TG Telegram Group & Channel
➹IMALA KAAYYOO | United States America (US)
Create: Update:

Ministeera Barnootaa

Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 Koodiiwwan 12'n (Composition of Question Set) gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira.

Ministirri Ministeera Barnootaa Prof. Birhaanuu Nagga akka jedhanitti qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa akkuma duraanii koodii 4 (bakka taa'umsa gaafii adda addaa 4) osoo hin taane hanga 12 taasifamaa jira.

Hanna qormaataa ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa tokko ta’uu kan himan Prof. Birhaanuun tartiiba gaaffilee barattoota wal cinaa taa’anii tasumaa walitti hidhamiinsa akka hin qabne eeranii jiru.

Qormaanni kun Yuunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee federaalaatti akka kennamus ibsaniiru.

Ibsa Prof. Birhanu Nagga EPDf kennan:

"... Qormaanni mataan isaa ministeera federaalaa waan ta'eef dhaabbilee federaalaa qofa keessatti haa kenninu. Amma barattoota hunda fidnee, naannoo isaaniitin alatti bahanii, yunivarsitii keessatti qoruuf qophiirra jirra."
#MOE
@Myk15king @Myk15king @Myk15king



>>Click here to continue<<

➹IMALA KAAYYOO






Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)