TG Telegram Group Link
Channel: Al-Rayyaan
Back to Bottom
Neezerlaanditti lakkoofsi bataskaanota gara masjiidaatti jijjiramanii haalaan dabalaa jira

πˆπ’π‹π€πŒπˆπ‚ πŒπ„πƒπˆπ€  Ebla 19/2016
Yeroo ammaa masjiidonni biyya Neezerlaand keessatti argaman lakkoofsi isaanii yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa jira. Kunis biyyattii keessatti islaamummaan daran babal'achaa jiraachuu hordofeeti. Isaan keessaa waldaan Piroteestaantii 10, waldaan kaatolikii , kan Yahuudotaa 3 gutummaan guutuutti gara masjiidaatti kanneen geeddaramaniidha.

Neezerlaand keessatti waldaan Piroteestaantii waggaatti yoo xiqqaate namoota (hordoftoota amantichaa) 60,000 ta'an dhabuun yeroodhaa gara yerootti cufamaa jiru. Torbanitti yoo xiqqaate waldaan tokko cufamee gurguurtaaf ni dhihaata. Qorannoon dhiheenya kana 'Faith in the Future! Strategic plan for religious heritage' dhaan gaggeeffame akka agarsiisuutti waggoottan muraasaa as qofa waldaan kaatolikii 300, kan Piroteestaantii 600 fi Yahuudaa 10 akkasumas kan budahaa 1500'n cufamaniiru.

Maddi :-Spider Media
#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
    πŸ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
    πŸ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
Masjiidni fi Madaraasn Daarul Hijirateeni guyyaa hardhaa eebbifame.

πˆπ’π‹π€πŒπˆπ‚ πŒπ„πƒπˆπ€ Ebla 20/2016 Finfinnee
Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qoraaniyoo gandaa 03 keessatti ijaarama kan ture Masjiidaa fi madaraasan Daarul Hijirateeni guyyaa hardhaa bakka Hoggantoonni olaanoon Dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee argamaanitti bifaa hoo'a ta'een eebbifamaa ooleera.

Masjiidni fi Madarasaan kun haala adda ta'e fi Diizaayini addaatiin kan ijaarame yoo ta'u, Baasii Qarshii Miliyoonaa 48 oli kan itti bahe ta'u ibsaaniiru. Sirni eebbaa kun Majliisa magaalaa Finfinneettiin geeggeeffameera

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
πŸ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
πŸ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Kombolchaa walga'ii hundeeffama Mana Maree Ulamaa'ota Magaalaa Kombolchaatti gaggeesse jira

πˆπ’π‹π€πŒπˆπ‚ πŒπ„πƒπˆπ€ Ebla 20/2016
Naannoo Amaaraa Zoonii Walloo Kibbaatti, Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Kombolchaatti, walgahiin hundeeffama Mana Maree Ulamaa'ota Magaalaa Kombolchaatti gaggeeffamaa ooleera. Pireezidaantiin mana marichaa Sheek Ahmad Awal walgahii eebbaa irratti haasaa simannaa taasisan. Ummaa/dhaloota kana barsiisuuf itti gaafatamummaa jalqabaa Ulamaa’onni akka qaban hubatee hanga ammaatti Walloonis ta'e biyya keenyaa hedduun Ulamaa’onni Islaamummaa dhaloota kanaaf dabarsuu keessatti itti gaafatamummaa Rabbiin isaaniif kenne bahachuu isaanii dubbateera.

Ulamaa’onni mana maree ulamaa’ota kanaan filataman itti gaafatamummaa kallattii hedduu qabu kan Islaamummaan gara fuulduraatti barbaadu akka ba’atan waamicha gochuun imaanaa isaanii dabarsaniiru.

Dura taa’aan Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Naannoo Amaaraa, Mana Maree Ulamaa’ota Sheek Muhammad Xaahiris haasawa simannaa taasisanii, manni maree haaraa ijaarame sirna Ulamaa’otaaf mijateen geggeeffamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
πŸ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
πŸ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
HTML Embed Code:
2024/04/29 00:18:44
Back to Top