Sodaa
Namicha tokkotu ture. Innis guyyaa maraa wayta hojii irraa bahee gara manaa galu saree naannicha jiru tokko itti iyyudhaan sodaachisuun isa rakkisu ture. Sagalee fi guddinni saricha haalan nama sodaachisuu irraan kan ka’e guyyaa hundaa manatti galuu yaadoo itti ta’e. Haata’u malee guyyaa tokko onnachudhaan dhagaa fudhate wayta itti darbuuf itti kalaawu wanta argeen rifanootaan ammanu dadhabe sabbabni rifanoota isaa sareen sun ilkaan hin qabu ture. Namichiis yeroo kana guutuu saree ilkaan hin qabneen sodaachifamu isaatiif guyyota dabarseef baay’ee sheenawe.
Seenaan kun wantii nu barsiisu wanta sodaane tokko yoo itti kaloofne(siqnee) ilaalle akka yaadneetti nu sodaachisu dhabu ni mala!
✪Muslim youth association✪
@ALNMYG®
@ALNMYG®
@ALNMYG®
Al-Nasr [نصر]🌟
>>Click here to continue<<