TG Telegram Group Link
Channel: Humna Jaalalaa
Back to Bottom
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 4ffaa


Raggaatuun Lakkii hin boo'in jettee ija isheerraa imimmaan haxoofte. Dinqituun 'maal seetan ani barnoota koo kutaa kudhanittin addaan kute. kutaa Kudhan qoramee qabxiin naaf dhufeera garuu itti aansee barachuu hin dandeenye. sababni isaa abbaan koo durbi barattee eessa iyyuu hin geessu yaada jedhu qaba jeetteen.

Yeroo kana Raggaatuun gadditee; yoomi kan kudhan qoramte? jetteen. isheenis bara darbe bara 1979 jetteen. sana booda hoo jettee gaafachuudhaan isa itti aanu dhagahuuf baay'ee muddamte.

sana booda wanta ani hin eegnetu na mudate. ani baradhee bakka guddaa ga'uu, jireenya koo jijjiiruu malee tasallee baadiyyaattin hafa jedhee yaadee hin beeku. Abbaan koo garuu naman ani gonkumaa argee hin beeknetti na heerumsiisuf akka jiru dhiyoon dhaga'e.

Suuta jedhanii osoo Aayyoo koo waliin hasaasanii dhagaheen halkan badee manaa ba'e. As gaafan dhufus akka carraa ta'een isin argadhe jetteen. Raggaatunis naatee obsi absi jettee ofitti qabdee imimmaan ishee irraa haxoofte. Itti fuftees "waadan sii gala ati iddoo guddaa nii geessa, anis si waliinan jira gonkumaa kophaa sin dhiisu waan siif gaarii ta'e hundumaa nan raawwadha" jettee jajjabeessite.

Dinqituunis baay'ee gammaddee seequudhaan, mataa isheetiin dugda Raggaatuutti hirkattee ' isin garuu eessumaa naaf ergamtanii? dhugaa anumaaf waaqa irraa waan gad naa buutan natti fakkate, garuu kan nama dhibu gaafan samii ol ilaalun ibsaa arge jetteen.

Raggaatunis seeqxee ibsaan obboleessa koo isa xiqqaa kanan baay'ee jaalladhudha. Inni nama gaaridha! Hojii isaattis qoosaa hin beeku. Nama jijjiiramaati. Dhugaa gaafa inni si fidee dhufu hiriyaa jaalalaa bafaate se'een baayyen gammade jetteen.

Dinqituunis Rifattee ol jettee ija ishee keessa ilaalte.......

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 5ffaa


Dinqituunis naatee ol jettee Raggaatuu ilaaluudhaan, 'ibsaan haadha warraa hin qabuu? jettee gaafatte. Eeyyen qaxaleenkoo kun haadha warraa hin qabu. Maal sitti fakkaate dinqeekoo namni bara kanaa jireenyaaf hin ta'u; ammuma gammaduu, sirbuu fi utaaluu malee yaada bilchaatadhaan jireenyasaa kabajatee maatii horachuu hin barbaadu jetteen.

Isheenis ani akkasitti yaadee hin beeku, egaa namni jireenya isaa caalchisee waanuma hin taane yaada jedhee hin beeku jetteen. Raggaatunis mee dinqeekoo gaaffii tokko si gaafadhuu? jennaan, tole jetteen. Raggaatuunis ii..ii..iii dinqee nama si barsiisu, kan yaada kee waliin deemu, nama si hubatu osoo argattee itti heerumtee baruumsa kee itti fuftaa? jennaan gadi jettee daqiiqaa muraasaaf callistee yaaduu eegalte.

Raggaatuun tarii nan mufachiisee laata jettee rifachuudhaan, Dinqee... dinqee.. yeroo jettuun, Dinqeenis hafuura dheeraa baafattee 'Ookoo' jettee ijashee keessa mil'atte. Maalif calliste natti himikaa jennaan, ammas erga uff- jettee qilleensa gara alaatti baafattee booda "ani akkasitti yaade hin beeku, namni akkasitti amanamus waan jiru natti hin fakkaatu " jetteen.

Raggaatunis lakki jiraachuu ni danda'a hin dhabamu. namni hundi tokko miti. siif ammoo namni sirriin si barbaachisa. nama yeroo hundaa siwaliin ta'u, kan yaadaa fi waa hundaanuu si gargaaru jetteen. Dinqeenis yeroo kana baay'ee gadditee, 'dhiisi maaloo an waan akkasii haasa'uuyyuu hin barbaadu, maaloo' jettee osoo haasoftuu gidduutti Ibsaan dhufee 'Dinqitu nagaa miti? maal taate? maalif boossa? 'jedhee ofitti qabee gaafate.....

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Yaada qabdaniif
@abakiyuma
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Martinuu Baga Ayyaana Yaadannoo Fannoo Gooftaa Yesuus Kiristoosiin Nagaan Geessan.

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 6ffaa

Dinqitu nagaa miti? maal taate? maalif boossa? 'jedhee ofitti qabee gaafate. Raggaatuunis homaa rakkoon hin jiru taa'i xiqqicha koo sa'aan ga'emoo jetteen. Ibsaanis eeyyen guddookoo jedhee addarra ishee dhungate. Akkasumatti dinqituus dhaqee dhungachuuf jennaan dinqituun jalaa jettee gateettii ishee itti kennite, sana booda nahee itti bu'ee taa'e. Akkam ture oolmaankee jennaan hagasmara namatti hin tolu jedhee deebiseef. Raggaatuunis Naatee maali xiqqookoo akkas jettee hin beektu turte bar jetteen. Innis "eeyyen anaafis haaradha. Amalli koo inni kun; akka duriitti hojiif fedhii godhachaa hin jiru na dadhabsiisa, na jibbisiisa, ba'i ba'i naan jedha" jedheen.

Dinqituunis deebistee 'si dhukkubeeramoo?' jetteen. Lakki nagaakoodha jedhee yeroonni ijashee mil'atu, raggaatun garuu rakkina isaa waan hubatte fakkaata "ibsaa maalif boqonnaa fudhattee hin baatu wanta itti yaaduu qabdu baay'eenis waan dhufaa jiru natti fakkaata" jetteen.

"Lakki lakki ammaf hin barbaachisu itti ilaalen yoo danda'aame murteessa " Jedheen. Isheenis tole akkumati jette haa ta'u jetteen. sana boodas irbaata waliin nyaatanii ibsaa fi Raggaatun deeman. Dinqituunis osoo yaadaan oliif gadi jettuu rafte.

Osuma akkasitti jiraatanii guyyoota lakkoofsisanii torbeen darbee ji'a tokko gahe. Dhuma ji'aa irrattis ibsaan raggaatutti siqee "amma kana caala deemuu hin danda'u na ga'eera itti himufan jira" jedheen. Isheenis "inumaayyuu nii turte intalli kun nama biraatin akka si jalaa hin qabamne itti muddi" jetteen. Tole jedhee biraa ka'ee gola seenee "dinqee" jedheen "ookoo" jetteen dinqituun gola keessaa bukoo bukeessaa turte. Ishee bira gahuudhaan harka ishee bukoo keessaa qabee baasee ofii isaa fuldura dhaabee haasaa eegale.

"Waan tokko sitti himuu? wanta hundumaa nii beekta. Eeyyen si jaaladheen obsa dhabaa jira. Maraachuu malee homtuu na hin hafne. Egaa na hubadhu sin jaaladha, na jaaladhu umurii koo guutuu sii waliinin jiraadha. Si kunuunsaan jiraadha, abbaa fi abbaa warraan siif ta'a. mee natti himi deebiikee" jedhee yogguu itti dhiyaatu dinqituun harkuma bukoo keessaa baaste sanaan kaballaadhan yammuu dhooftu, qubni ishee shanan fuula isaa irratti hafe...................

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Itti goraa tajaajilamaa!
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa Ba'ii

Kutaa 7ffaa


Innis yerosuma fuula isaa qabatee harka isaatiin bukoo ofirraa qulqulleessuu jalqabe. Dinqituunis naatee ihi...ihi.. jettee isa ilaalte. Innis harka isaa isa bukoo qabate sana ilaalaa "abdiin qaba guyyaa tokko nii dhufta. ..ani sirraa abdii hin kutu! durba jaaladhee beeka garuu akkas ta'ee hin beeku! Mee..mee natti himi ati waa'ee koo maal yaadda? natti himikaa yookan ammoo dabalii na kabali" jedhee harka isheen ittiin kabalte sana ol qabee raase. "Gad-na dhiisi" jettee harkashee butattee fiigdee kutaa dhiphoo duwwaa teessu tokko lixxee karra isaa cufattee boo'uu jalqabde.
Innis ba'ee iddoo yeroo aaruu fi dhiphatu deemee aara galfatu tokko deemee muka jala taa'ee bishaanitti dhagaa darbachaa yaaduu jalqabe. Giddudhuma kanatti "anis sin jaaladhaam kunoo gochaan koo hin himuu? ani safuudhuma durbaatu naqabe malee ergan siif du'ee tureeraam! kottu amma natti siqii na haammadhu" jetteen.

Ibsaanis naasudhaan harka isaa bal'isee ka'ee haammachuuf yammuu ol jedhu homtu hin jiru. Edaa yaada isaatin ture. "Uff maal qaba osoo dhugaa taatee jedhee Aaree yaada isaatti deebi'e.

Ammas yaadaan Dinqituun manaa huccuu ishee fudhattee nagaatti lammaffaa as hin dhufu jettee yammuu deemtu argee " hin ta'u; hin ta'u,hin ta'u " jedhee iyyee boo'uu jalqabe.

Dinqituunis boo'ichashee futtaafatte. "inni akkamitti akkanatti yaada?, ani akka obboleessattin itti dhiyaadhe" jettee gama tokkoon ammoo "ani nan jaalatamaa edaa! nama gaariitummoo na jaalate maaltu natti bade? " jettee kophaa gungumuu jalqabde.

Lamaan isaanif iyyuu dubbachuu kan hin dandeenye Raggaatunis bitaa itti galee callistee taa'uu filatteetti. Osoo akka yaada isheetii dinqituunis har'uma kana tole jetteenii cidha bareedaadhaanis wal fuusifti ture garuu akka isheen yaadde hin taane.

Ibsaan yaada isaa keessaa ba'ee gara manaa deebi'ee dhufe. Yeroo inni deebi'u Raggaatuu qofatu jira, innis ni rifate. " Guddoo Dinqeenoo eessa deemte? " jedhee hasaasee gaafate. Isheenis Dinqeen....

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 8ffaa


Dinqeen kutaa sana keessa jirti jettee deebisteef. Fiigee cufaa reebuu jalqabe " Dinqee! Dinqee maaloo na jalaa bani. Ani lammaffaa wanta akkasii sittin kaasu; dhugaa sin rakkisu dhiifama naaf godhi maaloo...maaloo Dinqeekoo! " jedheen. Isheenis cufaa bantee "ati na rakkisteen beektu, sittis hin gaddine garuu xiqqoon rifadhe malee ati homaa hin balleessine " jettee bira gadi teesse.

Innis imimmaan ishee irraa qulqulleessee cal jedhee ijashee ilaaluu jalqabe. Sekendii muraasaaf erga wal ilaalanii booda; Dinqituun akka quqqufa'uu taatee ol kaatee hojiitti deebi'uun qaba jechaa baatee deemte. Ibsaanis akka seequu ta'ee lafaa ol jedhee dhaabbatee yaaduu jalqabe. Yaadaan qaari'eera. Alaa gaafa ol-galu dinqeen karra banteefii dhungatee gaafa olseenu, ijoollen xixiqqoon abbaa abbaakoo jettee itti fiigdu lamatu jira. Isaan lamaanuu ol kaasee dhungatee teessisee; gidduu taa'ee oolmaa isaanii yoo gaafatu, Dinqeen ammoo ka'i dhiqadhu kennaakoo dadhabdeetta miti? jettiin. Inni ammoo nan tura ijoolleekoon dharraa ba'a mee jedhaan. Wayyaa? jettee isheenis isaanitti makamtee teessi. Gidduudhuma kanatti sagalee dhaga'e nahee " Oo eenyu" jedhee utaalee ba'e "maal taate maaf rifatte nan deema siin jettemoo dinqeen? " jetteen Raggaatuun. Inni ammayyuu yaadumasaa keesaa jira. As deebi'ee "maal ta'a osoo dhugaa ta'ee kun jedhe. Kamtu jennaan nahee maal jettee ati? jedheen " mucaan nagaan qabuu? " jettee biraa deemte.

Innis galgaloofnaan bahee manatti gale. Sana booda raggaatunis ni galte. Dinqeenis ciistee yaaduu jalqabde. Yaadaan yeroo tokko mana baruumsaa qophaa'inaa seentee yammuu barattu, yeroo kaan ammoo ijoollee deessee yoo guddistu "wanta kana lamaan akkamittan wal simsiisa" jechaa fagaatte.

Ibsaanis haa ciisuyyuu malee hirriibni isa qabuu hin dandeenye. Isheedhuma yaada. Haaluma kanaan guyyoolin darbanii, torban lakkaa'amanii, guyyaa tokko wal bira taa'anii osoo jiranii dinqituun "garuu osoo waliin taanee waliinis jiraachuu eegallee baruumsa koo akkamin godha? " jetteen innis naasuudhaan lafaa ol-ka'ee irra-deebi'imee maal jettee? jedheen......

Itti fufa


@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Humna Jaalalaa pinned Deleted message
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 9ffaa


Ati dhuguma akkasitti yaaddaa?... Ani bar waan ati barbaaddu hunda siifan guuta, barumsakees itti fufta,atumti tole jedhiitii waan hundaakoo naaf ta'i" jedheen.

Isheenis " tole egaa itti yaadeera. Bareedaakoo; ati nama gaaridha, si waliin jiraachuu, kaayyookoo itti fufsiisuu, si waliin ijoollee godhachuu fi sii wajjin dulloomun barbaada. Garuu yeroo hundaa akka na waliin taatu waadaa naaf gali" jetteen.

Ibsaanis Miira naasuu fi gammachuun makateen, waan jedhu wallaalee utaalee ishee haammate. Itti fufees "waadan siif gala umuriikoo guutun si kunuunsa, jaalalaa fi mararteedhaan ni jiraanna " jedheen.

Kana booda Ibsaa fi Dinqituun yeroo hafe waliin dabarsuu jalqaban. Raggaatunis baay'ee gammaddee " Egaa yeroo hin balleessinaa dafaa bultii ijaarradhaa, ani obboleettin keessan cidha guddaan isiniifan qopheessa" jetteen.

Fedhiin lamaanuu isaaniis kanuma waan tureef akkaataa cidha itti godhatan yaaduu jalqaban. Dinqituunis kokkolfaa " qaaliikoo dafiitii walloo kamiseetti jaarsolii ergi" jetteen. Ibsaanis tole sun waan hafu miti jedheen.

Dinqituunis "hin nahin nan qoosee jaarsoliikee Raggaatudhuma biratti ergita" jettee itti seeqxe. Yeroo isheen seeqxu rukuttaan onnee ibsaa nii dabale. Keessi isaa ishee dharra'e. Qabee dhungachuu gojomaa'e. Yeroo isheen hidhii addaan saaqxu; ilkaan ishee adii Aannan fakkaatu sunii fi ijishee miidhagaan sun akka ajaayibaatti nama hawwatu.

Ibsaanis obsa dhabee gara isheetti siqee akkuma haammatee jirutti mormashee jala dhungate. Isheenis mataa irraa hanga miillaatti ho'a garmaleen weeraramte. Yeroo kana Ibsaan mormashee dhungatee ol-jennaan hidhiinsee isa simate. Junuunfatee Dhungachuuf itti siqannaan; akka qufa'uu taatee jalaa gad jette. Innis yeroo ijasaa banu akka qaana'uu ta'ee achi irraa garagale.

Gidduuttis Dinqituun ammas irra deebitee harka ishee lamaan mormasaarra baaftee, ijasaa keessa ilaaluudhaan " dammakoo an kanumakeeti " jetteen. Innis ijashee keessa ilaalaa suuta jedhee adda ishee fi fuula ishee qaqqabachaa gara hidhii isheetti qajeele. Utuma lamaanuu haala kana keessa jiranii Raggaatun dhufte...
Itti fufa.

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessituun Seenaa Asaffaa
Kan Gulaale dhiyeesse Abdii Magarsaa.
@Kiyabalcha
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa Ba'ii

Kutaa 10ffaa

Raggaatun ol-seenuudhaan " Misirritti koottu gabaa baanee wantoota nu barbaachisan binnaa" jetteen. Isheenis sekendii muraasaaf ija Ibsaa keessa ilaaltee seequudhaan tole jettee Raggaatuu wajjin gabaa deemte. Deemaniis waan barbaachisaa bibbitanii dhufan. Sana boodas qophii gochuu eegalan.

Guyyaa muraasa booda jaarsoliin Raggaatu biratti ergamuudhaan guyyaan gaa'ela isaanis murtaa'e. Gaa'ela isaanitiif ji'a tokkotti beellama qabatan.

Sadanuu gammachuun guutamaniiru,garuu kan dinqituu caalaa gammade waan jiru hin fakkatu. Raggaatuun Dinqeedhaan "durbi tokko guyyaa cidha ishee ga'ee arguuf hawwin isheen qabdu baayy'ee guddaadha. Sababni isaas huccuu guyyaa cidha ishee uffattu yookaan veelloon ishee, guyyichaan ala yoomiyyuu kan hin uffatamne waan ta'eefi jedhama ati kana dhageessee beektaa?"jettee gaafatte. Isheenis gammachuu keessa waan turteef seeqxee morma sosochoosuun "an hin beeku" jetteen.

Guyyaan deemaa jira;sagantaaleen hedduunis akka karooraatti dabareedhaan eegamaa jiru. Dinqituu fi ibsaanis sirriitti wal baruuf, waliin oolanii yeroo mimmiidhagoos waliin dabarsaa jiru.

Haa ta'u malee wanti hin eegamne gufuun jaalala isaanii hinaaffaan karaa barbaaddachaa jira.
Namtichi Diimaa jedhamu tokko irra deddeebidhaan akka Dinqituun Ibsaatti hin heerumne gorsa.
Diimaan maamila Raggaatuuti. Erga dinqituun achi hojjechuu jalqabdee ammoo maatii ta'eera jechuun nii danda'aama.

Guyyaa tokko " maali ati yoom heerumaaf geesse? Ati bar umriinkee xiqqoodha! maaf jarjarta?" jedhee Dinqituu gorse. Kanas ta'u sana Isheen oduu isaaf gurra kennuufii didde.

Haala kanaan yeroon deemee guyyaan cidha isaaniis ga'e. Cidhuma guddaatu qophaa'e. Firoonni ibsaa biyyatti hin hafne. Ibsaan hiriyoota hedduus waan qabuuf namoonni heedduminaan yaa'anii cidha isaa hoo'isaniif.

Sirba "irboo hodhee jala loggome*2
Niitii ibsaa ya toroggomee
An nan sobee koo ya konkone..." jechaa lafa dhiitaa gammachuudhaan ililchan.

Misirroon mana obboleettii isaatii fuudhamtee gara mana isaatti galti. Kuni ammoo namatti baayy'ee ajaa'iba ta'ee ture. Hunduu ta'ee dhaqanii ishee fuudhanii akkuma Aadaatti mana isaas geessanii, sirbanii taphachaa galgala gahan.

Dinqeen gara galgalaa mana fincaanii deemuu barbaaddee shamarree tokkoo wajjin gara mana duubaatti dabarte. Osoo mana duuba darbaa jirtuu waan hin eegne argite. Ijashee amanuu dadhabdee ofirra gad teesse...
 
Itti fufa
@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessituun Seenaa Asaffaa
Kan Gulaale dhiyeesse Abdii Magarsaa. Yaadaaf gaaffiif @Kiyabalcha dubbisaa!
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 11ffaa

Mucaa waggaa 8 ta'uu fi bifaan immoo baay'ee ibsaa fakkaatu argite. Hintalli ishee waliin turte "maali! Dinqee maal taate si dhukkubee?" jetteen intalli waliin turte. " Lakki nagaa koodha" jettee lafaa kaatee mana fincaanii seente.

Imimmaanni ishee hudheera garuu guyyaa gaa'ela isheetii akka boo'uu hin qabnee fi mucaan kun kan isaa ta'uu dhiisuu akka danda'u yaaddee obsite. Keessummoonni taa'aa turanii sa'aatiin deemnaan gara manaa galan. Kan hafanis iddoo hirribaa mijeeffachuu jalqaban.

Misirroonnis kara siree isaaniitti affeerraman. Ibsaan kana eegaa waan ture fakkaata, yerosuma utaalee ka'ee harka ishee qabatee kutaa isaanii seenan. Kanaan dura hariiroo wal-quunnamtii saalaa hin qaban ture, har'a garuu guyyaa Dinqeen kabajashee dabarsitee Ibsaaf kennituudha. Ibsaan suufii isaa ofirraa baasee huccuu halkanii godhate. Isheen dursitee jijjiirrattee jirti, garuu yaadaan as hin jirtu.

Ibsaan ishee eegaa jira, isheen ammas waa lama sodaattee jirti.
Tokkoffaa mucichi kan eenyuti? kan jedhu, lammaffaa immoo kanaan dura dhiira bira geessee hin beektu yookaan durbummaa qabdi waan-taatef sodaatte. Ibsaan obsuu hin dandeenye, guntuta ishee burtukaana fafakkaatan kana huccuu haphii keessaan ilaalaa jira. Hamma isheen isatti siqxutti jarjareera. "Kottukaa" jedheen, isheenis sossodaachaa "to.. to.. tole" jetteen. Siree irra gad taa'ee turerraa ol ka'ee ishee bira deemuudhaan ija keessa ilaale. "nii qaanofte moo nii sodaatte?" jedhee gaafate. Isheenis "lakkii" jetteen. Ibsaanis akka seequu ta'ee ol fuudhee ishee baatee sireerra kaa'e. Yeroo kana dinqeen garmalee sodaatte. Miirri itti dhagahamu tokko jiraatullee garuu sodaa isheetu caale.

Ibsaan dhufee yogguu itti gad jedhu "Ibsaakoo maaloo! maaloo nan tuqin jetteen. Innis itti seeqee ani bineensamoo kanin si tuqu? jechaa isheetti dhiyaatee bira ga'e. Isheenis sagalee guddaadhaan " ibsaa " jetteen, "ookoo" jedhee deebiseef.

Shurrubbaashee luuccaa irra harkasaa oofuu yeroo inni jalqabu harka isheetiin ofirraa dhiibuudhaan " narraa siqi maaloo! Ibsaa achi narraa siqi" jettee itti dubbatte. Inni garuu sodaashee balleessuuf jecha waan ishee dhaggeeffachaa jiru hin fakkaatu. Hojii isaa ittuma fufe, isheen garuu jalaa miliqxee utaaltee ka'uudhaan balbalatti hirkatte...
Itti fufa....

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessituun Seenaa Asaffaa
Gulaalaan Abdii Magarsaa.
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 12ffaa


Maalinni Dinqee rakkootu jiraa? jedhee gaafannaan, lakki homtuu hin jiru nan sodaadhe jetteen. Innis ka'ee bira ga'ee fedhii keetiin ala wanti ta'u tokkollee hin jiru, deemi ciisi an sibira hin ga'u jedheen.

Isheenis Sagalee dhiphina keessa ishee agarsiisuun; lakkii akkas jechuukoo miti jetteen. Innis itti siqee haammatee ofitti qabuudhaan, harka isaa qaama isheerra oofuu jalqabe. Ijashee keessa ilaalaa, funyaan isaan funyaan ishee tuqsiisuudhaan daqiiqaa lamaaf ture.

Yeroo kana Dinqeen miira jaalalaa keessa seenuudhaan, itti fufi waan jettuun fakkaatti. Homaa hin dubbanne calluma jettee isa dhaggeeffatte. Innis iddoo isheen hirkattee dhaabbattee jirtutti, suuta harka isaa qaama ishee irra Oofuu jalqabe.

Yeroo inni harma ishee bira ga'u "ah...uh " jettee hafuura dheeraa baafatte. Gidduutti akka aaduu taate, innis carraa kanatti fayyadamuun ittuma fufee qaqqabate. Qaamnishee akka dhagaatti jabaata. Innis yaada isaatti durba ta'u ishee hubate.

Kanaaf miirri isaa baay'ee dabale. Isa caalatti isheenis miira jaalalaa keessa seentee daddafi maaloo dafi waan jechaa jirtu fakkaatti. Innis yeroo hin qisaasessine, ol-fuudhee sireerra kaa'e. Huccuu ittii baasee gaafa gadi itti jedhu, jilboonni ishee lamaan adda bahuu hin dandeenye.

Ibsaanis humna qabu hunda fayyadamee gargar saaquuf yaale. Garuu ni dadhabe. Yeroo kana suuta jedhee gurra isheetti Dinqeekoo maaloo! jedheen. Isheenis jalaa calliste.
Sana booda; isheen egaa hin feene waan ta'eef nan dhiisa jedhee ol jechuuf kaanaan, rifeensa isaa suuta jettee tuttuquudhaan jajjabeessite. Innis mala dhabuudhaan " gurra isheetti hasaasee Dinqe hin feenee? Jedheen. " Isheenis deebii tokkoyyuu hin deebisneef. Garuu yaadaan waliif galaniiru.

Yaalii meeqa booda Ibsaan iddoo fedhu sana gahuuf yoo xiqqoo hafu Dinqeen diriirtee isa simatte. Innis qophaa'ee yammuu itti qajeelu Dinqeen iyya keessaa fuute. Namoonni goor-duba ta'anii dhaga'anis gammadanii sirbuu jalqaban.

Halkan sana Ibsaa fi Dinqituun yeroo jaalalaa bareedaa dabarsaa bulan. Ibsaanis baay'ee gammadee guyyaasaa eebbise.
Kanumaan bulanii bari'ee guyyaanis ta'ee darbee, deebiis mana raggaatuu deeman. Garuu Dinqeen deebii gaaffii ishee ammas hin arganne. Ibsaas hin gaafanne. Suuta jettee isa gaafachuuf murteessite.

Itti fufa....

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Barreessituun Seenaa Asaffaa
Gulaalaan Abdii Magarsaa.
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 13ffaa


Dinqituun osoo ilma qaba ta'ee haga yoonaa natti hima ture, raggaatunis na hin dhoksitu ture jechaa kophaa haasofti. Kanaafis kophaatti isa argattee haasofsiisuuf yaadaa jirti. Amma lamaanuu kophaatti hafaa jiru. Firoonnis gara manaatti deebi'aa jiru.

Obboleettin ibsaa isheen abbaadhaan qofa wal argan tokko kaatee " Ibsa, egaa deemuukoodha. Ijoolleekoo waliinan deema" jetteen. Innis Meetii nan deema jetteeree? jedheen, "Eeyyeen dhiyootti deebi'ee dhufuun koo waan hin oolleef ammaaf nan deema " jetteen.

Lamaanuu nagaa walitti dhaamanii yeroo isheen deemtu dinqeen uff...jettee hafuura guddaa baafatte. Sababiin isaas mucaan isheen ilma ibsaa seetee turte Raajiin amma meetii waliin deemeera.

Ibsaa fi Dinqituun jaalala ho'aa keessatti jireenya waliinii sirriitti eegalan. Waliin oolanii buluu jalqaban. Raggaatunis gidduu gidduutti dhuftee isaan ilaaltee taphachiisti turte. Ibsaanis boqonnaarra waan tureef hojiitti deebi'uuf guyyaa lama qofatu hafeef. Gannis ba'eera waan ta'eef manni barnootaa eegaluufidha. Dinqituunis har'aa borii guyyaa galmee ishee eeggatti.

Guyyaan ibsaan hojii jalqabus gahee, guyyaa kanas dinqituun ganamaan kaatee ciree qopheesiteefii hirribaa kaastee nyaachifte. Innis gara hojii isaa deeme.

Dinqituunis mana sisirreessitee teessuma xiqqaa gadi baafattee irra taa'uudhaan rifeensa ishee hiiktee filachaa osoo jirtuu balballi guddaan rukutame, "eenyu" jettee yerosuma karra saaqxe. Nama isheen hin eegne ture. Nama Ibsaa fi Dinqituu gargar baasuuf shira xaxaa jiruu fi gaa'ela namaa diigee gammachuu argachuu barbaadu Diimaatu dhufe. Isheenis rifattee akkamitti dhufte? jetteen...

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 14ffaa


Diimaanis deebisee " bareedduukoo nagaan hin dursuu? Jedheen. Isheenis callistee balbala cufuuf kaanaan, "tasgabbaayi si jeequf hin dhufne, maal irra geesse jedhee si ilaaluf malee" jedhee osoo inni haasa'uu afaan irraa buttee " ani nagaadha amma deemuu dandeessa" jetteen. "Tole utuu taa'i naan jetteeyyuu abbaan manaakee waan dhufuu danda'uuf deemuunkoo hin oolu. Akkamiree? Ijoollen keessan nagaa isaanitii?" jedhee mata-duree kanbiraa Uumuuf yaale.

Dinqituun deebistee " ijoolleen keenya kami? sifaadha? " jettee itti qooste. Innis mufatee " gaaf tokko na hubatta ta'a, mee ammaaf nagaa ta'i" jedhee biraa deeme. Dinqituun ol galtee balbala ishee cufattee itti yaaduu jalqabde. Duuban balbalatti hirkattee; Diimaan har'a miti kan na mormuu jalqabe, tarii waan beeku qaba laata?, lakkii; lakkii innis akkuma dhiirota kaanii fedha mataasaaf na barbaade, garuu Raajiin kan Eenyuti? Ibsaan na gowwomsee? Raggaatuun na sobdee? lakkii kun hin ta'u, isaan nama gaaridha... moo... jechaa Dinqeen kophaa haasa'uu jalqabde.

Sa'aatii muraasa booda; Ibsaan dhufe. Harkatti waa baatee ture. Ol galees erga wal dubbisanii booda, "Ilaamee! waan an sii fide mee ilaali" jedhee keessaa baasee urgooftuu itti kenne. Isheenis galatoomi jettee isaafis dibdee ofiis dibatte. Ammas huccuu baasee itti kenne, isheenis gammaddee utaaltee; ani hin amanu! kittaa akkasii baay'een jaaladhan tureem jetteen. Innis kanumaafin siif bite mitiiree? jedhe seeqe.

Dinqeen xiqqoo kolfitee itti maramtee dhungatte. " Galatoomi, an si argachuukootti carra-qabeettii ta'eera" jetteen. Innis "carroomaan akkakoollee hin jiru, an bar dammee daabee tooraan argadheem" jedheen. Taphachaa turanii galgaloofnan irbaatas nyaatanii rafan

Guyyoonni akkasii baay'een darbanii, Dinqeenis shakkii qabdu amanuu dhiistee jaalalumaan dabarsan. Guyyaa tokko garuu obboleettiin Ibsaa Meetiin bilbilteefii jennaan ala taa'ee haasofsiisuu jalqabe. " Maali wanta haaratu jiramoo? , tole haa ta'u Dinqeen dhimmicha homaa hin beektu, hangan isheetti himutti obsi. Tole hunda isaanii naaf dubbisi " jedhee bilbilasaa cufee yeroo inni karra banee seenu, Dinqituun imimmaanin tortortee balbala duuba jirti.
Itti fufa...


@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 15ffaa


Innis rifatee Maa... maal taate " jedheen. isheenis " achi narraa siqi waan ati amma jechaa turte hunda dhagaheera,maalif na dhoksite garuu... maalif akkas na goote?.. maalif maalif.. maalifin siin jedheem " jettee iyyite.

Ibsaanis itti siqee "akkas mitiim, isa ati yaadde miti hundumtuu " jennaan ofirraa isa darbattee "maal na hubachiisuufi mucaa osoo qabduu akka nama homaa hin beeknetti na waliin ta'uukee moo? akka itti mucaa godhatte amma na hubachiisuu dhufta?...ihi... Mee natti himi kun tuffii akkamiiti? ani maal sitti balleessinaan na miita" jechaa sagalee ishee ol-kaastee itti dheekkamte.

Itti dhiyaattee harkaan haga dandeessu reebaa natti himi hin callisinii dubbadhun siin jedhe jechaa gamsiifteef. Innis harkashee lamaan walitti qabee "na dhaggeeffadhu; si dhoksuu barbaadee wantin godhe hin jiru. Situ dursee dhaga'e malee waan hundumaa yeroo isaatti sitti himuufan ture.

Eeyyee mucaa qaba, kana dhageesse miti? kunimmoo seenaakoo isa darbeedha " jedheen. Isheenis qis.. qis.. qis.. jettee kofaltee kaatee " seenaa darbeedhaa? tole natti himi wanti kanbiraan na dhoksite hin jiruu?" jetteen. Ibsaan kana caala haasa'uu waan hin dandeenyeef fiigee bahee deeme. Obboleettii isaa biras deemee wan uumame hunda itti hime. Raggaatunis akka mufachuu taatee " kana hunda maaltu ishee aarseree? mucaa tokko qabaachuukee qofa dhageessee kan akkas taate waan hunda gaafa bartu akkam taati laata?" jetteen.

Itti fufa...

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 16ffaa


"Maal jechuudha Raggaatu? Dinqeen baay'ee gadditeetti utuu nama kan-biraa ta'ees kanumatu uumama ture. Amma akkamitti akkan hubachiisu mala naaf himi" jedheen. Isheenis " maal hoo'istaree qabbaneessikaa! Haati manaakee duraanii akka du'aan boqotte itti himta. Kanumadha. Kun waan haaraa miti" jetteen.

Ibsaan aaree keessa isaatti na gorsitee duuteetta jedhe. Ofitti gumgumaa fiigee ba'e. Iddoo yeroo aaruu fi gaddu deemu sana dhaqee kophaa taa'ee yaaduu jalqabe.

Osoo manaa baddee na eegdeehoo jedhees yaade. Baay'ee dhiphate. Achumaan gara galgalaa mana dhugaatii dhaqee machaa'ee manatti gale. Yeroo inni mana ga'u namoota afurtu manatti isa eege. Meetii obboleettiisaa, Dinqituu, ilma isaa fi Hintala waggaa shanii turan. " innis ol seenee kokkolfaa...ehee.. maatiikoo jaallatamoo akkam jirtu?" jedhe. Ijoolleenis Abbaa jechuun itti fiiganii haammatan.

Dinqituun ammas rifatte keessa isheetti intallis kan isaati akka hin taane jette. Xiqqoos turanii irbaatni dhiyaatee erga sooratanii booda, keessummaas raffistee gara siree deemte. Homaas osoo itti hin dubbatin ibsaa dhaamsitee rafte. Ganama ka'aniis erga ciree nyaatanii booda, obboleettiin Ibsaa "an deemuukooti nagaan ta'aa" jettee deemte.

Ijoollee lameenuu manuma Ibsaatti waan hafaniif, inni ammas akka itti Dinqituu hubachiisu dhabee yaadda'e. Isheenis waan jettu wallaaltee calliste.

Callisa yeroo dheeraa booda " Dinqituukoo dhiifama naaf godhi! Maaloo na oofkalchi! Ati sirriidha; jalqaba si hubachiisun qaban ture. Garuu sitti hin himnen ture. Eeyyee kanaan dura fuudhen ture. Haati manaankoo ijoollee lama erga naaf deessee booda du'aan boqotte.

Amma ammoo fedha waaqaa ta'ee si argadheera. Kanin seenaakoo darbe sirriitti sitti hin himneef gonkumaa sidhabuu waanin hin barbaanneefidha.

Amma ammoo an hojjettuu siifan qacara. Ijoollenis si hin rakkistu. Egaa kana caala na jalaa callistee nan dhiphisin maaloo" jedheen. Isheenis " hojjettuu qacaradhu garuu bor irraa jalqabee mana kanatti nan argitu" jetteen.

Itti fufa...

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Yaadaaf gaaffii qabdaniif
@abdimegersa dubbisaa!
#Annie_Belin jedhamti.
Umurii dheeraa jiraatte. Waggaa 102ffaa ishee yommuu kabajattu gaazexeessaan gaaffii gaafate.

Gaazexeessaa:
“Icciitiin umurii dheeraa jiraachuu keetii maali?”

Annie Belin:
“Icciitiin umurii dheeraa jiraachuu koo dhimma na hin galchine keessa galuu dhiisuu kooti. Hirriba nagaan rafa.”

Galgala kana hirriba nagaa raftee buluu barbaaddaa?

Dhimma si hin galchine keessa hin galiin, yoo galteetta ta’e ammuma bahi!
Forwarded from Kaachuu Promotion via @Kaachuuyebot
Gaaffii Ajaa'ibaa

Sirritti itti yaaduun deebisaa. Lafa kana irra dhiira moo dubaratu caala umrii dheeraa jiraata? Hubachiisa Aveereejiin jechuu keenya gaaffichi.
Forwarded from Dambalii_Jaalalaa❤️
Namootni Notcoin sin darbees ta'ee kanneen kanaan dura hojjattan hundaaf oduu gammachiisaa. Airdrop amanamaa ta'e shan siniif dhiyeesseera hunduma isaanii yaalaa. Booddee nu galateeffattu.

1. TapSwap
https://hottg.com/tapswap_mirror_bot?start=r_356935815

2. Secret Coin
https://hottg.com/mnemonic_game_bot/start?startapp=ref_356935815

3. Ava Coin
https://hottg.com/avagoldcoin_bot?start=1c2ee3ddc15fa7373af0

4. Hamster Kombat
https://hottg.com/hamster_kombat_bot?start=kentId356935815

5. MemFi Coin
https://hottg.com/memefi_coin_bot?start=r_3e652ba3b6

Airdrop shanan kanaan qarshii gaarii hojjattu dafaa itti fayyadamaa. Booddee akka hin gaabbine.
Asoosama Gabaabaa

Bu'aa ba'ii

Kutaa 17ffaa


Ibsaanis nahee " lakki akkas hin godhin! Maaloo na arrabsi, na adabadhus, waan barbaaddes na godhi. Garuu yoo Waaqa sodaatte na dhiistee hin deemin! sanumayyuu eessa deemta? maaloo akkas hin ta'inkaa " jedheen.

Isheenis " dhugaakeeti eessan deemas. Anoo Raggaatuu malee nama hin beeku. Isheen immoo osoon ishee amanuu akkas na goote, eessan deemaree? " jettee imimmaan lakkuu xuruurfatte.

Aartee waan turteef osoo haasa'uuf jirtuu akkuma-tasaa kuftee lafa dhoofte. Ibsaanis itti fiigee " ka'i maal taate dammakoo" jechaa iyye, isheen of-wallaalteetti. Innis iyyee ollaa dhageessise. Namoonnis birmataniifii siree mukaa xiqqoo tokko irratti hidhuudhaan mana yaalaa geessan.

Mana yaalas erga geessee booda narsiin tokko gad-baatee "abbaan manaanshee si'iidha?" jetteen. Ibsaadhan utaalee "Eeyyee " jedheen. Baga gammadde! mucaan kees,haati manaankees nagaadha. Garuu hir'ina dhiigaa qabdi waan ta'eef of eeggannoo gochuu qabdu jetteen.

Ibsaan miira isa itti dhagahamu hubachuu hin dandeenye, naheeras gammadeeras. Dinqeen gaafa kana dhageessu rifattee waan gootu dhabde.

Haaluma kanaan; jireenya itti fufan. Dinqeen karaa tokkoon ulfa, karaa kaaniin ijoollee lama guddisaa jireenyashee obsaan itti fufte. Yeroon da'umsa ishee geenyaan nagaan deesse. Maqaa mucaa ishees " Murtessaa " jettee moggaaste. Ijoollenis manicha keessa jiraatanis sadii ta'an. Dinqituu gargaaruf ammoo, intalli obboleessa Ibsaa isaan waliin jiraachuu jalqabde. Dinqituun garuu kaayyoo ishee karaatti dhiistee, jireenya haaraa itti fufte.

Murteessan erga waggaa lama ta'ee booda ijoollee warra kaan waliin tapha eegale. Garuu ijoolleen lamaan Murteessaa hacuucuu jalqaban. Sababa kanaanis wal-dhabdeen baay'achaa dhufe

Itti fufa...

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa

Yaadaaf gaaffii qabdaniif
@abdimegersa dubbisaa!
HTML Embed Code:
2024/06/01 05:48:58
Back to Top