TG Telegram Group Link
Channel: Al-Rayyaan
Back to Bottom
Waajjirri Dhimma Islaamaa Magaalaa Adaamaa fi masjiida haaraa birrii miliyoona 140n ijaaruuf Ibsame.
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆

#Islamic_Media Bitoottessa 13/2016

Ibsa Waajjirri Dhimma Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sadaasa 12, 2016 Hoteela Magaalaa Adaamaa Rift Valley keessatti baaseen, qophii ijaarsa gamoo waajjira haaraa fi masjiida birrii miliyoona 140n Sanbata
Dhufu Qabatee jira, Amajjii 14, 2016 Hoteela Magaalaa Adaamaa Rift Valleytti ni adeemsifama

Ijaarsi Waajjira Dhimma Islaamummaa Magaalaa Adaamaa bal'ina iskuweer meetira kuma 1 fi 247 irratti Magaalaa Adaamaa kutaa Hangeetuu Ganda Abbaa Gedaa naannoo Mana Barumsa Qur'aanaa keessatti kan raawwatamu ta'a.

Haala ijaarsaaf barbaachisan Dizaayinii ijaarsaa; Kaartaa fi karoora; Hayyamni ijaarsaa xumuramee hawaasa naannoo waliin hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu ibsaniiru.

Pirojektii karoorfame kana galmaan gahuuf Waajjirri Dhimma Islaamaa Magaalaa Adaamaa Sanbata Sadaasa 14, 2016 Magaalaa Adaamaa Hoteela Rift Valley keessatti sagantaa qopheessee jira. Ityoophiyaanonni biyya alaa fi Keessaa jiran hundi gumaacha akka godhan waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:- Kebor Multimedia

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
👉 https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
👉 hottg.com/ethioislamicmedia

𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌𝐈𝐂 𝐌𝐄𝐃𝐈𝐀 ✍️
#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
    👉 https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
    👉 hottg.com/ethioislamicmedia
   
Taphataan Lammii Faransaay Ramadaana Soomanu hin dhiisu jechuu isaatiif garee taphaa keessa ari'atame

#Islamic_Media:- Bitootteessa 14/2016
Taphataan ganna 19 Liyoon Mahaammaduu Di'awaaraa garee biyyaalessaa Faransaay waggaa 19 gadiitiin taphaan ala godhameera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Faransaay soomaa akka dhiisu yookaan garecha keessaa akka hari'amu isa ajaja. Taphataan kunis gonkuma ajaja sooma baatii kabajamaa Ramadaanaa dhiisuu akka hin fudhanne ibse. Federshiinichis kanaaf isa hari'e.

Baatii qulqulluu Ramadaanaa dhimma kamiiniyyuu wal madaalchisuun sirrii akka hin taaneefi tapha dhiisee Ramadaanaa filachuun murtoo isaa isa sirrii ta'uu ibse Mahaammaduun.

Murtoo dabarse kanaaf gamanumaa Federshiinii kubbaa Miilaa Faransaay qeeqni guddaan isa mudateera.

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
👉 https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
👉 hottg.com/ethioislamicmedia

𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌𝐈𝐂 𝐌𝐄𝐃𝐈𝐀
Sagantaan Sassaabbii Galii pirojektii Ijaarsa Gamoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Hoteela Kaaneetiitti haala ajaiban adeemsifamaa jira.

የአዳማ ከተማ እስልምና ጉዳዮች ምክር ቤት ግንባታ ፕሮጀክት የገቢ ማሰባሰቢያ መርሃ ግብር በካኔት(ሪፍቲቫሊ) ሆቴል በአስደናቂ ሁኔታ እየተከናወነ ነው::

#Islamic_Media Bitootessa 14/2016

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
👉 https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
👉 hottg.com/ethioislamicmedia
Salaata Taraawii Ramadaana 1445 Hijra Halkaan 14ffaa Masjiidul #Al_Aqsa
Forwarded from KENNAA (Abdul-Aziz)
Ustaazota keenyaa fi Social media


Dhiiyeenya kana dhimma weerara hawaasa keenya walloo irratti raawwatamaa jiruun wal-qabatee qeeqa tokko tokko kan sheekkota keenya irra ga'aa jiru argeen baay'ee natti dhaga'ame.

Abbootiin amantaa(sheekkotii fi darasaan) akka itti fakkaatee fi waan miidiyaan wacuuf waan godhan hin qaban. Qajeelfamas anaa fi si warra beekamtii miidiyaatiin machaa'e irraa hin fudhatan. Namni miidiyaa irratti haa nu faarsuuf ykn haa nu arrabsuuf wanti godhan hin jirtu. Isaan jireenyi isaanii Rabbiifi. Obboleessa miidhameef ykn miidheefis dirqama nasihaa ooluu qabu. Ka miidhameef waan qabuun birmateefii bira dhaabbata, ka miidheefis harka isaa qabee akka namatti daangaa hin darbine godha!!.

Rakkoo hawaasa keenya irra ga'u kamiifuu du'aa'iinis ta'ee waan qaban hundaaf kan isaan caalaa birmatu hin jiru, garuu waan godhan hunda akka keenya selfie 🤳 kaameraa qabatanii imimmaan obboleessaa wajjiin midiyaa irratti hin dhooban. Hojii hojjetan hundaaf maleeykota bitaa fi mirga ceekuu isaanii taa'ee galmeessu of irratti eegu malee warra otoo hin beekin beekame kanaaf report isaan godhan hin jirtu.

Dhimma gargaarsaa fi kaameraa kana immoo otoo itti yaadamee bareeda. Dhugaa dubbachuuf namni namni jaalatee harka namaa ykn gargaarsa namaa hin ilaalu.
Namoonni har'a isin rakkattoota jettanii zeeytii litira 5 fi daakuu kiiloo 10 n suura wajji kaatanii miidiyaa irratti dhoobdan kun rakkina isaanii caalaa suurri isaanii midiyaa irra oole kun dachaa meeqa xiin-sammuu isaanii miidha. Otoo haadha kee ta'ee ykn fira dhiyoo kee ta'ee atuu kana hin gootu turte. Gargaarsa irratti wal-kakaasuufis ta'u garuu of-eeggannoo barbaada.

Dhimma kiyyatti yoon deebi'u gaafa ajandaan tokko ka'u diinaa fi firris fiigee abbootii amantii(keessattuu kan muslima ta'e) irratti afaan banuun waan baratamedha. Isaan immoo waan hundaanuu fuuldura keessan fagoo jiru. Sareen iyyitee ganda girgireeysitus leenci inuma adeema. Iyya saree caalaa amna karaa isaaf hafetu isa yaachisa waan ta'eef.

Abbootii amantaa muslimaa fi araba wanti isaan walitti fidu tokko hin jiru, islaamummaa fi arabas wanti walitti fidu hin jiru.

Wal-qusachuu wayya!!!

Rabbiin hawaasa keenya bakka garagaraa fi haala garagaraatiin rakkataa jiraniif haa birmatu,.
Yaa Allaah dhiiga obboloota keenya bakka gara garaatti dhangala'aa jiru kanaaf ati nuuf birmadhuuf🤲🤲

@AbdiiBiyyaa ti Galatoomaa


@Kennaapost. @Kennaapost





hottg.com/Kennaapost
Sirni eebbaa Masjiida Mujema At-Taqwa kan iddoo haaraa Beetel irratti ijaarame gaggeeffamaa jira.

#Islamic_Media Bitooteesaa 15/2016

Magaalaa Finfinneetti Magaalaa Xiqqaa Kolfe Qaranyo, Beetelitti sirni eebba Masjiida Mujammma'aa Al-Taqwa, kan iddoo mootummaan kenne irratti ijaarame gaggeeffamaa jira.

Eega Eegalamee Ji'a tokko booda sirni eebba Masjiida Mujamma'aa Al-Taqwaa kan hawaasa muslimaa salaataaf qophaa'e gaggeeffamee jira. Sirna eebbaa kanarratti Pireezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, Pireezidaantii Itti aanaa jalqabaa, Sheek Abdulkariim Sheek Bedardiin, Pireezidaantii Magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan Eebbaa fi Hooggantootaa fi Namoonni Gurguddaan Hedduun Bakka Argamanitti fi jiraattonni naannoo hedduun argamanitti Eebbifameera.

Hojii masjiidaa hafe xumuruuf waliigala Birrii miiliyoona 125 akka barbaachisuu fi ijaarsa masjiida kanaa xumuruuf sagantaa galii walitti qabuu gaggeeffamaa akka jiru himameera.

Maddi:- Kebor Multimedia

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
👉 https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
👉 hottg.com/ethioislamicmedia

𝐈𝐒𝐋𝐀𝐌𝐈𝐂 𝐌𝐄𝐃𝐈𝐀
HTML Embed Code:
2024/04/28 21:57:14
Back to Top