TG Telegram Group & Channel
Gaarii yaadi | United States America (US)
Create: Update:

Dhaga'i siifan dhaamaa
================+++
"kan kootu caala" jettee
Hin faca'in yaa tiruu
Namni qaamasaa hiree
Milkaa'ee beekun jiruu

Ilaallachaa adeemi
Akkan kufne boollatti
Dafiitoo of deebisi
Duudha oromoo jalatti

Warra sabbata jettutu
Bofa ta'eetoo si hidda
Gadi taa'ii mari'adhu
Kan si caalu maaf didda

Gogaa harreen ijaartee
Dallaa jettee eeggattaa
Yuusa warabeessaatin
Jiguusaa maaf dagattaa

Walitti dhoqqee dibaa
Gaarii ormaan faarsinaa
Sareen ofii guddiste
Deebi'ee si ciniinaa
Maalif gatii dhabsiistu
Seenaa qabsoo ganamaa
Waliin malee hin bareednu
Dhaga'i siifan dhaamaa!!

Dhaga'i siifan dhaamaa
================+++
"kan kootu caala" jettee
Hin faca'in yaa tiruu
Namni qaamasaa hiree
Milkaa'ee beekun jiruu

Ilaallachaa adeemi
Akkan kufne boollatti
Dafiitoo of deebisi
Duudha oromoo jalatti

Warra sabbata jettutu
Bofa ta'eetoo si hidda
Gadi taa'ii mari'adhu
Kan si caalu maaf didda

Gogaa harreen ijaartee
Dallaa jettee eeggattaa
Yuusa warabeessaatin
Jiguusaa maaf dagattaa

Walitti dhoqqee dibaa
Gaarii ormaan faarsinaa
Sareen ofii guddiste
Deebi'ee si ciniinaa
Maalif gatii dhabsiistu
Seenaa qabsoo ganamaa
Waliin malee hin bareednu
Dhaga'i siifan dhaamaa!!


>>Click here to continue<<

Gaarii yaadi




Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)