TG Telegram Group & Channel
Caffee Mooraa-Jimmaa | United States America (US)
Create: Update:

KAN ITTI FUFE
KUTAA 2FFAA

  👉Hinaaffaan baay'ee ulfaatadha. Daawwit tikseen hoolaa guyyaa Gooliyaad ajjeese sana kan isaaf sirbame wanta hamaa kan itti fide sirbi tureera."Saa'ol Kuma ajjeese ;Daawwit Kuma kumatamaa ajjeese" jechaa sirbaniif. Sirbi tun gurra mootii Saa'ol bira gaafa geessu,Daawwititti waraana baay'ee itti darbachiiste.
👉Warreen gartuu Saa'ol ta'an namni biraa isaan irra gaafa galateeffamuu isaa argan hinaaffaan jaamanii maaddii irrattillee osoo hin hafin Seefii isaanii ni luqqisu.                                  👉Obboleessa mucaa bade sanaa yaadadhu.(Luq15:20) obboleessi isaa iddoo badee deebi'ee gammachuun gaafa taasifamu inni garuu muufate gara alaa bahee taa'e.
Yaa fira koo hinaaffaan Mana Kiristaanaa fi Mootummaa Waaqayyoo keessaa si baasa. Milkaa'inni nama biraa yoo si aarse akka obboleessa mucaa badee ala teessee biyyee haadhaa (caaraa)
" Lakkii gara manaatti ol hin galu" jechaa ofiin osoo haasoftuu hafta.                                 👉Qeequmsi warreen Ayihuudootaa Kiristoos irratti kaasan seeraaf quuqamanii osoo hin taane hinaaffaa irraa kan madde ture.

👉Philaaxoosuu 'Hinaaffaan dabarsanii akka isa Kennan ni beeka ture' jedha.Yeroo tokko tokko namoonni  hinaaffaa isaanii akka warreen Ayihuudootaa wanta biraan haguuganii qeequmsa ni dhiyeessu. Akka waan seera Waaqayyoof quuqamanii; sirnichaaf akka gaddan fakkeessuun,hinaaffaa fi jibbinsa keessoo isaanii jiru ni mul'isu. 

Diigamuu sanbataa, Qeesaariif gibira kaffaluu,Manni Qulqullummaa guyyaa sadii keessatti diigamee ijaarramuun akka isaan aarsee fi ciggaasisanii dubbatanis, dhugaan jiru garuu hinaaffaadha.

💒 "Hinaaffaan mana kee na nyaate" Gooftaan akkuma jedhe bara hundumaa hinaaffaan  garraamootaa fi (qulqulloota) baay'ee ni nyaatti .        
👨 Yaa fira koo kan biraatti ni Hinaafta yoo ta'e; ammuma kaansarii (cancer) keessa kee nyaatee fixu kanarraa of oolchi.
Mataa kee namoota biroo waliin hin dorgomsiisin.Lafa kana  irratti  Waaqayyo kan uume namni biraa si fakkaatu hin jiru.Si duursees sirritti namni biraa  si ta'e hin uumamne, gara fuuldurattiis hin uumamu.
Waaqayyo duraan kan hin hojjenne ,lamaffaas  irra deebi'ee kan hin hojjenne meeshaa filatamaa isaati waan taateef ofii kee namoota biroo waliin hin
dorgomsiisin.
🫵  Isiif qofa kan kenne Kennaan  jira waan ta'eef namoota biroo ilaaluu dhiisii ,eenyummaa kee isa qaalii keessoo kee jiru qootii baasi. Furtuun jireenya kee kan awwaalamee suma keessa.Warreen biroo irraanfadhuu gara ofii keetti gadi fageenyaan deebi'i.
Caaltee argamuu yoo barbaadde si amma jiru kana caalii si kan biraa guddaa ta'i.                                

👉👉Akka hinaaffaadhaan hin gubanneef namoota  biroos jaaladhu .
Yoo isaan jaalatte 'Jaalalli hin hinaafu waan ta'eef ' milkaa'inni isaanii siif madda gammachuu siif ta'a.Miirri hinaaffaas yeroo sitti dhaga'amu "Laphee koo hinaafaa naaf fayyisi" jedhii kadhadhu. 

🤌🤌🤌Koottaa Sirnaan yaa deddeebinu; sirbaa fi machiin hin ta'in ;ejjaafi halaalummatti hin ta'in; wal falmii fi hinaaffaan hin ta'in ( Rom 13:13).   

  Madda Dn Heenok Hayilee 
Akka Malaakuu.K hiiketti

>>Click here to continue<<

Caffee Mooraa-Jimmaa

Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)