TG Telegram Group Link
Channel: WAMA
Back to Bottom
Qubee afaan Oromoo haaraa?
Forwarded from Oromo Diaspora Miidiyaa
Lolli Kaaba Itoophiyaa bifa haaraan TPLF fi humnoota Amaaraa gidduutti dhalateera.

Daangaa naannoo Amaaraaf Tigraay irratti waraanni Sanbata darbe eegale hanga ammaa akka adeemsifamaa jiru himame. Lola gaggeessaa jirtuun TPLF Raayyaa keessaa bakkeewwan hedduu dhuunfachuu ishee dhagaa'ameera. Allammaxxaa ammoo guutummaatti TPLF of harka galfachuu gabaasaaleen baha eeraa jiran.

Waggootaaf waraana jabaa keessummeessaa kan turte Kaabni Itoophiyaa dhiibbaa biyyoota alaaf keessaan walii galtee Piritoriyaan booda gara tasgabbiitti deebitee turte. Ta'us erga araarri mootummaaf naannoo Tigraay gidduutti dhalateen boodas akkaataa walii galteen hojiirra oolurratti wal atakaruun hammaataa ture. Guutuu isaaf👉

https://oromodiasporamedia.org/wp-admin/post.php?post=1341&action=edit
HTML Embed Code:
2024/04/27 05:37:39
Back to Top