TG Telegram Group & Channel
Egeree Post | United States America (US)
Create: Update:

Jaarmiyaan Kubbaa Miila Addunya hoogganu, Fifa'n pireezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen Luwiis Rubiyaalees, kan Waancaa Addunyaa dubartootaarratti taphattuu biyya isaa hidhiirra dhungate irratti qorannoo eegale.
Pireezidantichi sirna badhaasaa Waancaa addunyaa irratti taphattuu Ispeen Jeenii Hermoosoo hidhiirra dhungachuun isaa tarkaanfii amala badaa irratti fudhachiisaa kan jedhu Fifa'n qorachuu eegaleera.
Pireezidantichi sirna badhaasaarratti Hermoosoo dhungachuun dura ammoo Ispeen Ingilaandiin mo'achuu mirkaneessuuf taphachiistuun wayita fiishkaa isa xumuraa afuuftu naannoo qama saalaa isaanii qabachuun gammachuu ibsatan.
Aanga'aan kun gocha sirna badhaasaarratti godhaniif dhiifama gaafatanii kan ture ta'us, Ministira Muummee biyyattii dablatee qaamolee adda addaarraa dhiifama gafachuun gaha miti jechuun dhiibbaa irratti gochaa turan.
Qondaalli kun tarkaanfii disippiliinii irratti fudhatamuuf qorannoo eegalameen cinaatti aangoo isaanii gadhiisuuf murteessuu gabaasaaleen Ispeenii bahan ni mul'isu.
Luwiis Rubiyaalees Jimaata har'aa aangoo gadhiisuu isaanii ni beeksisu jedhamee eegama. Murtee isaanii kanas waahillan isaaniitti himaniiru jedhame.
''Rubiyaalees guyyaa boruu aangoo gadhiisa. Deeggarsa taphattootaa, mootummaa, Fifa fi dhaabbilee biroo bajata fedeeshinichaarratti hirkatanii dhabeera'' jechuun xiinxalaan kubbaa miilaa Ispeen Giiyeem Balaaguu Kamisa darbe X gubbaatti maxxanseera.
''Wanti itti aanu namni Ispeen jiru kamuu wanta ta'ee fi maaliif akka ta'e xiinxaluudha'' jedhe.
Fifa'n qorannoo eegaleen gochaan Rubiyaalees labsii disippiliinii Fifa keewwata 13 waan cabsu qabaafi hin qabuu adda baasa.
Fifa'n ibsa baaseen ''kabaja dhuunfaa namootaa kabachiisuu irratti ejjennoo hin raafamneefi murannoo qaba, amala faallaa kanaa ta'e kamuu cimsee balaaleffata'' jedhe.
Akka labsii disippiliinii dhaabbatichaatti, qondaaltotni qajeeltoo feer pileey fi amanamummaa kabajuu qabu.
Arrabsoon, mallattoo arrabsoo agarsiisuun akkasumas haala maqaa Fifa balleessuun sochii gochuun nama kamuu ni adabsiisa jedha labsichi.
Rubiyaalees taphni Ispeeniifi Ingilaand wayita xumuramu bakka VIP'tti giiftii Ispeen Letiziyaa fi intala ishee ganna 16 cinaa ture.
Booda waltajjiitti bahee wayita meedaaliyaa badhaasu ammoo Hermoosoo hidhiirra dhungate.
Qondaalli kun Wiixata darbe gocha isaa kanaaf dhiifama gaafatee ture. Ministirri Muummee Ispeen Peedroo Saanches garuu kun gahaa mitii jedhan. Ministirri Muummee Itti aantuun lammaffaa Yolaandaa Diyaaz ammoo kanneen qondaalli kun aangoo akka gadhiisu dhiibbaa godhan keessaati.
Waldaan taphattuu kanaaf dhaabatu Futpro gochaan kun osoo hin adabamiin bira darbamuu hin qabu yoo jedhu taphattuun dhungatamte ''waldaan kun fedha koof dhaabata'' jetteetti.
Taphattuun kun jalqaba Insitaagiraam gubbaatti wanta pireezidantichi raawwatan akka hin jaalanne ibsitus, boodarra ibsa maqaa isheen baheen, ejjennoo isaaf muggutuu agarsiifeetti.
Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ispeen jimaata kana yaa'ii ariifachiisaa waameera.
Telegramii Beeksisa hojii join godhaa #Share hiriyaa jaallatuuf godhi #Chaanela Beeksisa Afaan Oromoo
👇👇
https://hottg.com/michujobs

>>Click here to continue<<

Egeree Post

Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)