#Maaliifi_laata⁉️
Aarsan nuti kaffallu guddaa injifannoon nuti galmeessinu xiqqaa
Qabsoo sabni keenna gaggeesssaa tureefii aammas gaggeessaa jiru aarsaa guddaa hangana hin jedhamne itti kafaalaa jirra.
Aarsaan hangana gahu kuni yeroo hedduu injifannoo xiqqoo wahii galmeessaa inumayyuu qabsoon ganamee of duuba deebi'uun takka jedhee eegalama.
Mee ollaa keenna irraa fkn haa laalluu.
#Suudaan
Sirna Mootummaa Umar Al bashiir kan waggaa 30 ol isaan irra ture ofirraa kuffisuuf qabsoo gaggeessaniin ji'oota muraasa keessatti lubbuu 300 hin caalle itti gabbaruun injifannoo goonfatan.
#Tigray
Erga qabsoo qeerrootiin aangoo irraa ari'amtee maqaleetti galtee booda lola Abiyyiin hoogganamuun wal waraansatti erga seenanii booda miidhaan hagana hin jedhamneefii badiinsi lubbuu dhiittaan mirga namoomaa hedduun ummata tigraay irratti gaggeeffamus tokkommaan tahanii waraana biyya lamaa ka isaan waraanu dura dhaabatanii hinjifachuun guyyaa kaleessaa magaalaa guddoo teessoo mootummaa tigraay ta taate maqalee galan.
Aarsaan nuti kafallu maaliif kana hunda tahe ? maaliif galma qabsoo teennaa gahuu dadhabne ? Haga yoomii hayyuu keennaafii qabsaawota keenna lubbuun dhabaa jiraanna ?
Nuti hoo maal taaneeti laata kan bilisummaan akka kooraa gaalaatti nurraa fagaatte ⁉️
@abdataa3
>>Click here to continue<<