TG Telegram Group & Channel
🗝 ALMIFTAH TUBE 🔊 | United States America (US)
Create: Update:

Bara haaraa jenna
Baraan bara lakkaa'aa
Guyyaan inuma deema
Silas yoom gadi taa'aa

Har'a geenyeerraa kinoo
Bara meeqa darbinee
Bara haaraa malee
Wanta haaraa hin arginee

Namuu birraa jechaa
Gammachuun macha'aa
Baga geessan jedhee
Jechoota lakkaa'aa

Takka turraan garuu
Jalqabneerra shakkii
Bara darbe wayya
Baranarra lakkii

Yaa bara dheengaddaa
Yaa bara qananii
Shaayin shilingiidha
Shiroon birrii shanii

Bara kana ammoo
Wanti hundi cinqiidhaa
Kibriitin birrii shan
Kan dur shilingiidhaa

Barri tokko darbee
Kan biraammoo dhufaa
Bifa jijjiirratee
Rakkoon itti fufaa

Bara kaan waraana
Bara kaan dhukkubaa
Yookan hoongeen bu'ee
Ummata guggubaa

Rabbii guddaa qofa
Kan buqqaasu gufuu
Barri jijjiirameef
Jijjiiramni hin dhufuu......

Bara haaraa jenna
Baraan bara lakkaa'aa
Guyyaan inuma deema
Silas yoom gadi taa'aa

Har'a geenyeerraa kinoo
Bara meeqa darbinee
Bara haaraa malee
Wanta haaraa hin arginee

Namuu birraa jechaa
Gammachuun macha'aa
Baga geessan jedhee
Jechoota lakkaa'aa

Takka turraan garuu
Jalqabneerra shakkii
Bara darbe wayya
Baranarra lakkii

Yaa bara dheengaddaa
Yaa bara qananii
Shaayin shilingiidha
Shiroon birrii shanii

Bara kana ammoo
Wanti hundi cinqiidhaa
Kibriitin birrii shan
Kan dur shilingiidhaa

Barri tokko darbee
Kan biraammoo dhufaa
Bifa jijjiirratee
Rakkoon itti fufaa

Bara kaan waraana
Bara kaan dhukkubaa
Yookan hoongeen bu'ee
Ummata guggubaa

Rabbii guddaa qofa
Kan buqqaasu gufuu
Barri jijjiirameef
Jijjiiramni hin dhufuu......


>>Click here to continue<<

🗝 ALMIFTAH TUBE 🔊




Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)