TG Telegram Group & Channel
Dirree Aartii | United States America (US)
Create: Update:

Maal yakkite,

Isa hubatte,
Dhugaa dubbatte
Isa argite,
Dabaan falmite,
Haqaaf harqite...

(malee)

Maal balleessite?

Daandii irra dhufte jabeessite,
Balaa dukkana jalaa addeessite
Namoomaaf of kennitee dalagde
Oromummaaf umuriikee adabde
Lammiif dhormite,
Finnaaf mormite...

(malee)

...
Hidhaan sin teessifne
Reebichi sin deebisne
Jiiltee dabooma hin horre
Naatee qabsoorraa hin gorre
Keessikee,
qananii dhuunfaarra kan sabaa ilaala
Kanaaf,
Umurii jiraatterra kan hiraartetu caala!
....
Qalbiinkee
har'a miireffata,
kalee wabeeffata
Ijjikee,
borutti xiyyeeffata
Egeree xiiqeffata
Arrabnikee,
dhugaa tiksa
beekumsa labsa
...
Ati,
mogolee kaayyooti
duub-jiree qabsooti
Irbuu utubda
Sabaaf dhukkubda
Sanuu lallabda!
Sobdee hin kabeebsitu
Lammii hin madeessitu
Amanteekee hin hir'istu
Waan hinjirree hin tirsitu
Mararaa haati deesse,
Oftaateet har'a geesse!
...
Kan du'a siif gumaachan
Kan boo'a nutti galchan
maal hanqifte?
maal yakkite?
Dhugaaf buluun dabaa?
Oromoo ta'uun adabaa?
Beekaa, hubataa, ciichaa akkakeen ala,
Jireenyihoo eenyu-eenyuuf mala?
‘Biyyi’ ija-ija namaa adamsitu,
Eenyuufi kan qaccee dabarsitu?
Qalbiin gameessatti garaa jabaattu,
Jaarraa meeqa kan oljettee jiraattu?
(Ayii)
...
Ati,
qaroo qaraa qabu,
Anaa dhabu!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa ,
@Walaloon_Jaalala

Forwarded from Walaloon Jaalala (YW Kaachuu)
Maal yakkite,

Isa hubatte,
Dhugaa dubbatte
Isa argite,
Dabaan falmite,
Haqaaf harqite...

(malee)

Maal balleessite?

Daandii irra dhufte jabeessite,
Balaa dukkana jalaa addeessite
Namoomaaf of kennitee dalagde
Oromummaaf umuriikee adabde
Lammiif dhormite,
Finnaaf mormite...

(malee)

...
Hidhaan sin teessifne
Reebichi sin deebisne
Jiiltee dabooma hin horre
Naatee qabsoorraa hin gorre
Keessikee,
qananii dhuunfaarra kan sabaa ilaala
Kanaaf,
Umurii jiraatterra kan hiraartetu caala!
....
Qalbiinkee
har'a miireffata,
kalee wabeeffata
Ijjikee,
borutti xiyyeeffata
Egeree xiiqeffata
Arrabnikee,
dhugaa tiksa
beekumsa labsa
...
Ati,
mogolee kaayyooti
duub-jiree qabsooti
Irbuu utubda
Sabaaf dhukkubda
Sanuu lallabda!
Sobdee hin kabeebsitu
Lammii hin madeessitu
Amanteekee hin hir'istu
Waan hinjirree hin tirsitu
Mararaa haati deesse,
Oftaateet har'a geesse!
...
Kan du'a siif gumaachan
Kan boo'a nutti galchan
maal hanqifte?
maal yakkite?
Dhugaaf buluun dabaa?
Oromoo ta'uun adabaa?
Beekaa, hubataa, ciichaa akkakeen ala,
Jireenyihoo eenyu-eenyuuf mala?
‘Biyyi’ ija-ija namaa adamsitu,
Eenyuufi kan qaccee dabarsitu?
Qalbiin gameessatti garaa jabaattu,
Jaarraa meeqa kan oljettee jiraattu?
(Ayii)
...
Ati,
qaroo qaraa qabu,
Anaa dhabu!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa ,
@Walaloon_Jaalala


>>Click here to continue<<

Dirree Aartii




Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)