Walgahiin biyyoota dureeyyii torbanii, G7 jedhame waamamu dhimma Itiyoophiyaa keessattuu dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baasee jira.
"Haala beela namoottan kumaatamaan lakkaawwan keessaa seenan dabalatee Tigraay keessaatti jeequmsa adeemaa jiruun halli gaddisiisaan namoomaa hedduu nu yaaddeseera."
"Hookkora saalaa dabalatee badiinsa raawatamaa jiru hin balaaleffanna. Wareen yakka raawwatan qorachuudhaan itti gaafatamummaatti dhiheesuudhaaf komishiiniin olaanaan mirga namooma adduunyaa yaalii inni gochaa jiru nu deggarra," kan jedhe ibsi kun, diinummaan atattamaan akka dhaabatu, gargaarsaaf karaan akka banamu, waraanni mootummaa Eertiraa akka Tigiraay keessaa bahu gaafateera.
@abdataa3
>>Click here to continue<<