Channel: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Misaa'eloonni #Iraan gara #Israa'el dhukaaste waajjira Maayikroosooft irratti miidhaa qaqqabsiisan
Iraan Jimaata kaleessaa kutaalee Israa’el adda addaa irratti haleellaa misaa'elii kan raawwatte yoo ta’u, kunis kallattiin wiirtuu teeknooloojii waajjira #Maayikroosooft fi bu’uuraalee waraanaa irratti midhaa dhaqqabsiiseera.
Haleellaan Iraan kaleessa gaggeessite misaa’eloota 20 kan hirmaachise akka ta'e miidiyaaleen Israa’el gabaasaniiru. Haleellaan jalqabaa Gush Dan, naannoo Negeev fi Hayifaa irratti raawwatame namoota 17 kan madeesse yoo ta’u, isaan keessaa sadii haala hamaa keessa jiru.
Suur-sagaleewwan toora interneetii irratti bahan dhohinsa guddaa magaalaa buufata doonii kaabaa keessatti mudate hordofee Haayifaatti aarri mul'ateera. Manni barumsaa giddugala Israa’el keessatti argamu tokko haleellaa misaa’ela Iraaniin rukutamuu gabaafameera.
https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0efgBByPkVKvx4SpiP6D4S6eaBUgofVwSU6eniVSY98JPXxMk5nDASgGoL3torMQzl/?app=fbl

Facebook
Addis Standard Afaan Oromoo
Misaa'eloonni #Iraan gara #Israa'el dhukaaste waajjira Maayikroosooft irratti miidhaa qaqqabsiisan
Iraan Jimaata kaleessaa kutaalee Israa’el adda addaa irratti haleellaa misaa'elii kan raawwatte...

🔥5❤3
Oduu: #Eertiraan mootummaan #Itoophiyaa “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” dhiibbaa dippilomaasii gochaa jira jechuun himatte
Motummaan Itoophiyaa xalayaa dippilomaasii Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi “gaggeessitoota biyyoota hedduudhaaf” ergeen Eertiraan “Itoophiyaa irratti irra deddeebiin gocha dubbii barbaacha fi sarbama birmadummaa fi daangaa” akka raawwatte himateera jechuun Eertiraan komatte.
Gochi Itoophiyaa kunis “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” kan yaadame ta’uu kan himte Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa, mootummaan Itoophiyaa guyyoota darban keessa “duula dippilomaasii isaa daran cimseera” jedhe. Duulli kunis toftaa ifa ta’e “ajandaa waraanaa itti karoorfateef deeggarsa argachuuf” godhame jechuun ibseera.
Ibsi Eertiraa kun kan bahe tibbana miidiyaa hawaasaa irratti xalayaa dhugummaan isaa hin mirkanoofne kan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa barreesse jedhame bal’inaan tamsa’uu hordofeeti. Xalayaan kun mootummaan Eertiraa irra deddeebiin Itoophiyaa irratti “gocha dubbii barbaacha raawwachuu” fi “birmadummaa fi daangaa Itoophiyaa sarbuu” himata.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6450

Addis Standard
Eertiraan mootummaan Itoophiyaa “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” dhiibbaa dippilomaasii gochaa jira jechuun himatte…
Finfinnee, Waxabajjii 27/2025 – Motummaan Itoophiyaa xalayaa dippilomaasii Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi “gaggeessitoota biyyoota hedduudhaaf” ergeen Eertiraan “Itoophiyaa irratti irra deddeebiin gocha dubbii barbaacha fi sarbama…
👍5❤3🥰2
Gulaallii: Waraanni furmaata hin ta’u - #Itoophiyaa fi #Eertiraa muddama gidduu isaanii daran hammeessuu irraa of qusachuu qabu
Waggaa torba dura maxxansi kun waldhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu tureef furmaata ariifataa laachuun balaa akka qabu akeekkachiisee ture. Adeemsa hojiirra oolmaa qabatamaa, iftoominaa fi of to’achuu hin qabne haala “waraanas, nagaas hin qabne” waggoota kurnan lamaaf ture xumuruu akka hin dandeenye akeekkachiifneerra. Har’a akeekkachiisni sun caalaatti barbaachisaa fi qabatamaa ta’aa jira. Biyyoonni lamaan ammallee irra deebiidhaan waraanatti seenuuf dhihaataniiru.
Muddamni haaraa kun sababa waan lamaan hammaataa jira. Isaanis Eertiraan gaaffii birmadummaa daangaa darbe kaasuu fi Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa ifatti mormuu ishee, akkasumas Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaa argachuun “dhimma itti fufiinsa biyyaa” ta’uu cimsitee dubbachuu isheeti. Wal himannaan biyyoota lamaan gidduu jiru kun haala Waliigaltee Piritooriyaa booda jiru gara jechoota walitti bu’iinsa kakaasan waliitti darbachutti jijjiireera.
Galaana Diimaa to’achuuf wal’aansoo taasifamaa jiru humnoota alaa hedduu harkisee guutuu gaanfa Afrikaatti jeequmsi mul’achaa akka jiru hawaasni addunyaa hubachuu qaba. Itoophiyaa fi Eertiraan gara waraanaatti yoo seenan muddama bal’aa kana keessatti dirree waraanaa haaraa fi tasgabbaa’aa hin taane uumuun rakkoo namoomaa hamaa fi tasgabbii dhabuu siyaasa addunyaa geessisa.
Gama biraan, Itoophiyaan tasgabbii dhabuu keessoo hidda fageeffachaa dhufeen wal’aansoo qabaa jirti. Walitti bu’iinsa gareewwan hidhatan kanneen akka Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) fi #Faannoo waliin adeemsifamaa jiru gahumsa humnoota nageenyaa biyyattii irratti dhiibbaa uumaa jira. Lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'aman rakkoo diinagdee hammaachaa dhufeen rakkachaa jiru. Kun hundi osoo jiruu alatti waraana haaraa banuun balaa kufaatii biyyaalessaa qaba.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6505

Waraanni furmaata hin ta’u - Itoophiyaa fi Eertiraa muddama jiru daran hammeessuu irraa of qusachuu qabu - Addis Standard
Finfinnee, Adoolessa 04/2025 – Waggaa torba dura maxxansi kun waldhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu tureef furmaata ariifataa laachuun balaa akka qabu akeekkachiisee ture. Adeemsa hojiirra oolmaa qabatamaa, iftoominaa fi of to’achuu hin qabne haala “waraanas…
❤5👍2
HTML Embed Code: