TG Telegram Group & Channel
Caffee Mooraa-Jimmaa | United States America (US)
Create: Update:

Torbeewwan sooma guddichaa keessaa inni torbaffaan NIQOODIMOOS jedhamuun beekama. Niqoodimoos eenyu? yoo jenne Faarisaawwii hangafa Ayihuudotaa akka ta'e wangeela guyyaa sana dubbifamurraa ni hubanna. Niqoodimoos faarisaawwii haa ta'uyyuu malee akka Farisootaa of agarsiisaa, of tuulaa kan hin taane raacitii Fariisootaarraa kan fagaate ( mat 23, mat 16:6), Mootii Kiristoosiifis qofaasaa dhaabbatee kan falme(yoh7:50-51), ulfaataa foon gooftaa keenyaas qul. Yooseef waliin kan awwaale(Yoh 19:39) qulqulluu kan ta'edha.
Farisaawwii ta'ee hojii Farisootaa kan hin hojjenne, Ayihudii ta'ee fedhii Ayihuudotaa kan hin hordofne barsiisaa ajaa'ibaa yoo ta'u guyyaa akka hin dhufneef Ayihuudotni waan isa mormaniif halkan gara Kiristoos dhufuun kan baratu ture. Ayihuudonni kan Kiristoositti amane mana qulqullummaa keessaa haa arii'amu jedhanii labsanii turan, Kanaafis ture namicha ijjisaa banameef baasanii kan arii'aniif (yoh 9:22). Akkasumas guyyaa hojiin waan itti baay'atuuf hojiisaa xumuree dadhabbiifi nuffii malee  halkan gara gooftaasaa dhaqee barata ture. Ooriitii guyyaa akkaa barsiise, halkan wangeela barata. Kakuu moofaa akkaa barsiise, kakuu haaraa kan baratu barataa cimaa  nuufis fooniifi lubbuu keenyaaf fakkeenya kan nuuf ta'udha. Sababnisaas yeroo isaa fooniifi lubbuusaaf sirriitti fayyadameera. Yerootti seeraan fayyadamuu jechuun akka Niqoodimoositti yoo fayyadamnedha.

Nuti hoo akka Niqoodimoos yeroo keenya seeraan fayyadamneerraa???
Guyyaa hojii foonii keenyaan baay'ee qabamnee yoo ooleyyuu sa'atii arganne fayyadamnee gara mana qulqullummaa dhufnee jecha sagaleesaa(wangeela) barachaa jirraa? Yeroo qabnutti fayyadamnee wanti nuti raawwannu maalidha? Akka Niqoodimoos nama halkaniin deemee baratudhamoo?, akka yihuudaa nama maaddii nuuf dhiyaate dhiisee bahudha moo? yeroo keenya bakka hin barbaachisnetti balleessinee waaqayyoon kan gaddisiisnudha laati? Manni kiristaanaa keenya garuu kan nu barsiistu akka Niqoodimoos gara gooftaa deemnee waa'ee lammaffaa dhalachuu akka barannu, halkaniinis dhufnee  waaqayyoon ulfinaan akka jajannudha
.

>>Click here to continue<<

Caffee Mooraa-Jimmaa

Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)