Hin dagannee hin irraanfannee
Seenaa guyyaa kaleessaa
Harma muraa aanolee
Lafee calanqoo tuulee
Calanqoo caliidhaa
Dubbatteen dhagayee
Anooleen owwaattee
Sagaleen ol Ka'ee
Godaannisa qalee
Madaa dhiiga yaa'ee
oromoon falmachuuf
Garayyuu ol Ka'ee
iyyaa iyyaa iyyaa
iyyaa dabarsaa
Gabroonfaa didaa
Hiddaan buqqaasaa
Sabni cunquurfamee
Kaa'aa wali Tumsaa
>>Click here to continue<<
