TG Telegram Group & Channel
🗝 ALMIFTAH TUBE 🔊 | United States America (US)
Create: Update:

JAALALA HAATI ILMOO ISIITIIF QABDU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Haati daa’ima ishee kan booyu ofitti hammattee
teesse harma hoosifti. Hamma dandeettuun
“ushururuu” jettee eega raffiftee booda hujii
mana keessaa dalaguuf barbaaddi. Daa’imni
ishee kun Yeroo dheeraaf booyaatiin ishee
rakkisaa turus dhuma irratti garuu rafuun isaa hin
oolle. Madabii irra raffifteetiin hujii ishee kan
mana keessa hujuu eegalte. Ibidda eega
qabsiifattee booda soorata tolchuuf golaa fii
golloo seenuu jalqabde. Jiddumatti meeshaan
nyaata ittin bilcheessitu keessa isa tokko
dhabde. Ergifachuun dirqama ishetti tahee olla
irraa ergifachuuf altokko manaa isheetii gadi
baate. Mana ollaa tokko yommuu dhaqtu
meeshaa barbaaddu argachuu hin dandeenye.
Kan itti aanutti dabarte. Ammas argachuu hin
dandeenye. Kaanitti dabarte. Ammas ni dhabde.
Xumura irratti garuu mana ollaa tokkichaa
meeshaa barbaaddu argattee fuula ishee gara
mana isheetti deebifte.
Deebitee dhihoo mana ishee yommuu geettu
garuu wanta gonkumaa hin eegne ijji ishee arge.
Mana ishee belbelli ibiddaa itti qabatee gara
samitti ol-bobo’aa jira. Amanuu hin dandeenye.
Namootni naannoo ishetti argaman “uu’uu u’uuu”
jedhaa ibidda dhaamsuuf garana garas fiigu.
Tokko bishaan waraabee mana jissa. Kuun
immoo biyyee lafaa hammaree gara ibiddatti
darba. Haati manaa tun rifaatuun jidduu
namootaatiin baatee gara ibiddatti dhihaataa
dhufte. Duuba isheetii iyyiinsi “deebi’i deebi’i uu’
uu’uu” jedhu itti heddummaate. Haatahuu garuu
ibidda namootni sodaatanii fagotti irraa
dheessanii jiran kana keessa daa’ima ishee kan
homa takka iyyuu hin beeknetu keessa rafee
jiraaf ibiddi kun ishee hin sodaachifne, waamichii
fii iyyiinsi namootaa ofduuba ishee hin deebifne.
Fiigichaan ibiddaa keessa dabartee gara mana
keessaa aseente.
Ibiddi naannawa manichaa kallattii hundaanu
marsee jiru oo’a isaaf tahee yaada tokko ala kan
rafaa jiru bu’aa gadaamessa ishee bakkee rafee
jiru kaaftee ofitti hammatte. Jaalala daa’ima
ishee booyaatiin irra deddeebitee dhungatteen.
Booda irratti lubbuu isheetii fii daa’ima ishee
baraaruuf karaa ittiin ibidda keessa baatu
soqachuu eegalte. Ta’us ibiddi yeroo gara
manaatti ol-aseentu laafaa ture sun ammatti
belbelli hammaatee ishee jala gahee jira. Karaa
ittiin gadi baatu dhabdee rakkatte. Qaanqeen
ibiddaa bitaa fii mirga ishee irraa uttaalaa qaama
ishee fii daa’ima ishee irra bu’u lubbuu daa’ima
ishee akka ishee jalaa fudhataa jiru yommuu
yaadattu sodaa ishee keessatti uume. Tahus
wanta uumamee jiru kana homa takka kan irraa
hin beekne daa’imni ishee ija jaalalaatiin yommu
ishee ilaalu jabina isheef tahee sodaan ishee
keessaa bade. Duuti isaanii kan hin hafne tahus
lameen isaanituu baduu hin qaban. Hatattamaan
lafa mana ishee haateetiin daa’ima ishee of
jalatti hammattee gadi ciifte. Ibiddi garuu ammas
hin dhaabanne. Hanga mana guutuu gara
kasalatti jijjiiruutti boba’uu itti fufe.
Namootni ibidda dhaamsuuf asii fii achi fiigaa
turan ibiddicha dhaamsuun akka isaaniif hin
milkoofne yommuu beekan ibiddichi ufii isaatii
hanga boba’ee dhaamuuf eegan. Akkuma ibiddi
dhaameen haadhaa fii daa’ima awwaaluuf qaama
isaanii gubate fuudhuuf gara manatti dhihaatan.
Gurri isaanii booyicha daa’imaa ni dhagaha
jedhanii garuu gonkumaa hin yaadne. Haati
daa’imaa ofii isheetii gubattee duutus daa’ima
ishee garuu lubbuu akka baraarte hubatan.
SUBHAANALLAH!
================//==================
Wanti kana caalu mee maaltu jira laata? Jaalala
akka namni biroo haa jiraatuuf jedhamee lubbuu
ofii dabarsanii kennuu kan haadha ofii caalu
eessaa fii garamii argama laata? Nuti hoo jaalalli
haadha keenyaaf qabnu hagam takka nu keessa
jira? Meeqa keenyatu haawwotii keenyaan “ufff”
jennee isaan hifatnee, isaan ceeggifanna laata?
Yaa ALLAH!!!
Rabbiin keenya subhaanahuu wata’aalaa kan
jaalala akkanaa haadha keenya keessa kaahee

>>Click here to continue<<

🗝 ALMIFTAH TUBE 🔊

Share with your best friend
VIEW MORE

United States America Popular Telegram Group (US)