Waggaa17 dura Godina Shawaa Lixaa magaalaa Gincii keessa ol-adeemaan kutaa jahaffaa baratu kalaqni hojjete jiraattoota naannoo tajaajiluu eegaluun isaa tasa hidhaa isa buusee oole.
Gabaa fi daandilee gubbaatti raadiyoo fi televizhinii hojjechuu dide suphuu ijoollummaadhumatti kan eegale oladeemaan kun, telefoona guyyaa tokko argeen raajjefamee telefoona mataa isaa kalaqe.
Ol-adeemaan meeshaalee elektirooniksii suphuufuu namni amanee meeshaasaa itti kennachuuf rakkatu, telefoona kalaqee jiraattota magaalichaa kaffaltii xiqqaan tajaajiluu eegalee ture.
Kalaqni isaa bilbilaa kun gabaa harkisaa deeme, gurra dhaabbata teelekoomii Itoophiyaas gahe. Yeroo kana ture hidhaa bu'uuf fiixeerra kan gahe.
Kalaqni isaa kun amma kaampanii sooftiweerii oomishu akka hundeessuu bu'uura ta'eera. Abbummaa kalaqoota hedduu ittiin argachuufis ka'umsadha.
Ijoollummaa isaatti hojjetaa dhaabbata teelee ta'eera, achiis Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa oogummaa isaa barbaadee fudhate.
Boodas abbootii kalaqaa fi oogummaa addaa dhaabbata Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa(INSA) yeroo jalqabaaf hundeessan keessaa tokko ta'e.
Dargaggoon kun Israa'eel Beellamaa jedhama. Waggoota 17 oliif hojii oogummaa kalaqaa uumamaan argate, barnotaan deeggareera.
Dargaggoo Israa'eel waggoota torba dura carraa barnoota bilisaa biyya Ameerikaatti argatee, damee Saayibeer Sekiyuritiin erga eebbifamee booda biyyatti deebi'uun kaampanii softiweerii oomishu hundeessee duula magaalota dijitaalessuurratti hojjechaa jira.
Dargaggoo Israa'eel oogummaa waa kalaquu isaa gabbisuuf biyyoota addunyaa hedduurra naanna'eera. Dorgommii teeknolojii sadarkaa idila addunyaatti gaggeeffaman adda addaa irrattis hirmaatee maqaa biyyaa gaariin dhoofsiseera.
Bilbila akkamiin kalaquu danda'e?
Israa'eel Beellamaa yeroo kutaa jahaffaa baratu ijoollee ganna 13 akka ta'u tilmaama.
''Telefoona ijaan argee hin beeku ture. Akka carraa ta'ee gaafa tokko obboleessikoo hangafaa mana bilbilaa na fudhatee deeme. Nama achuma jiru malee nama fageenyarra jiru kan dubbise hin seene.
Wantan hin beekne tokko yeroo namni natti himu qalbiinan hordofa. Achii bilbilli kun akkamiin hojjeta jedheen xiinxaluu jalqabe'' jechuun kalaqni isaa akkamiin akka eegale BBC'tti hime.
Muxannoo isaa raadiyooniifi meeshaalee elektirooniksii kaan suphu irraa argateen wantootni akka kappaasitar, tiraanziitaraa fi kaan maal akka hojjetan baree akka ture hima.
''Namni raadiyooniidhaan yeroo dubbatu ani ''isa amma jette irra naa deebi'i'' osoon jedhee namni achi keessaa dubbatus isan dubbadhu na dhagahee yaadni bilbilaa ykn telefoonaa akka kanaan hojjechuu danda'a'' hubannoo jedhuun telefoona hojjechuu akka eegale dubbata.
''Asumarraa ka'een shiboo maramaa fi tirii biddeenaa fa'a qaxaqqaxeedhuman bilbila manaa hojjedhe. Bilbilichi hin lakkaawu, wanta warri teelee ittiin hojjetan waliinis qunnamtii hin qabu.''
Bilbila sibilotaafi dhoqqeerraa godhee kalaqe kana harmee isaatti bilbilee hojjechuu isaa mirkaneeffate.
Booda telee iddoo namoonni firoota isaaniif bilbiluu dhaqan dhokatee yeroo ilaalu sibiila akka golboo ol fagaatee fannifame arge.
Kanas sibilotuma raadiyoo keessa jiran walitti tumee tirii irratti nyaatan waliin bobbocee yeroo fannisu diishii ykn risiivarii sagalee akka harkisu achiis gara shibootti akka galuu danda'uu hubate.
'Wanta gabaan haasa'u diishii tirriirraa hojjedheen dhagaheen harmee kootti gatii xaafii himaan ture'
>>Click here to continue<<