TG Telegram Group & Channel
DANDI WANGELA | United States America (US)
Create: Update:

#Church and #Building
Amantootni Wangeelaa harka dhibba keessaa harki 98 fi isaa ol garaagarummaa #Waldaa fi #mana_sagadaa adda baasanii hin beekani. Namoonni hedduun jecha “#waldaa” ykn “#church” jedhu mana sagadaa tti fudhatu. Kun garuu raawwatee dogoggora cimaa dha.

Mee hiika jecha #waldaa ykn #church jedhu gabaabaatti haa ilaallu.
1. #Hiika_Giriikii: akka hiika Giriikiitti jechi waldaa jedhu kakuu haaraa keessatti "ἐκκλησία" (ekklēsia) yoo ta’u hiikni isaas walitti qabama ykn walga’ii jechuu dha. So, kun waa’ee namoota walitti qabamanii malee waa’ee manaa miti.
2. #Hiika_Hibruu tti: akka hiika Hibruutti jechi kallattiin ibsu hin jiru, garuu yaada kanaan kan wal fakkaatu jecha "קהל" (qahal), jechuunis walga’ii ykn amantoota jechuu dha. Ammas waa’een manaa ykn gamoo hin jiru.
3.#Hiika_ingiliffaa: akka jecha ingiliffaatti jechi Waldaa jedhu jecha ingiliffaa durii kan "#cirice" ykn "#cyrice," kan jecha Girikii "#kuriakon" jedhu irraa fudhatame fi hiikni isaas “kan Gooftaa” jechuu wajjin wal fakkaata. Ammas manni ykn gamoon hin jiru. Nama isa kan gooftaa ta’e, isa gooftaan keessa jiraatu malee.
Mana sagadaa
Haga jaarraa afraffaatti manni sagadaa kana fakkaata jedhamee hin beekamu. Amantoonnis mana namaatti, bakka baay’atanii walga’uun danda’amutti walitti qabamu turani. Jaarraa 4ffaa irratti Mootii mootummoota Roomaa Konistaantaayin irraa jalqabee mootummootni Roomaa hedduun kan itti fufan akkaataan ijaarsa mana sagadaa kiristaanaa boca mataa isaa qabachaa dhufe. Kunis tarkaanfii ittiin hiikni waldaa amantoota iraa gara gamootti ittiin ce’eef sababa guddaa ta’e.

Akka baraiisa kitaaba qulqulluu tti jechi Waldaa ykn “Church” jedhu kallaattiidhaan ijaarsa lubbuu qabeessa, isa namoonni Waaqayyoof adda ba’an Kristos irratti ijaaramaa ittiin adeeman hubannaa fi dhoksaa Hafuuraa ti. Yesus Pheexiroosiin “Anis sittan hima, akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta'e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara,”
#Maat. 16:18 gaafa jedhu gamoo baatta jechuu utuu hin taane namoota fayyanii qaama Kristos ta’anii ijaaramaa adeemanii ibsuufi.

Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! Waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa*!
Hojii Ergamootaa 20:28

Kun hiika waldaa isa sirrii dha.

Waldaan kakuu haaraa isheen jalqabaa gamoo guddaa hin qabdu, mallattoo fannoos balbala irraa hin qabdu, garuu dubbii fannoo Kristos lallabdi.

Isheen ammaa gamoo miidhagaa qabdi, balbala irraas mallattoo fannoo qabdi, garuu dubbii fannoo Kiristoos ganteetti, waan foonii lallabdi.

Egaa dhumni waan hundumaa dhiyaateera. 1Phex. 4:7
@dandiwangela

>>Click here to continue<<

DANDI WANGELA

Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)