TG Telegram Group & Channel
W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ | United States America (US)
Create: Update:

Gaafas Maal Nuuf Wayya

Kutaa 1ffaa...

Gaafa guyyaan geessee
Amriin rabbii taatee
Garriin afuufamtee
Aduun lixaan baatee

Socho'iinsa jabaa
Gaaf dachiin sochootee
Waan garaashee jiru
Hundaa ifa gootee

Gaafa ilmi namaa
Hundinuu kaafamuu
Osoo hin uffatin
Kan qullaa dhaabamuu
Waan dabarsee dufe
Irraa gaafatamuu

Gaafa abbaan ilmoo
Gatee biraa dheessuu
Gaafa haati ulfaa
Naasuun ilmoo deessuu

Siraax dabalatee
Hisaabaf miizaannii
Ragaan hojii keenya
Gaaf dhufe kitaabni

Waggaa kum shantam
Hunduu ni dhaabbataa
Ebaluu koo jedhee
Eenyu wal gaafataa?

Wal arguun hin jiru
Qullaa dhaabbatanii
Nabsee nabsee jedha
Hunduu gaafasanii

Meeti ree gamoon kee
Liiftin buutee baatuu
Meeti makiinan kee
Kan si baatee kaatuu

Meeti ree soofan kee
Kan ati irra teessuu
Meeti ree firiijin
Hoo'aa qabbaneessuu

Meeti ree sireen kee
Kan ati irra ciiftuu
Hirriba filattee
Kan salaata dhiiftuu

Meeti ree digriin kee
Kan ittiin of dhaadduu
Ani beekaa jettee
Ittiin boonuu yaadduu

Lafarratti hafe
Hundumtuu hin jiruu
Gaafas si fayyadu
Rakkina kee hin furuu

Kutaan 2ffaan itti fufa

Qaasim Kadiirin

Join Join Join
👇👇👇👇

https://hottg.com/walaloo_islaamaa_telegram

Yaada nuuf kennuuf

https://hottg.com/FiraafanK_telegram

Gaafas Maal Nuuf Wayya

Kutaa 1ffaa...

Gaafa guyyaan geessee
Amriin rabbii taatee
Garriin afuufamtee
Aduun lixaan baatee

Socho'iinsa jabaa
Gaaf dachiin sochootee
Waan garaashee jiru
Hundaa ifa gootee

Gaafa ilmi namaa
Hundinuu kaafamuu
Osoo hin uffatin
Kan qullaa dhaabamuu
Waan dabarsee dufe
Irraa gaafatamuu

Gaafa abbaan ilmoo
Gatee biraa dheessuu
Gaafa haati ulfaa
Naasuun ilmoo deessuu

Siraax dabalatee
Hisaabaf miizaannii
Ragaan hojii keenya
Gaaf dhufe kitaabni

Waggaa kum shantam
Hunduu ni dhaabbataa
Ebaluu koo jedhee
Eenyu wal gaafataa?

Wal arguun hin jiru
Qullaa dhaabbatanii
Nabsee nabsee jedha
Hunduu gaafasanii

Meeti ree gamoon kee
Liiftin buutee baatuu
Meeti makiinan kee
Kan si baatee kaatuu

Meeti ree soofan kee
Kan ati irra teessuu
Meeti ree firiijin
Hoo'aa qabbaneessuu

Meeti ree sireen kee
Kan ati irra ciiftuu
Hirriba filattee
Kan salaata dhiiftuu

Meeti ree digriin kee
Kan ittiin of dhaadduu
Ani beekaa jettee
Ittiin boonuu yaadduu

Lafarratti hafe
Hundumtuu hin jiruu
Gaafas si fayyadu
Rakkina kee hin furuu

Kutaan 2ffaan itti fufa

Qaasim Kadiirin

Join Join Join
👇👇👇👇

https://hottg.com/walaloo_islaamaa_telegram

Yaada nuuf kennuuf

https://hottg.com/FiraafanK_telegram


>>Click here to continue<<

W͙a͙l͙a͙l͙o͙o͙w͙w͙a͙n͙ ᴵˢˡᵃᵃᵐᵃᵃ cོhོaོnོalོ






Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)