TG Telegram Group Link
Channel: Al-Rayyaan
Back to Bottom
#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
    ๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
    ๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
   
Markazni Hifzii Qurโ€™aanaa Wahdatu An-Nisaaโ€™i kan Godina Halabaatti argamu raawwii karoora isaa ilaalchisuun sagantaa marii fi ifxaaraa geggeesse
...
#IslamicMedia: Bitoteessa 16/2016
...
Wiirtuun Hifzii Qurโ€™aanaa Wahdatu An-Nisaaโ€™i godina Halaabaa magaalaa Qullitoo keessatti dubartootaan hundeeffamee, dubartoonni qofti keessatti kan baratan yoo tahu, guyyaa hardhaa magaalaa Finfinnee galma Bilaalul Habash keessatti raawwii fi karoora hojii isaa ilaalchisuun sagantaa marii fi ifxaaraa geggeesse.

Waltajii kanarratti ulamoonni gurguddoon, ustaazonni, undeessitoonni markaza Hifzii Qurโ€™aanaa Wahdatu An-Nisaaโ€™i fi keessummoonni affeeraman kan argaman yoo tahu, hojii dhaabbtichaa fi imala hanga hardhaa keessa darbe, akkasumas karoora fuulduraaf qabate irratti mariin godhameera.

Wahdatu An-Nisaaโ€™i markaza nannoo kibba ityoophiyaatti dubartootaan hundeeffama kan jalqabaa akka taheefi, dhaabbata kana jajjabeessuun itti gaafatamummaa hawaasa muslimaa hundaa tahuu qaba jedhameera.
...

Maddi:- Haaruun Miidiyaa

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia

๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€
#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
    ๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
    ๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
   
Sagantaa Ifxaaraa guddicha Magaalaa Finfinneetti hardhaa geggeeffamu qophii isaa xumureera, kanas walqabatee daandiiwwan cufamanis ifoomaniiruu

#Islamic_Media :- Bitootessa 18/2016
Sagantaa Ifxaaraa guddichi kun guyyaa hardhaa Roobii  Addaabaayibayii Masqalaatatti qophaaโ€™uuf qophii isaa hundaa xumureera. daandiiwwan cufamanis ifoomaniiru

Guyyaa har'aa daandiiwwan konkolaataa cufamanis saโ€™a 5:00 irraa eegaluun akka taโ€™e Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Buโ€™uura kanaanis
๏ƒผ ๐Ÿ‘‰Daandiin 'Magganaanyaarraa gara Addaabaabayii Masqalaa geessu akkasumas gara mana amantaa โ€˜Qulqulluu Uraaโ€™eelโ€™.

๏ƒผ ๐Ÿ‘‰โ€˜Walloo safarโ€™ irraa gara addaabaabayichaa-Olpiyaa.

๏ƒผ ๐Ÿ‘‰Gootaraarraa gara Addaabaabayichaa.

๏ƒผ โ€˜Xoorhayilochโ€™ irraa gara Addaabaabayichaa.

๏ƒผ๐Ÿ‘‰ 'Piyaasaarraa'   Daandii Charchilii hanga Addaabaabayichaa.

๏ƒผ๐Ÿ‘‰Akkasumas Kiiloo 4 irraa karaa Ministeera dhimma alaa hanga Addaabaabayichaattidha jedhameera.


Maddi:- Miidiyaalee irraa

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
    ๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
    ๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
   
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
RAMADAANA 17 FII INJIFANNOO LOLA BADRII
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
Gabaabinaan Duulli Badrii guddittiin guyyaa Jumโ€™aa, Ramadaana 17, Bara Hijrii lammaffaa kheeysa godhamate. Duula Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam godherraa Isiin 5ffaadha.

Rabbiin duula Badrii โ€œYoowm Al-Furqaanโ€ Guyyaa dhugaa fii dharri addaan bahe jechuun Qurโ€™aana kheeysatti dubbate.

Sababaan Duulli Badrii argamteef: Abuu Sufiyaan bin Harb Shaam irraa Shammada Qureeyshii guddaa qabatee gama Makkaa akka deemaa jiruutu Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dhaqqabe.

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Qabeenya Qureeyshii guddaa karaa jiru san dhageenyaan Sahaabootaan: โ€œShammadduun Qureeyshii (dhufaa jirti), Qabeenya Isaaniitis harkaa qabdi, Gama Isii bahaa Rabbiin Boojuu teeysan godhuutu mala.โ€ Jeโ€™een.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akka Isaa wajjiin bahan dirqama hin goone. Sahaaboota irraa nama yeroo sanitti haalli mijjateef qofaatu wajjiin bahe. Isaa wajjiin nama 319-tu bahe.

Muslimoonni gama Badrii hoggaa bahan hedduun Isaanii miilaan deemaa turan, Gaala 70 qofaatu wajjiin jira. Namni sadii Gaala tokko wal faraqaa yaabbatan. Farda tokko qofa kan Muslimoonni qaban, sanis Miqdaad bin Amri (Miqdaad bin Al-Aswad) namni gulufuun.

Abuu Sufiyaan gama Isaatiin oduu Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam ifirraa qorataati karaa deema. Oduun bahinsa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam Isa geenyaan Damdam bin Amr Al-Ghifaarii gama Makkaati erge.

Damdam bin Amri makkaa dhaqee โ€œYaa tuuta Qureeyshii! horii kheeysan kan Abuu Sufiyaan wajjiin jiru dhaqqabaaโ€ jeโ€™een.

Mushrikoota Makkaa hattattamaan nama 1319 qabatanii bahan. Waraanni Qureeyshii Farda 100, Meeshaa waraanaa Sibiila irraa tolfame kan qomatti kaayatan 600, Gaala lakkooysaan akka malee hedduu qabatanii bahan.

Bakka Juhfaa jaโ€™amtu hoggaa gahan Abuu Sufiyaan horii Qureeyshiitiin akka miliqe isaan beeysiisuuf nama itti erge.

Abuu Jahl: โ€œhin deebinu, Hanga Badri dheeynee guyyaa 3 bullee, achitti Gaala qalannee, farshoo dhuynuutti.โ€ Jechuun deebiโ€™uu irraa nama dhorge.

Akhnas bin Shureeyq Gosa Banii Zuhraa irraa nama tahe hunda Abuu Jahl faalleeysee nama 300 fuudhee gama Makkaa deebiโ€™een.

Guyyaan haqaa fii dharri itti adda bahe ni dhufe. Ramadaanaa amata Hijrii 2ffaa, guyyaa 17ffaa Jumโ€™ata. Guyyaa san Rabbiin โ€œYoowm Al-Furqaanโ€ jechuun moggaase.

Qureeyshii irraa namni sadii achi bahee nama sadii nuuf gad baasaa jechuun dhaaddatan. Aadaa lola zamana sanitti waliif bahee namni tokko tokkoon wal laalla. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam nama sadii achi baaseef. Isaanis:

1. Ubeeydaa ilma Al-Haaris bin Abdu Al-Muxxalib Ilma Adeera Rasuulaati sallallaahu aleeyhi wasallam.
2. Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam.
3. Aliyyi bin Abii Xaalib ilma Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam.

โ€ข Ubeeydaan Utbaa bin Rabiโ€™aa wajjiin.
โ€ข Hamzaan Sheeybaa bin Rabiโ€™aa wajjiin
โ€ข Aliyyi Al-Waliid bin Utbaa wajjiin wal dura dhaabbatan.

Hamzaa fii Aliyyi warra bahaniif ajjeesuuf xiqqollee hin turre. Garuu Ubeeydaa fii Utbaan dhahinsa hamaa wal dhahanii lamaanuu kufan. Hamzaa fii Aliyyi Utbaa ajjeesanii Ubeeydaa miilli murame fuudhanii gama Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam deebiโ€™aniin.
Qureeyshiin Jeynoota isii sadii bakkatti dhabuun aaristee fiigaa lolatti if darbite.

Rabbiin Muslimootaaf tumsee lolli Injifannoo Muslimootaatiin dhumate.



Muslimootarraa lola Badrii irratti nama 14 kan wareegame. 6 Muhaajiroota irraahi, 8 Ansaara irraahi Rabbi irraa haa jaalatu.

Kaafiroota irraa ammoo nama 70 kan ajjefame, 70 kan boojiโ€™ame, warri boojiโ€™ame guddinaan hoggantoota.

Injifannoo boodaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Badri guyyaa 3 ture. San booda Sahaaboota Isaa wajjiin gama Madiinaa deebiโ€™e. Haala saniin duulli Badrii guddittiin raawwatte. Barruu kana Ustaaz Jaafar Bayaantu waggoottan dura katabe.

Guyyaa keessa guyyaan jira, guyyaan yoomuu hin daganne. #Alhamdulillah baga mo'anne.

ยฉ Amar Temam


@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Guutuu biyyaatti tajaajilli elektiriikaa addaan cituun himame

#IslamicMedia:= Bitootessa 19/2016

Guutuu biyyaatti tajaajilli elektiriikaa addaan cituun himame.
Harโ€™a saโ€™a 9:46 irraa eegalee Baahir Daariifi naannowaasheen alatti guutuu biyyaatti tajaajilli elektiriikaa addaan cituu Humni Elektiriikaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Rakkoo siistamarratti mudateen humni elektiriikaa addaan cituu kan beeksise Humni Elektiriika Itiyoophiyaa rakkicha baruuf hojjetaan jira jedheera.

Tajaajila elektiriikaa addaan cite bakkatti deebisuuf hojiin eegalamuufsaas Humna Elektiriikaa Itiyoophiyaa ibseera

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€
ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู…
ูˆุจุงุฑูƒ ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ูˆุญุจูŠุจู†ุง ู…ุญู…ุฏ ๏ทบ
๐ŸŒน๐ŸŒณJUMM'AA MUBAARAKโ˜˜๏ธ๐Ÿฅ€
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
Jumma'aa 3ffaa Baatii Ramadaana 1445ffaa

๐’๐ง๐ง๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ง ๐†๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐‰๐ฎ๐ฆ๐ฆ'๐š๐š
โœ“ Qaama dhiqachuu
โœ“ Qeensa qorachuu
โœ“ Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu๐Ÿ‘‰dhiira qofaaf
โœ“ Yeroon gara masjiidaa deemuu
โœ“ Suuraa ๐’๐ฎ๐ฎ๐ซ๐š๐ญ๐ฎ๐ฅ-๐Š๐ก๐š๐š๐Ÿ qara'uu
โœ“ Ergamaa Rabbii (๐Ÿฅ€๐’๐Ÿฅ€๐€๐Ÿฅ€๐–) irratti salawaata heddummeessuu
โœ“ Uffata babbareedaa uffachuu
โœ“ Du'aa'ii heddumeessuu
โœ“ Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu

Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

**Guyyaa Jumm'aa Kana keessa sa'aati woyititu jiraa jedhan Rasuulli (S.A.W), "Sa'aati kana keessa Gabrichi yoo Rabbii isaa kadhatee kadhaan isaa sun tan itti qeebalamtu"

ุงู„ู„ู‡ู… ุตู„ ูˆุณู„ู…
ูˆุจุงุฑูƒ ุนู„ู‰ ู†ุจูŠู†ุง ูˆุญุจูŠุจู†ุง ู…ุญู…ุฏ ๏ทบ ๐Ÿ’ž
HTML Embed Code:
2024/03/29 10:16:46
Back to Top