❝Horsiisee Bulaan Abbaa Hospitaalaas Ta'u Akka Danda'u Hawaasa Keenya Barsiisuu Qabna❞ — Dr. Godaanaa Jaarsoo, Abbaa Qabeenyaa Hospitaala Dirree Godaanaa Adaamaa
Magaalaa Adaamaatti Hospitaalli Yaala Waliigalaa Gamoo abbaa darbii 6 kan birrii Mil. 106 oliin ijaaramee fi Siree Ciibsanii Wal'aanu 50 qabu guyyaa har'aa bakka keessummoonni adda addaa argamanitti eebbiffamee hojii jalqabsiifamee jira.
Abbaan Hospitaala Dirree Godaanaa Dr. Godaanaa Jaarsoo yaada bu'uuraa lama qabannee hospitaala kana ijaarre jedhan. Isaanis Barnootaa fi tajaajila fayyaa yoo ta'an Horsiisee bulaan baratee sadarkaa olaanaa ga'uuf hedduu rakkata kanaaf mul'ata gaarii barnoota qulqullina qabuu fi tajaajila yaalaa qulqullina qabu kennuu qabaannee xiiqii fi kutannoon hospitaala kana banne jedhan.
Waggaa 10n dura kilinika xiqqaan jalqabnee har'a hospitaala banuurra geenyee kan jedhan Dr. Godaanaan kanas rakkoolee garaa garaa keessa darbuun kutannoon hojjenne jedhan.
Hospitaalichi meeshaalee laaboraatoorii guuttatee jira jedhame. Meeshaalee qorannoo olaanaa garaa garaas akka qabu himameera. Hospitaalichi yeroo ammaa hojjettoota 90 ol qacaree tajaajila fayyaa kennaa jira.
Keessummaan kabajaa sirna eebba Hospitaala kanaa Deetaan Ministira fayyyaa Dr. Darajjee Dhugumaa badhaadhinni biyyaa sirna fayyaa fooyya'ee fi qulqullina qabu malee yaadamuu hin danda'u jedhan.
Walitti dhufeenya dhaabbilee fayyaa mootummaa fi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa cimsuun riifoormii fayyaa haaraa hojiirra oolaa jirudha. Mootummaan invastimantii dhaabbilee fayyaa dhuunfaa cimsuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiras jedhan.
Hospitaalli eebbifame kunis meeshaalee guuttatee qabuun tajaajila quubsaa kennuu akka danda'u abdanna jedhan.
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
>>Click here to continue<<
