaaduu
~ bultii diiguu ka'uu
~ nama ajjeesuu yaaduu
~ yakkatti nama kakaasuu
~ Rabbitti dallanuu hawwuu fkk

2. Hinaaffaafi bololaa(greedy)
Namni gaafa hiriyyatti, ollatti, firatti fi nama hujii wal-fakkaataa hojjatutti hinaafuu jalqabu hulaan sheexanaaf banaa ta'ee jira. Kun ammoo bolola(futuna) cimatti nama kakaasa. Namni gaafa waanyuufi gar-malee futunu/bololu ijji ni jaamti, gurri ni duuda. Namni akkamitti nacaala? Jedhee waan hin taane nama irratti yaaduu jalqaba. Hulaan sheexanaa itti banamti.

3. Nyaata humnaa olii/quufa.
Namni garaan isaa gar-malee yoo guutu fedhii foonii jala deemuu jalqaba. Akkuma Oromoon "Quufaan malee hin utaalan, utaalan malee hin caban" jedhan sana; namni yeeroo hunda garaan isaa guutee deema taanaan sammuun ni cufama, jarjaruufi tasgabbii dhabuutu mudata. Kunis sheexanaaf







@Kennaapost @Kennaapost




hottg.com/Kennaapost
BREAKING NEWS


Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Ayyaanni Iid Al Fixrii #Roobii kabajama.

Har'a ji'i shawwaal dhabamuu irraa kan ka'e guyyaa boruu Ramadaanaa 30ffaa akka ta'u fi Ebla 2 #Roobii Eidni akka kabajamu beeksifameera.

Rabbiin akkuma guyyaa 30 soomuu nuuf guute ajrii fi kheeyrii Ramadaana keessaa hunda warra milkaa'u nu haa taasisu!!

Hordoftoota Islaamaa addunyaa irra jiratan hundi baga Ayyaana Iid al- Fixrii bara 1445ffaa it tin isin gahe jenna.

Iid Mubaarak

@Kennaapost. @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
๐€๐’๐’๐€๐‹๐€๐€๐Œ๐” ๐€๐‹๐€๐˜๐ˆ๐Š๐”๐Œ ๐–๐Ž๐‘๐€๐‡๐Œ๐€๐“๐”๐‹๐‹๐€๐€๐‡๐ˆ ๐–๐Ž๐๐€๐‘๐€๐Š๐€๐€๐“๐”๐‡๐”๐”

ุชู‚ุจู„ ุงู„ู„ู‡ ู…ู†ุง ูˆู…ู†ูƒู… ุตุงู„ุญ ุงู„ุฃุนู…ุงู„  ูƒู„ ุนุงู… ูˆุงู†ุช ุจุงู„ู ุฎูŠุฑ

โ™ป๏ธ ๐‡๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐€๐ฆ๐š๐ง๐ญ๐š๐š ๐Œ๐ฎ๐ฌ๐ฅ๐ข๐ฆ๐š๐š ๐๐š๐ ๐š ๐€๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐š ๐ˆ๐ข๐ ๐€๐ฅ-๐…๐š๐ฑ๐ข๐ซ๐ข๐ข 1445 ๐†๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ง 

โœ… ๐€๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ง๐ง๐ข ๐Š๐ฎ๐ง ๐Š๐š๐ง ๐‰๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š๐š๐Ÿ๐ข๐ข ๐†๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐Š๐š๐ง ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐€๐ค๐ค๐š ๐ˆ๐ฌ๐ข๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐“๐š'๐ฎ ๐‡๐š๐ฐ๐ฐ๐ข๐ง๐š๐š.

โ™ป๏ธ ๐ˆ๐ข๐๐ง๐ข ๐ƒ๐ก๐ฎ๐Ÿ๐ž ๐Š๐ฎ๐ง

โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ด๐’Š๐’๐’Œ๐’Š๐’Š
โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ฎ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’–
โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ฒ๐’‚๐’š๐’Š๐’“๐’Š๐’Š
โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ฉ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’Ž๐’”๐’‚๐’‚
โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ซ๐’Š๐’Š๐’๐’Š๐’Š
โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ซ๐’–๐’๐’Š๐’š๐’‚๐’‚
โœ”๏ธ ๐‘ฉ๐’‚๐’…๐’‰๐’‚๐’‚๐’…๐’‰๐’Š๐’๐’‚ ๐‘ธ๐’‚๐’๐’ƒ๐’Š๐’Š
โœ”๏ธ ๐‘ฉ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’Ž๐’”๐’‚ ๐‘ซ๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’‚๐’‚ ๐‘ฉ๐’–๐’๐’–๐’–
โœ”๏ธ ๐‘ฏ๐’Š๐’“๐’“๐’Š๐’ƒ๐’‚๐’‚ ๐‘ฒ๐’‚'๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐‘ฎ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’–
โœ”๏ธ ๐‘ด๐’‚๐’‚๐’•๐’Š๐’Š ๐‘พ๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ฎ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’…๐’–๐’–
โœ”๏ธ ๐‘พ๐’‚๐’‚๐’ ๐’€๐’‚๐’‚๐’…๐’‚๐’ ๐‘ฎ๐’‚๐’๐’Ž๐’‚ ๐‘ฎ๐’‚'๐’–๐’–
โœ”๏ธ ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ฏ๐’Š๐’“'๐’‚๐’•๐’† ๐‘ฎ๐’–๐’–๐’•๐’–๐’–

โœ… ๐‘ฒ๐’‚๐’ ๐‘ญ๐’Š๐’…๐’†๐’† ๐‘ซ๐’‰๐’–๐’‡๐’† ๐‘บ๐’Š๐’Š๐’‡ ๐‘ฏ๐’‚๐’‚ ๐‘ป๐’‚'๐’–๐’–

โ™ป๏ธ ๐‘ฐ๐’Š๐’…๐’๐’Š ๐’€๐’†๐’“๐’๐’ ๐‘ซ๐’†๐’†๐’Ž๐’–๐’–๐’‡ ๐‘ฒ๐’‚'๐’†

โœ”๏ธ ๐‘๐š๐ค๐ค๐ข๐ง๐š ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐–๐จ๐ฅ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐š ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐˜๐š๐š๐๐๐จ๐จ ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐ƒ๐ก๐ฎ๐ค๐ค๐ฎ๐›๐š ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐‡๐š๐ง๐ช๐ข๐ง๐š ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐‘๐š๐ค๐ค๐จ๐จ ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐†๐š๐๐๐š ๐Š๐ž๐ž
โœ”๏ธ ๐ƒ๐ก๐ข๐ฉ๐ก๐ข๐ง๐š ๐Š๐ž๐ž

โœ… ๐Š๐š๐ง ๐ˆ๐ง๐ง๐ข ๐Š๐š๐ง๐š ๐‡๐ฎ๐ง๐๐š ๐…๐ฎ๐ฎ๐๐ก๐ž๐ž ๐ƒ๐ž๐ž๐ฆ๐ฎ ๐‘๐š๐›๐›๐ข ๐’๐ข๐ข๐Ÿ ๐‡๐š๐š ๐“๐š๐š๐ฌ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ.

โ™ป๏ธ ๐Ž๐›๐›๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐Š๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐Š๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐›๐›๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐Š๐ข๐ฒ๐ฒ๐š ๐Š๐š๐›๐š๐ฃ๐š๐ฆ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐๐š๐ ๐š ๐–๐จ๐ฅ๐ฎ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐†๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐ž๐ž.

ุชู‚ุจู„ ุงู„ู„ู‡ ู…ู†ุง ูˆู…ู†ูƒู… ุตุงู„ุญ ุงู„ุฃุนู…ุงู„  ูƒู„ ุนุงู… ูˆุงู†ุช ุจุงู„ู ุฎูŠุฑ

๐ฉ๐ซ๐ž๐ฉ. ๐๐ฒ: ๐š๐™ฐ๐™ต๐™ธ๐™ธ๐š€๐š„๐™ป ๐™ธ๐š‚๐™ป๐™ฐ๐™ฐ๐™ผ



@Kennaapost. @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Gaaffilee Ustaaz Ahmaddiin Jabal kaase kanneen xiyyeeffannaa gaafatan, ummanniifi mootummaan itti xiyyeeffatanii furuu qaban keessaa:

1. Dhimma salaata Jumu'aa ilaalchisee barattootaafi hojjattoota mootummaatiif furmaata ifaa barbaachisa. Namni mana barumsaa keessa ture rakkoo isaa sirriitti beeka.

2. Hijaabni barattoota Muslimaa Itoophiyaa keessatti gaaffii seeraan deebii argachuu qabuudha. Sababa hijaabaa qofaaf elemantarii jalqabee hanga Yuunivarsitii shamarran Muslimaa rakkoo isaan irra ga'u himamee hin dhumu.
Ni yaadattu yeroo barsiisonni baalageen hijaaba ijoolleetiin gabatee gurraacha haxooftu.

3. Rakkoon salaataa kan manneen barnootaafi yuunivarsitii keessaa furmaata argachuun dirqama. Hanga qormaanni ga'uun ijoollee Muslimaa irratti hagam burjaajiin akka uumamu walumaan beekna.

4. Dhaabbilee mootummaa adda addaa kanneen akka daandii xiyyaaraa dabalatee dambiilee Muslima dhiibu baasanii akka Muslimni carraa dhaabbaticha keessa hojjachuu hin arganne gochuun sirreeffamuun dirqama.

Gaaffileen kana fakkaatan baay'eedha. Isa amma Ahmaddiin kaase mootummaan sirriitti ilaalcha keessa galchuudhaan furmaata itti kennuu qaba. Miidiyaaleen keenyas kanarratti osoo xiyyeeffatee gaariidha. Rakkoo barattoota keenya irra ga'aa ture kana ni yaadattu mitii?




@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Dhaamsa Ramadaana Boodaa
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

1. Somana kan Ramadanaatitu dhume malee.. Soomanni sunnaa kan Rabbitti si dhiheeysu hin dhumne.. hedduutu hafe.. jabeeyfadhu..

2. Qur'aanni Ramadaana qofaaf hin buufamne. Yeroo Ramadaanan alaatis qara'amuu qaba.. Ramadaanni baheef qur'aana Rabbiitiin hin oodin..

3. Masjiidni (manni Rabbii) Baatii Ramadaana qofaaf hin banamu.. Amata guutuuf banaadha.. Mana Rabbii keetii hin onsin..

4. Salaatni niis yeroo soomana qofa waajiba hin godhamne.. Amata guutuu dirqamni isaa itti fufa.. Ramadaana qofa salaattee dhiisudhaan Rabbii khe fitti hin dallansiisin..

5. Salaatni (dhaabbanni) leyliidhaatiis Ramadaana kheysa kharaa hin godhamne.. Ramadaanaan alattiis sunnaa akkaan jajjabduudhaatii.. iimaana keetiin tiyfadhu..

6. Sunnaan witrii tiis sunnaa jajjabduudha.. wasiyyaa Rasuulaatii s.a.w.. dhaamsa Nabii keetii s.a.w harka itti maradhu.. itti ciniinnadhuu.. aadaa godhadhu..

7. Rahima khe maxxanfachuunis abooradee Ramadaana qofaan sirraa hin dhumtuu quba qabaadhu.. Haqni isaanii amata guutuu ni jiraa.. yeroo hunda isaan ziyaaruu fi hariiroon teeysan tiyfachuudhaan Rahmata Rabbii arkadhu..

8. Wasanni Rabbii (diliileen) Ramadaana kheeysa qofa hin haraamoytu.. akkuma ramadaana kheysa haraamirraa fagaattu daran Ramadaan alattiis wasana Rabbii keetii tiyfadhu..

9. Adawwichi kheenya guddaan (sheyxaanni) hidhamuun isaa Ramadaana qofa akka tahees hubadhu.. Ramadaan alatti gad dhiifamaadha.. iimaana Ramadaana kheysa arkatte kana waraana godhachuun itti duuli.. qabsoo itti godhi.. Rabbii kheetiin gargaarsifadhu..

10. Soomanaafi ibaadaa tee akka Rabbiin sirraa qeebalu kadhaa heddumeeysi.. // namni hedduun Ramadaani banaan akka waan isaaf qeebalamuun shakkii hin qabneetitti yaada.. mu'uminni garuu ni yaaddawa.. ummanni salafaa (gaggaariin nu dura dabran) ramadana booda ji'a jaha akka Rabbiin irraa qeebalu kadhatan.. atiis akka Rabbin sirraa qeebalu kadhaa heddumeeysi..

11. Namni Ramadaana soomanee shawwaalarraa jaha itti aanse.. akka nama amata guutuu soomaneeti ja'an ergamaan Rabbii s.a.w.. soomanuu hin dagatiin..

Guyyaa jahan walitti dhaabdee soomanuus ni dandeeysa.. addaan mummurtee somanuus ni dandeysa.. feetu gama duraatitti.. feetus gama jidduutti akkasuma kudhanan boodaa kheysallee soomanuu ni dandeeysa.. baatii shawwaalaa dabarsinaan ammo hin tahu..

Rabbiin Nurraa haa qeebalu.. warra bara hedduu daddeebiee soomanu nu haa godhu..

By: Abdallaah





@Kennaapost @Kennaapost




hottg.com/Kennaapost
โœ๏ธWAA AFUR DURSII HUBADHU โ€ผ๏ธ
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
๐Ÿ‘‰1: Jireenya Booda Duuti Akka Jirtu
๐Ÿ‘‰2: Qabeenya Booda Dhabuun Akka Jirtu
๐Ÿ‘‰3: Dargaggummaa Booda Dullumti Akka Jirtu
๐Ÿ‘‰4: Gabrummaa Booda Bilisummaan Akka Jirtu
โœ๏ธWaan Afur Hin Jaalatin!!!
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
๐Ÿ‘‰1: Dubbii Dharaa Odeessuu
๐Ÿ‘‰2:Osoo Hin Argin Dharaan Murteessuu
๐Ÿ‘‰3: Iccitii Tee Nama Hundatti Himachuu
๐Ÿ‘‰4: Namaa Gaditti Xiqqaattee Salphattee Jiraachuu

โœ๏ธWantoota Afuran kana Akkaan Ifirraa Eegi !!!
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
๐Ÿ‘‰1:Hin Jarjarin Dura Duutaa
๐Ÿ‘‰2: Hin Boonin Hiree Dhabdaa
๐Ÿ‘‰3: Hin Aarin Daftee Dulloomtaa
๐Ÿ‘‰4: Hin Kijibin Ni Jibbamtaa

โœ”๏ธYaa Rabbii keenya waan badduu hunda nurraa qabii waan toltuu taate hunda nutti Qabi.

โœ”๏ธWaan dubbistaniif galatoomaa

๐ŸคHiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

โœ”๏ธ๐Ÿ•ฅGฮฑโ„“ฮฑั‚ฯƒฯƒะผฮฑฮฑ โ€ผ๏ธ
ฮฅั”ส€ฯƒฯƒ Gฮฑฮฑส€ฮนฮน

sสœแด€ส€แด‡โ—ˆsสœแด€ส€แด‡โ—ˆsสœแด€ส€แด‡




@Kennaapost @Kennaapost




hottg.com/Kennaapost
Masuud Ozil tapha liigii Awurooppaa irratti Qur'aana banatee da'awaa godhe
~~~
Tapha liigii Awurooppaa walakkaa xumuraatiin kilabni Arsenal fi Atletico waliin morkachuuf dirree seenan. Garuu taphni kun morkii olaantummaa kubbaa goonfachuuf taasifamu caalaa taatee adduunyaa ajab jechisiise biraa keessummeesse.

Deeggartoonni kilaba Atletico taphataa collee kilaba Arsenal irra darbee adduunyaa guutuu irratti jaallatamummaafi beekamtii guddaa horate Masuud/ Mesut ร–zil irratti osoo inni dirreedhuma kubbaa keessa tapha urra jiruu daabboo darbatan.

Garuu wanti isaan hin yaadne ta'e. Gochi akkanaa Oziliin dabalatee taphattoota amantaa Islaamaa hordofan akkasumas kanneen hiddaan gurraacha ta'an irratti warra jibba amantaafi sanyiin macha'aniin hinuma raawwatama. Wanti ajaa'iba ta'e daabboon itti darbatamuu osoo hin taane deebii Ozil kenneedha.

#mesutozil gadi gugguufee daabboo (midhaan) isatti darbatame kana lafaa ol fuudhee dhungate. Haala kanaanis wallaalota barsiisuun akka danda'amu mul'ise.

Ozil dargaggoo muslimaa amantaa isaatti jabaataadha. Islaamummaan ammoo waa qisaasessuu hin dhorka. Inumaa warri qisaasessan obboleeyyan sheyxaanaati jedha Qur'aanni.
ุฅู† ุงู„ู…ุจุฐุฑูŠู† ูƒุงู†ูˆุง ุฅุฎูˆุงู† ุงู„ุดูŠุงุทูŠู† ูˆูƒุงู† ุงู„ุดูŠุทุงู† ู„ุฑุจู‡ ูƒููˆุฑุง (ูขูง)
Dhugumatti, warri qisaasan obboleeyyan sheyxaanaa taโ€™aniiru, Sheyxaannis Gooftaa isaatti akkaan kafaraa taโ€™eera.
[ุงู„ุฅุณุฑุงุก : 27]

Maarree muslimtichis maal godhe? Ajaja Allah hojiirra oolche, Rabbiif jecha of qabe.

#Mashallah habiibii Ozil

ยฉ Amar Temam





@Kennaapost @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Dhaamsa obbolummaa
-------- ----------
Nama dogongora namaatti qoosu yeroon arge isa balleyse caala isa qoosuufin rifadha.

Ta rabbitti balleysan towbaa qabdi, tan namatti balleysan garuu towbaa gochuun alatti abbaa itti balleysine san dhiifama gaafachuutti haajamti.

Yeroo badii namaa argitee lubbuun tee nama san tuffachuu si barbaadde, anis rabbumatu na sattare malee badii kana caalu hedduun qaba tahuu yaadachuun dirqama.

Yeroon an waa balleyse namni natti qoosuun akkuma na aarsee xiiqiitti na galchu namni biraas akkasitti yaadaa wanti ja'u nu keessa jiraachuun gaarii dha.

Namni tokko tokko yeroo aare waan waggaa 10 jaare daqiiqaa 10 keessatti diiga, nuti nama diigmaya san gargaaru yoo taane jecha rabbii kana akkam godhuuf deemna?!

{ููŽุจูู…ุง ุฑูŽุญู…ูŽุฉู ู…ูู†ูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ู„ูู†ุชูŽ ู„ูŽู‡ูู… ูˆูŽู„ูŽูˆ ูƒูู†ุชูŽ ููŽุธู‘ู‹ุง ุบูŽู„ูŠุธูŽ ุงู„ู‚ูŽู„ุจู ู„ูŽุงู†ููŽุถู‘ูˆุง ู…ูู† ุญูŽูˆู„ููƒูŽ ููŽุงุนูู ุนูŽู†ู‡ูู… ูˆูŽุงุณุชูŽุบููุฑ ู„ูŽู‡ูู… ูˆูŽุดุงูˆูุฑู‡ูู… ูููŠ ุงู„ุฃูŽู…ุฑู ููŽุฅูุฐุง ุนูŽุฒูŽู…ุชูŽ ููŽุชูŽูˆูŽูƒู‘ูŽู„ ุนูŽู„ูŽู‰ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุฅูู†ู‘ูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูŽ ูŠูุญูุจู‘ู ุงู„ู…ูุชูŽูˆูŽูƒู‘ูู„ูŠู†ูŽ}

(Yaa Muhammad!) rahmata Rabbi irraa taโ€™een isaaniif laafte, Odoo ati nama haala gadheefi qalbii gogaa taatee silaa si biraa facaโ€™u. Irra isaaniif darbi; isaaniifis araarama kadhu; dhimmoota (adda addaa) irrattis isaan mariโ€™achiisiYeroo murattes Rabbirratti hirkadhuDhugumatti, Rabbiin warra (Isa) irratti hirkatan ni jaalata.
[ุขู„ ุนู…ุฑุงู† - ุขูŠุฉ ูกูฅูฉ]

Ergamaa rabbii gaarii saniin eega rabbiin laafi ja'ee anaaf ati hoo maal gaafatta.
Ergamaa rabbii jalaahuu faca'uun isaanii yoo khan malu tahe maaf dhaamsi khee fuudhamuu dhabuun akkanatti nu aarsa?!

Muaz Nazif




@Kennaapost @Kennaapost




hottg.com/Kennaapost
Mee murteessaa
~~~
Giifti duree Faransaay Brigiit Maakroon

Dambii uffannaa barattoota dhaabbilee barnootaa Faransaayiin uffannaan dubartoota Muslimaa hijaabni akka dhorkamu yeroo dhiibbaa gootu akkas jette:-

''Kanneen hijaaba uffatan barattoota isaan kaaniif haara galfii hin kennanu, madda sodaafi dhiphinaa isaanitti ta'u'' jette.

Suuraa irratti kan argitan kun isiifi muslimoonni akka hin balaaleffatamne, hijaabni akka hin dhorkamne biyya Faransaay keessatti qabsoo guddaa gaggeessuun kan beekamtu Saalwaadha.

Mee Rabbiif jedhaatii kan nama sodaachisu, barattoonni yeroo argan kan rifataniifi kan dhiphisee haara galfii nama dhabsiisu kami isaan kana keessaa?

ยฉ Amar Temam



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
SALAATA
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Hin hifatinii Obsaan naaf dubbisi si fayyadaa

==> Dirqama RABBII kiyyaa.
==> Dhaamsa nabiyyii kiyyaa S A W.
==> Mullistuu amantii tiyyaa.
==> Mirkaneeysituu eenyummaa kiyyaa.
==> Dasii ija tiyyaa.
==> Gammachuu lubbuu tiyyaa.
==> Dhiiyxuu dilii tiyyaa.
==> Ibsituu qabrii tiyyaa.
==> Raahaa lahdii tiyyaa.
==> Nuura qalbii tiyyaa.

==> Bareechituu fuula kiyyaa.
==> Fayyaa qaama kiyyaa.
==> Toolchituu haalaa fi amala kiyyaa.
==> Tasgabbeeysituu sammuu tiyyaa.
==> Eyduu nagaya kiyyaa.
==> Faaya jiruuf jireenya kiyyaa.
==> Ballistuu rizqii tiyyaa.
==> Qulqulleeysituu Qaama kiyyaa.
==> Hariiroo anaa fi RABBII kiyyaa.
==> Qulfii jannataa.
==> Rakkataaf furmaata.
==> Gammachiiftuu cinqataa.
==> Laaffiftuu waan jabaataa.


HIN LAAFFISIN, HIN XIQQEYSIN,
HIN LAKKISIN, HIN DHIISIN,
HIN TUFFATIN, HIN DAGATIN,
HIN HIFATIN, HIN JIBBIN,
BOODATTI HIN AANSIN,

YAROON SALAATI, JABEEYSI, JABEEYSI !!!


Habiibii kiyya !! Obboleeyyan keetiif SHARE Gootu malee bira hin dabrin !!


hottg.com/Kennaapost
Abadan na mo'achuu hin danda'an
~~~
Osoo warri dhihaa sirratti duulanii akkamitti Da'awaa itti fufte? Lubbuu keetiif hin sodaattuu? Kan jedhu ture gaaffiin isaaf dhihaate.

Hayyuun kun gaaffii kana jacha Ibnu Teeymiyaan (Rahimahullaah) jedhe tokko fayyadamee deebii kenneef. "Warri na jibban maal na gochuu danda'u?

Yoo na hidhan mana hidhaa keessa taa'een ibaadaa godha. Yoo biyya irraa na baasan dachii keessa deemeen Rabbi gabbara. Yoo lubbuu kiyya ba*asan Shahi*ideen ta'a. Gonkumaa waan tokkollee na gochuu hin danda'an jedhe daa'iin adduunyaa kanaa, manni kitaabaa guddichi jaarraa 21ffaa, mataa dhukkubbiin warreen dhihaa Dr Zakir Naik Rabbi si haa tiksu kan akka keetii nuuf haa baay'isu.

ยฉ Amar Temam



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Maalummaa Jannataa fi Azaabaa
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Mee Maalummaa Jannataa fii Jahannam kana sirritti xinxaluuf hadiisa Ergamaa Rabbii (S.A.W) kana dubbisaa jzk!

Rasuulii Rabbii (S.A.W) akkana jedhan: guyyaa qiyaamaa nama akkaan dunyaa kana irratti qanani'aa/bashannanaa fi sirritti qabeenya qabaachaa ture kan rakkina tokkollee argee hin beekne kan garuu jiruu duniyaa jala fiiguu malee aakiraa quba hin qabne kan sababa kana carraan isaa jahannam ta'e tokko malaay'ikonni fidanii sekondii tokkoof ibidda jahannam keessa ol seensisanii gadi baasanii yaa ilma Aadam guyyaa tokkoofille wanta qananii jedhamu argitee ni beektaa jedhanii yammuu gaafatan wallah ani jireenyuma koo keessatti takkaa qananii argee hin beeku rakkachaadhuman har'a gahe jedhee kakata sababni isaa rakkinaa fi hammeenyi laalaa jahannam sekondii tokkotti qananii inni addunyaa irratti qanani'aa ture san isa irraanffachisa jedhan Rasuulii Rabbii (S.A.W)

Yaa Rabbi najaa nu baasi! Ya Allah!

Itti aansuudhaan nama addunyaa kana irratti qananii argee hin beekne kan beelawaa, dheebotaa fi uffata dhabee daaree qullaa deemaa ture kan oso rakkatuu duniyaa irraa deeme kan garuu duniyaa irratti wanta aakiraaf isa barbaachu qopheeffatee ture kan sababa kanaa carraan isaa jannata ta'e tokko malaay'ikonni fidanii sekondii tokkoof jannata keessa ol seensisanii gadi baasanii

Yaa ilma Adam takkaa rakkina argitee beektaa jedhanii yammuu gaafatan wallah ani takkaa rakkadhee hin beeku qananii fi bal'ina keessan ture jedhe kakata sababni isaa qananii, bashannanaa fi wanta ijji hin argin kan gurri hin dhagayin kan wanti akkanaa ni jira jedhe hin eegin waan argeef sekondii tokkotti ni'maan jannataa rakkina duniyaa irratti rakkachaa ture san hunda isa irraanffachisa jedhen Rasuulii Rabbii (S.A.W)

Yaa Rabbi Nu Waffaqi Yaa Allaah!





@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu


Obboloota koo halkan Jumu'aa kana ergamaa keenya jaalatamaa irratti nagaa fi Rahmata buusaa!!!



Yaa habiibii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam


โ€Œ‎ุงู„ู„ู‡ู€ู… ุตู€ู„ู‘ ูˆุณู€ู„ู… ุนู„ู€ู‰ ู†ุจูŠู†ู€ุง ู…ุญู…ู€๏ทบู€ู€ุฏ โค๏ธ



@Kennaapost @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Tahiif....!!๐Ÿฅฐ

Yeroo haati manaa tee dadhabdu, ati akka abbaa isii tahi. Yeroo isiin boochu, ati akka haadha isii tahiif. Yeroo isiin dogoggortu, akka obboleessaatti isiif tahi. Yeroo isiin khomattu ykn qeeyxu akka hiriyaa isii tahi. Yeroo isiin sodaan itti dhagahamu, onnee teetitti isii kaasii akka jaalallee isii tahi. Yeroo isiin gorsa barbaaddu, ati akka obboleeyti isii tahi. Akkasuma akka ati yeroo hunda isii waliin jirtu, addunyaaf aakhirattillee isii hin ganne itti himi.

Namni tokko jaartii isaa sirritti kunuunsuuf digrii qabaachuun isa hin barbaachisu. Waa hubachuu, Onnee laaftuu fi amala gaarii qofa barbaada. Dhiirti dhugaan haadha manaa isaa akka filannoo osoo hin ta'in akka waan dursaatti kunuunsa. Namni dhugaa jaalalaa isaa gaaroommina gocha isaa guyya guyyaan agarsiisa. Tahiif nama dhugaa!! Nama jireenya isaa guutuu gaarummaa bifa gaarii namummaatiin jiraatu.

:ยจยท.ยทยจ:
`ยท. โค๏ธJaalalti mootiidhaa mataa isiitti !!๐Ÿฅฐ




@Kennaapost. @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu


Rabbiin eeysa jiraa?
โ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™คโ™ค

Gorsa bareedaa Sh/Amiin Ibroo

Dhageeyfadhaa waliif share godhaa!!!



@Kennaapost @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
HTML Embed Code:
2024/04/29 09:32:06
Back to Top