TG Telegram Group Link
Channel: ๐Ÿ–ฅ Hafiz ibn hajer official ๐Ÿฆœ
Back to Bottom
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 
ใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธ

Dhaamsa Nabi Muhammad (S.A.W)

Sadarkaa beekumsa argachuu:-
โžฏHadiisa Abud-Dardaa'i (R.A) dabarsaniin Nabi Muhammad (S.A.W) akkana jedhuun dubbatanii jiru:- Namni beekumsa argachuuf deeme:-
โžงAllaahaan (S.W) Karaa Jannataa isaa laaffisa.
โžงMalaa'ikootni gocha isaa ni faarsu, kooluuwwan isaanii illee ni diriirsuuf/ni afuuf.
โžงUumamtootni dachii irraas ta'ee samii keessa jiran, Qurxummiin Garba /Bahra keessa jiru illee osoo hin hafin nama beekumsa (Islaamummaa) horaatee jiru hundaaf araarama kadhatan.
โžงNamni barate (Aalimni) nama hin baratinii fi nama (akkanumaan) Allaahaa gabbaru ni caala; haga adeessii guutuun Urjiiwwaan caaltee mul'attuun.
โžงAalimootni dhaaltoota Nabiyyootaati (Anbiyootaati). Anbiyootni qarshii takkattis ta'ee qabeenya homaatuu dhaalchisanii hin darbine, haa ta'uu malee dhaalli dhiisan beekumsa ture.
Forwarded from Keyralumma
โ™กุงู„ุญู…ุฏ ู„ู„ู‡โ™ก
Seenaa Ajaa'ibaa, Gorsa irraa fudhanne, Aadaa taasifannu boru ittiin milkoofnu.

โ– Dubbisii obboleeyyan keetif share godhi.

โ˜†Guyyaa Tokko Manguddoon umriin isaa waggaa 78 ta'e dhukkubsatee dadhabiin kufee isa fuudhani gara hospitaalaa deeman, hospitaala Yoo gahu Haakimtichi baayye waan dadhabee jiruuf oksijiini saati 24f fudhachu qaba jechuun oksijiini itti godhan.
Saatii 1 booda itti wayyaa'e of bare, sana booda Haakimtichi dhufee Naga'e kaffaltii itti kenne manguddicha kanatti.

Nagahee san harkaa fuudhee laalee mataa isaa lafatti gadi qabee imimmaan ija isaa irraa gadi roobse, Haakimtichi rifatee maal taatee kafaluu hin dandeessu ? Jechuun gaafaten.
Manguddichis lakkii ani kana kafaluu dadhabeeti miti kan boo'e, kan kanaa olii kafalu nan danda'a, Kan ana boochise Tola rabbiin koo natti ooleedha, Waggaa 78 Hafuura nagaa baafataa qilleensa qulqullu fudhataa Homaa nan kafalchiisne jedheen.

Haakimtichis Haasaa manguddoo kanaatiin ijji isaa imimmaan roobsuu eegalte Waliin bo'e.
Qilleensa qulqulluu argattu kana itti kafalta osoo nuun jedhamee akkam taana?
Tola rabbiin nutti oolee lakkoofne hin fixnu osoo beeknee silaa arrabni keenya isa faarsuuf galata galchuu irraa yeroo tokko hin dhaabbattu.
"ุงู„ุญู…ุฏู„ู„ู‡ ูˆุงู„ุดูƒุฑ ู„ู„ู‡"
Share Gochuu hin dagatin.
Forwarded from ๐”…๐”ž๐”ฏ๐”Ÿ๐”ž๐”ž๐”ก๐”ž๐”ž โ„Œ๐”ž๐”ฎ๐”ž๐”ž via @Feysal_bot
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 

Mataa

โžฏSammuun shirkiin keessatti omishame, kan wallaalummaan (jahal) hadooche, kan munaafiqummaan kolaase, kan Muslimaatii miti.

โžฏMataan halkanii guyyaa Allaahaa ittiin hin yaadatin, Iimaana isaa dabaluun guddinaa fi dandeettii Allaahaa (S.W) kan Gooftummaa kan ittiin hin hubatiinii fi kan ittiin hin xinxallin bu'a dhabeessaa.

โžฏRasuul (S.A.W) Hadiisa isaaniitiin akkana nuun jedhan:- Namni rakkinna Muslimaa irratti yaada isaa osoo hin boqachiisi rafee ka'e Muslima irraayii mitiโž.

โžฏNamni osoo rakkinni obbolessa isaa gadadoo fi beelli isaa isaa hin yaachisib nyaatee gammachuun machaaye, (akkasumaa) garaa isaa deeffataa / deeqifachuu , kan biroo ammoo jireenya isaatiif yoo du'e kuni namummaa Muslimaa akka hin qabne argarsiisa.
Forwarded from Keyralumma
Jecha Hayyoota islaamaa.
๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

๐Ÿ“ŒJiruun qooda rabbiiti beeki! Ati waa haqa isa biraa qabaateetti miti waan qabdu kana ka argatte, rahmata isaatiin siif qoode malee.
๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

๐Ÿ“ŒAmntiin islaamaa nuti itti amannu kun, jannata dura, adduniyaa tolchuu qaba. Haalota jiruu duniyaatti hammaatu, waan yoo namni isa hojjete irraa hin bareenne haraam goodhee ilma namaa irraa dhoorka, waan gaari itti ajaja.
๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ

๐Ÿ“ŒKitaabbolen hayyoonni islaamaa kumaatamaan barreessan kunniin kaayyoon isaa inni guddaan, kidmaa qur'aanaatiifi. Hayyuun kitaabota hedduu barreesse tokko aakiira umrii isaatitti akki jedhe "osoo waan qur'aan kana keessa jiru ka beeku taate, umrii kiyya silaa waan biraatti hin fixu"
๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ๏ฌฉ
Forwarded from Keyralumma
๐Ÿ‘‡SEENAA KANA DUBBISAA

Khaatimaa (xumura) Badaa nama na argaaf hojjatuu!

Mansuur ฤฐbn Ammaar (rahimahullahu) ni jedha: hiriyyaa nafsee ofii irratti daangaa darbee ergasii tawbate tokko qabaan ture. Ibaadaa baayโ€™ee kan hojjatuu fi halkan kan salaatu taโ€™ee argaa ture. Guyyaa tokko ani isa dhabe. โ€œInni dhukkubsate jiraโ€ nan jedhan.
Anis gara mana isaa dhufe. Intalli isaas natti gadi baatee akkana jette: Eenyuun barbaaddaa?โ€ Anis, โ€œEbaluunโ€ jedheen. Ishiinis akka mana seenu naaf hayyamte. Anis itti seenee walakkaa manaa keessatti isa arge. Firaasha isaatirra ciisa. Fuulli isaa gurraachate, ijji isaa bulee taate, hidhiin isaa shaakkaroofte. Anis isarraa kan sodaadhu taโ€™ee akkana isaan jedhe: Yaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baayโ€™isi.โ€ Innis ija isaa banee gara kiyya ilaale. ni gaggabe. Anis yeroo lammataaf, โ€œYaa obboleessa koo! Laa ilaah illallah jechuu baayโ€™isi.โ€ Jedheen. Yeroo sadaffas ni jedheen. Ergasii ija isaa lamaan banee akkana jedhe: Yaa obboleessa kiyya Mansuur! Anaa fi jecha tana jidduu dhoowwaan seenee jira. (Jecha tana jechuu hin dandaโ€™u.)โ€ Anis, โ€œLaa hawla walaa quwwata illa billahil aliyyul aziim.โ€
Ergasii, โ€œYaa obboleessoo! Salaanni, soomni, tahajjunni, halkan dhaabbachuun suni eessa jiruu?โ€ jedheen.
Innis ni jedhe: Suni Rabbiin ala kan biraatiif ture. Tawbaan kiyya kijiba ture. Kan ani san hojjachaa tureef akka waaโ€™een kiyya dubbatamuu fi itti yaadatamuufi. Namoota agarsiifachuuf san hojjachaa ture.
Yommuu kophaa kiyya taโ€™uu, balbala cufee fi maggaarajjaa gadi buusee khamrii (dhugaati nama macheessu) dhuga. Gooftaa kiyya nan faallesse. Haala kana irra yeroo murtaaโ€™ef ni ture. Ergasii dhibeen na tuqe. caafi badii irra gahe.โ€ (Kanaafu, hojii gaggaarii hojjachuu waliin niyyaa qulqulleessuun garmalee barbaachisaadha.)
Mawsuuโ€™atu akhlaaqi wa zuhdi wa raqaaโ€™iq-1/14-15, Yaasir Abdurahmaan
Forwarded from Keyralumma
โ™ป๏ธBOQONNAA SAMMUU๐Ÿง 
ใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธใ€ฐ๏ธ


Abuu Haamid Al-Ghazaaliin (RH) Salaata Ilaalchisee Akkana jedhanii Jiru

โWantoota xuraayan irraa qaama keetii fi iddoo itti sagaddu qulqullessitee, qaama saalaa kee handuura irraa haga jilba keetii dhoksitee yoo geessite dhaabadhuutii kallattii kaabaa (Qiblaa) gara godhiitii wal qixa godhuun qajeelii dhaabbadhu, sana booda shayxaana abaaramaa irraa kan si baraaru dubbisi, qalbiin tee gara wanta godhaa jirtuu jirtuu akka yaaddu, yaada birootii fi tutuqaa shayxaanaa irraa akka bilisa taatu godhuun eenyuun fuul-dura akka dhaabachaa jirtu, eenyuun akka mari'achiisaa jirtu xinxalli. Gooftaa kee yoo dagatte qalbiin tee wantoota meeshaalee kanneen onnee kakaasanii fi miira badaan sammuu kee guuttee fi xaxxee gooftaa kee akka hin mari'achiifne of eeggadhuโž.
Forwarded from Deleted Account
๐Ÿ— โ‚โ€Œfโ€Œaโ€Œzโ€Œzโ€Œaโ€Œkโ€Œkโ€Œiโ€Œrโ€Œ/โ€Œyโ€Œaโ€Œaโ€Œdโ€Œaโ€Œcโ€Œhโ€Œiโ€Œiโ€Œsโ€Œiโ€Œโ‚ ๐Ÿ—
โ–ฃโ–ฌโ–ฌโ–ฌโโ–ฌโ–ฌโ—คโ—ขโ–ฌโ–ฌโโ–ฌโ–ฌโ–ฌ

โ–ฃKanuma ruuhiin nama keessa jirtu qalbiin namaa ni duutii beeki: waan isii irraa eeggamu  gochuu dadhabdee dhukkuba gaflaatiin duutii, Namni waan rabbiitiin gorfamu, Namni waan aakiraatiifi diiniin gorfamu nama qalbii fayyaa qabu nama qalbiin isaa ma'asiyaan/shirkiin/jallinaan/bid'aadhaan hin du'ini.

โ–ฃ beekkumsi hadiisaa fi qur'aanaa ta'e tun qalbii nama jiraachifti waan fokkatarraa qalbiin fagaattee akka haala bareeda qabaattu taasifti soba โ†’dhugaa, dadhabbiiโ†’jabeenyaa, daguu โ†’dammaqqii, laafinsarra โ†’ciminaa. Haalota badaa irraa gama guddinaa akka namni bahu ilmii nama barsiifti ilmiin islaamaa tun.

โ–ฃNamni waa beekuu fi hin beekne way wal qixxaataa? jedhe rabbiin keenya s.w Wal hin qixxaatu. Namni  gorfamu, warra aqlii yookaa lubbuu qabu.
โ†‘Faayidan barnoota diin kan fa'a jechuudha, yaa rabbi barachuu nuu laaffisi.


ยซ ู‚ู„ ู‡ู„ ูŠุณุชูˆูŠ ุงู„ุฐูŠู† ูŠุนู„ู…ูˆู† ูˆุงู„ุฐูŠู† ู„ุง ูŠุนู„ู…ูˆู† ุฅู†ู…ุง ูŠุชุฐูƒุฑ ุฃูˆู„ูˆ ุงู„ุฃู„ุจุงุจ ยป
โ–ฃโ–ฌโ–ฌโ–ฌโโ–ฌโ–ฌโ—คโ—ขโ–ฌโ–ฌโโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฃ
Forwarded from Keyralumma
๐Ÿ“œ๐Ÿ–Œ. Ji'a Ramadaanaa keessa Carraa 1350 ol kan Diliilee Dabarte irraa Araarama Namaaf argamsiisuutu jira.

โœ๐Ÿป. Ramadaanni Ji'a Kheeyriilee ji'a barakaaleeti. Yeroo itti isa keessatti duaaiin namaaf qeebalamtu kan ji'oota biraa hunda irra caaltuudha. Sababni ittiin ajriin dacha dachaa namaaf godhamtu ji'oota biraatirra kan ji'a ramadaanaa ni caalti. Barakaa jiini kun qabu irraa Carraa diliileen dabarte namaaf dhiifamuu kan isa keessa jiru yeroo 1350 caala. Wallaahi kuni tola guddaadha. Mu'umintootaa fii qalbiin isaanii kanaan akka malee gammaddi.

๐Ÿ“œ๐Ÿ–Œ. Carraallee kanneen Dubbachuun Dura Ragaalee shari'aa isaan irratti nama qajeelchitu dubbachuun dirqama.

1. " Namni ji'a ramadaanaa haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'een soommane Dilii isaatirraa wanti dabarte isaaf araarame, Namni ji'a ramadaanaa haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'ee Dhaabbate Dilii isaatirraa wanti darbe isaaf araarame, Namni halkan leeylatul qadrii haala amanaa fii rabbirratti hisaabbataa ta'een Dhaabbate ,Dilii isaatirraa wanti dabarte isaaf araaramni godhame" Bukhaarii fii Muslimtu Gabaase.

2. " yeroo imaamni Aamiin jedhe isiniis Aamiin jedhaa; Namni aamiiniin isaa aammiinii malaa'ikaatii wajjiin walsimate ; Ma'siyaa isaatirraa kan dabarte Araaramni isaaf godhame". Bukhaarii fii Muslim.

3. " Yeroo imaamni " Sami'allaahu liman hamidahu" jedhe " Allaahumma Rabbanaa walakal hamdu" jedhaa, Namni jechi isaa jecha Malaa'ikaatiin wal simate; Dilii isaatirraa wanta dabre araaramni isaaf godhame". Bukhaarii fii Muslim.

๐Ÿ“œ๐Ÿ–Œ. Hadiisoota kanarratti hundooynee Carraalee Ramadaana keessa lakkaawuuf yeroo kaanu inumaa carraa 1350 ol taati. Suniis akka armaan gadiiti.

๐Ÿ““. Soomanuun, Halkan hunda dhaabbachuu fii Halkan leeylatul qadrii dhaabbachuun walitti carraa=3.

๐Ÿ““. Salaanni Shanan isii keessaa:-.

๐ŸชทGuyyatti Raka'aa olfuudhanii qara'an 6 tu jira. Akkana Jechuun Namni tokko imaamatti hidhachuun yeroo 6 aamiin jedha jechuudha. 6*30=180.

๐ŸชทGuyyatti Raka'aa 17 kan Namni tokko eega imaamni " Sami'allaahu limanhamidah" jedhe inni immoo " allaahumma Rabbanaa walakal hamdu" keessatti jedhuutu jira. Kana jechuun 17*30=510.

๐Ÿ““. Salaata taraawiihaa keessa :-.
Osoo Namni tokko imaamaa wajjiin Raka'aa 11 salaata jennee fudhannee; Isii keessatti yeroo 11 aamiin jedha, yeroo 11 " Allaahumma rabbanaa walakal hamdu" jedha. Walitti kan halkan tokko 22 jechuudha. Kana jechuun carraan Diliin isaa dabarte isaaf araaramuu salaata taraawiihaa keessati hedduu deddebiti jechuudha. Kuniis 22*30=660 ta'a.

๐Ÿ“œ. Waliigalli Carraa kanaa = 3+180+510+660=1353 ta'a jechuudha.

๐Ÿ“œ๐Ÿ–Œ. Carraan guddaan kun Tahajjuda kurnan boodaa maleedha. Inumaa Sababoonni biraa kan Namni Muslimaa dalaguu qabu kan Ji'a kana keessa Diliilee isarraa argamtee dabarte akka isaaf araaramni godhamu taasistu hedduudha.

Tolli rabbiin akkaan bal'aadha. Kennaan isaa ji'a kana keessa hedduu guddoodha.

โœ๐Ÿป. ุงู„ุดูŠุฎ ุงู„ุฏูƒุชูˆุฑ ุณู„ุทุงู† ุงู„ุนู…ูŠุฑูŠ
ุฃุณุชุงุฐ ุงู„ุนู‚ูŠุฏุฉ ุจุฌุงู…ุนุฉ ุฃู…ู‘ ุงู„ู‚ุฑู‰


โš Yaadachiisa Jecha tokkoonii miti kan Hiikame, Akka hubachuuf Mijatuttiidha malee.
Forwarded from Keyralumma
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

โ€ขNama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

โ€ขAmmoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.

Yaa rabbi nu milkeessi.
Forwarded from Keyralumma
๐Ÿ”ŠKEYRAL-UMMA-TUBE:
๐Ÿฅ€As wr wb ๐Ÿฅ€

ู‚ุงู„ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ "ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู… "ุงู„ุชุจุณู… ููŠ ูˆุฌู‡ ุงุฎูŠูƒ ุตุฏู‚ุฉ *
โœ”๏ธyoo Nama jaalattu agarte itti seeqadhu akka ati isa jaalattu haa beeku
โœ”๏ธyoo Nama si waanyu/inaafisu agarte itti seeqadhu ati isa caaluu kee haa beeku
โœ”๏ธyoo Nama kan sijibbu/diina kee agarte itti seeqadhu akka ati humna qabdu haa buukuu
โœ”๏ธyoo Nama sin beeyne agarte itti seeqadhu hamtuu dhabuu fii kee haa beekuu
*ู‚ู„ูŠู„ ู…ู† ูŠูู‡ู…ู‡ุง*


Hariiroo Hawaasa Waliin Qabdu Bareechuuf

โ†ช๏ธNaamusa gaarii dogoggora amananii fudhachuu dagaagsi.
โ†ช๏ธDhibeen Ani nama dogoggora irraa bilisaa ta'e jedhu akka si hin hubne of eeggannoo godhi
โ†ช๏ธBeekumsa waa'ee naamusa gaarii irratti qabdu hundaa hojiitti hiiki (beekumsi beekumsummaa qofana ibaadaa ta'uu hin danda'u hanga hojiitti jijjiiramutti

๐Ÿ‘‰@Keyralumma ๐Ÿ‘‰@Keyralumma
Forwarded from Keyralumma
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

โ€ขNama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

โ€ขAmmoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.

Yaa rabbi nu milkeessi.
Forwarded from Keyralumma
With the third odd night, O Allah, do not close the month of Ramadan unless you have erased our sins, accepted our repentance, relieved our worries, corrected our conditions, strengthened our faith, made us happy in our lives, and made us free from the fire, Lord of the worlds.


Halkan odd sadaffaan yaa Rabbi cubbuu keenya haqxee, towba keenya fudhattee, yaaddoo keenya sirreessee, haala keenya sirreessitee, iimaana keenya cimsitee, jireenya keenya keessatti nu gammachiifte, ibidda irraa worra bilisoomsite nu goote malee jiโ€™a Ramadaanaa hin cufin Yaa Gooftaa addunyaalee.


ู…ุน ุงู„ู„ูŠู„ุฉ ุงู„ูˆุชุฑูŠุฉ ุงู„ุซุงู„ุซ

ุงู„ู„ู‡ู… ู„ุง ุชุทูˆูŠ ุดู‡ุฑ ุฑู…ุถุงู† ุฅู„ุง ูˆู‚ุฏ ู…ุญูˆุช ุฐู†ูˆุจู†ุง ูˆู‚ุจู„ุช ุชูˆุจุชู†ุง ูˆูุฑุฌุช ู‡ู…ูˆู…ู†ุง ูˆุฃุตู„ุญุช ุฃุญูˆุงู„ู†ุง ูˆู‚ูˆูŠุช ุฅูŠู…ุงู†ู†ุง ูˆุฃุณุนุฏุชู†ุง ููŠ ุญูŠุงุชู†ุง ูˆูƒุชุจุชู†ุง ู…ู† ุงู„ุนุชู‚ุงุก ู…ู† ุงู„ู†ุงุฑ ูŠุงุฑุจ ุงู„ุนุงู„ู…ูŠู†
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
๐ŸŒพSADAQAAN MALLAQA QOFAA MITI

๐Ÿ“ˆObboleessa kee fuula Ifaan dubbisuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆJecha gaari dubbachuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆNyaata nama nyaachisuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆNama muslimaa booda Isaatii du'aa'iidhan yaadachuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆZikriilee Adda Addaa jechuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆKeeyritti nama ajajuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆSherrirraa nama dhorkuun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆDhadhabaa gargaaruun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆHaadhaf Abbaa ofitti tola Ooluun sadaqaadha

๐Ÿ“ˆDhugaa dubbachuu sadaqaadha

โœWaa'ee sadaqaa dubbadhee hin fixuu nama waan kan hundatti hojjatu rabbiin nu haa godhu
Forwarded from Islamicbot
๐–๐š๐š ๐ŸŒบ๐ŸŒบ ๐š๐Ÿ๐ฎ๐ซ ๐ŸŒบ๐ŸŒบ ๐ซ๐š๐›๐›๐ข ๐ฌ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ก๐š๐š ๐ฅ๐š๐š๐Ÿ๐Ÿ๐ข๐ฌ๐ฎ.๐Ÿ‘๐Ÿ‘
1. ๐Š๐ก๐ž๐ž๐ฒ๐ซ๐ข๐ข ๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ
2. ๐‡๐š๐ซ๐š๐š๐ฆ ๐ž๐ž๐ ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ
3. ๐ƒ๐ข๐ฅ๐ข๐ข ๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ญ๐จ๐ฐ๐›๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ
4. ๐ˆ๐›๐š๐š๐๐š๐š ๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ...
HTML Embed Code:
2024/04/26 13:13:54
Back to Top