#Namoonni waa #sadii
keessaa waa tokkoof si #jibbu.
#Tokkoffaan, uumamaan namoonni addunyaan keessoo isaanii dukkanaa'e si jaallachuu hin danda'an. Namoonni bilchinni miiraa isaanii gad aanaa ta'e keessoo dukkana'aa keessa jiraatu.
#Addunyaan keessa kee dukkanoofnaan ifa arguu tasuma hin dandeessu. Namoonni akkanaa ifa ati addunyaa irratti ibsaa jirtu arguu waan hin dandeenyeef, dukkana kee xiqqoo irratti xiyyeeffatu. #Gaarummaa kee sagaltamii sagal arguuf ga'umsa waan hin qabneef, #mudaa kee tokkittii ilaalu. Isheetti quba qabu.
#Lammaffaa, namoonni tokko tokko bakka ofii ga'uuf yaalanii dadhaban gaafa ati geessu akka waan ati galma isaanii isaan saamteetti itti dhaga'ama. #Abjuu isaan abjootanii bira qaqqabuu dadhabanitti gaafa milkooftu miirri gaariin itti hin dhaga'amu. #Diinota kee ta'uu filatu. Kana irraa kan ka'e humna qaban hundaan ol ka'insa irra jirtu irraa gad si buusuuf asii ol dhagaa sitti darbatu. #Hamilee kee cabsanii deemsa kee daangessuuf karaa isaaniif danda'ame hunda deemu. #Jireenya kee keessatti namoota akkanaaf deebii deebisuuf jettee ol ka'insa kee irraa gad hin bu'iin. Gad buutee isaanii waliin taphachuu gaafa eegalte mo'amteetta jechuudha.
#Sadaffaa immoo, namoonni tokko tokko uumamumaan #hinaaftota waan ta'aniif si jibbu. Si jibbu garuu jibba si jibbaniif sababa hin qaban.
#Namoota si jibban keessaa hedduun hamma isaaniif danda'ametti jibba isaanii baasanii hin mul'isan. #Gaaf tokkoof ol kaa'atanii gaafa ati dogoggora xiqqoo raawwattu dhagaa isaanii guuranii si rukkutuuf dhufu. #Gaafa ati waan gaarii hojjette #galatoomi jedhanii kan hin beekne gaafa mudaa kee argan garuu saffisa ifaan maqaa kee balleessu. Namoonni akkanaa #balaafamoodha. Kan garaa garaa kaa'atanii ilkaaniin si sobu; keessi isaanii ibidda hinaaffaan gubachaa fuula ifaan si gowwoomsu. "Obboleessa koo" siin jechaa harka diinummaa si irratti ol fudhatu.
Via Ebisa Bayissa guyyaa gaarii qabaadhaa.
@join here
@sammuukoof
@sammuukoof
>>Click here to continue<<