TG Telegram Group & Channel
Karaa Jireenya | United States America (US)
Create: Update:

Manali HIN DHUFTU!

Nama tokkotu cidha guddaa qoopheeffatee namoota 3 waame! Gaafa waamame sana namootni waamaman sun gammachuun waamicha waamaman sana fudhatan. Guyyaan waamicha yeroo gahu abbaan waamicha warra waammate kana bakka cidha sanaatti( bakka argamuu qabanitti akka argamaniif yaadachiisa nama itti erge. Garuu namootni sun hunduu ‘HIN QAQQABU! Deebii jedhu deebisan. Maaliif qaqqabuu diddu, dura waamicha kana jaalalaan fudhattanoo yoo ittiin jedhame sababa qabu.
SABABA AKKAMII QABU!

1. ANI LAFA HAARAAN ARGADHETTI HIN BARRE!
'Lafa biteen jira, dhaqee lafa kana ilaaluun anaaf ta'a, dhimman dhufuu dadhabeef itti anaaf himi!' Namni kun lafa kaleessaa utuu hin taane yaada lafa haaraa argatee keessa jira. Kanaaf waamicha dhiisee lafa haaraan Wal baruu irratti xiyyeeffate!

2. HORIIN ARGADHE ITTIIN HOJJEDHEEN ILAALA
'Qotiyyoo cimdii shan biteen jira, in qotuu fi hin qotanii isaanii ilaaluudhaaf kunoo, karaa irran jira!’. Inni kun horii argateen milkaa’uu fi Milkaa’uu dhabuu isaa ilaauuf waamicha dagate. Kanaaf namni waan baayyee bite immoo idaa qaba; kanaaf kasaaraa jalaa ooluuf waamicha kan dursu horiidha waan jedhee sababa gahaa dhiheesse fakkaata.
 Namichi inni 2ffaa kun warra waamicha kabajuu dadhaban 3 keessaa jecha addaa akkas jedhu dubbate “KARAA IRRAN JIRA!” Waamicha dagatanii horii faana qofa fiignaan yeroo hundumaa karaa irra jiru. Namni horiin qabeef, Namni horii qabate mana caalaa yeroo hundumaa karaa irra jira!

3. GAA’ILAN DHAABADHE!
'Dhi'oon niitii fuudhe, kanaafis qaqqabee hin dhufu'
Waamichi akka yeroo gaa’ila duraa kabajan miti. Gaa’Illinis waan baayyeen nama hidha. Kanaaf dura yeroon waamame hin fuune, amma nan fuudhe. Waamicha kabajuu dura gaa’ila waan jedhee sababa gahaa dhiheeffate fakkaata!
Mushurrummaaf erga waamicha isaa kabajuu dhiisee ganaa ulfa ta’uun jira kan amala nama dhowwu, ijoollee godhachuu jira kan ittuma yeroo namaa fi yaada namaa qabatu, wallaansoo jireenya maatiitu jira kan lakkoobsa hin qabne. Inni garuu ganamuma mushurrummaan HIN QAQQABU jedha!
Abbaan waamichaa kun maaliif lafa haaraa argattee miti; innoo baayyee gammadaaf isaaf lafichi lafa irraa quufu akka ta’uuf hawwa. Garuu lafa sana bituu dura isa waame! Maaliif horii ittiin misoomsitee jijjiiramtu argattee miti; innoo baayyee gammadaaf ittiin milkaa’uu isaas hawwaaf. Garuu abbaan waamichaa utuu inni horii sana hin argatin dura isa waame! Maaliif gaa’ila dhaabbattee miti; namni kun nama guutuu ta’uu isaatti baayyee gammadaaf! Waamichi garuu kophaatti gaa’ila dura isa qaqqabe. Waamichas kabajaa gaa’ilas eeggachuu fi itti gammaduu isaa barbaada.
Waamicha inni kaan lafaaf, inni kaan horiif, kaan immoo gaa’ilaaf irraa yoo kaatan iyyuu darbee nama qaba. Warra waamicha isaanii kabajan bakkee keessaa waammatee fide. Warri mana keessa jiran( Warri Waldaa Kiristiyaanaa keessaa) waamicha kabajuu yoo baatan iyyuu Waaqayyo Alaa waamee fidee nama waamicha isaa ittiin fiixaan baafatu hin dhabu!
Seenaan kun Luq 14:15-24 irra jira!
Hubachiisa! Lafis, horiinis ta’e gaa’elli kennaa Waaqayyo nuuf kenneedha! Waamicha keenya garuu nu gachiisiisuu fi nu dagachiisuu hin qabu!
Namootni kun waamicha isaanii kaleessaaf deebii HIN QAQQABU jedhu deebisan!
Ergaa kana share gochuun lallaba kana na waliin lallabuu keessaa qooda qabaadhu!
Eebbifamaa!

👉 Via Taarraqaa Abarraa

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
   @Forgiveness123
   @Jirraamallee
       🔺ᴊᴏɪɴ🔺

>>Click here to continue<<

Karaa Jireenya

Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)