TG Telegram Group Link
Channel: MIIDIYAA SOOTIRIYAA ሶትርያ ሚዲያ
Back to Bottom
Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Maatii Taatanii Jirtuu

➭Jaalatamaa/tuu obboleessa/eettii koo nageenyi Waaqayyoo siif haa baay'atu; waa si yaadachiisuu?! Tole! Bara keenya kanatti dhiibbaa miidiyaan hawaasaa fi ammayyummaa ana fi si'i dabalatee dhaloota irratti fidaa jiru hammam akka ta'e sitti hin himu, atiyyuu beekta waan ta'eef! Dhiibbaan kun guyyaa irraa gara guyyaatti dachaan dabalaa deemuun isaa immoo waan nama rifachiisuu fi sodaachisudha. Kanaan walqabatee manni kiristaanaa kee , haati kee ishee dhugaan baduu dhalootaa hin barbaadne kun osoo maal fa'a hojjette furmaatadha jetta? Tarii akkuma koo tajaajila afuurawaa qindaa'aa ta'ee fi bilchaataa ta'e  miidiyaalee hawaasaatiin tamsaasuun dhiibbaa jiru kana akka carraa gaariitti fayyadamuu qabdi jetta ta'a. Dhugaadha mana kiristaanaaf miidiyaaleen hawaasaa hedduun ishee barbaachisu; hedduu qofa osoo hin taane miidiyaa guddaatu isheef mala. Miidiyaa guddaan immoo kan jiraatu yoo anaaf si'i, obboloonni keenyi biroonis walirraa gargar faca'uu dhiisnee walitti dhufnee karaa dandeenyuun tumsa taasisnedha. Tumsa taasisuu barbaaddaaree?! Koottu kunoo miidiyaa mana kiristaanaa kan ta'e tokko  "Miidiyaa Sootiriyaa" #Subscribe #Follow #Like #Join gochuun maatii haa taanu; obboloota keenyas affeeruun tumsuma xiqqoo kana  irraa haa eegallu. Obboloota jaalattu qabda mitii?!; mee affeerraa kana ergiif!

Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
#Rihooboot

Barumsa afuuraa maaddii Miidiyaan keenya qopheesse irraa nyaachuuf karaa YouTube maatii kan ta'an hordoftoota 2000 (kuma lama) horannee jirra; Waaqayyoo nu baay'iseera!

Galatoomaa! Eebbifamaa!🙏

Toora miidiyaalee hawaasaa Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@soteriamedia21

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Barumsa_Itti_Fufaa

Barumsa Itti fufaa Mata duree "Kadhannaa" jedhuun B/saa Darajjee Boggaalee (Dn) tiin Miidiyaa Sootiriyaa irratti!

Barumsa kanaan;

➭Maalummaa kadhannaa
➭Kadhannaan yoom jalqabe?
➭Kadhannaa kakuu haaraa fi Kakuu moofaatti
➭Maal jennee haa kadhannu? fi dhimmoota kadhannaan wal qabatan biroo irratti hubannoo ni arganna!

Kutaa Jalqabaa Har'a galgala (20-09-16) sa'atii 2:00 ALI YouTube Miidiyaa Sootiriyaa irratti nu eegaa!

Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!

Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
⚜️MAARIYAAM⚜️

“Maariyaam garuu wanta kana hundaa laphee isheetti qabatti ture” (Luq 2:19, Luq 2:51)

➭Qulqulleettii kan taatu Haadha Waaqayyoo Durbee Maariyaam ilaalchisee kitaaba qulqulluu keessatti caqasoota barraa’an keessaa caqasni Wangeela Luuqaas 2:19 irra jiru baay’ee na dinqa. Caqasicha yeroon dubbisu yookaan yeroon dhagahu keessi koo akka malee na gammada. Dinqisiifannaadhanis nan qabama. Lapheen koos hatattamaan gara ijoollummaa ishee yaadutti na fiiga.

Guutuu isaa link gadii 👇 "INSTANT VIEW" jedhuun seenaa dubbisaa!

╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮
          @Soteriamedia
          @Soteriamedia
          @Soteriamedia
╰══•ೋ•✧๑♡๑✧•  ══

https://telegra.ph/MAARIYAAM-05-29
⚜️Du'aa Ka'umsa Kakuu Moofaatti⚜️

#Seensa:
➭Dhalli namaa sababa balleessaa balleesseen ‘biyyoo irraa waan taateef gara biyyootti ni deebita’ jedhamee jira. S.U 3:19. Kanaafuu dhalli namaa foonii fi lubbuudhaan gargar bahee foon gara biyyootti deebi’a. Duuti sababa cubbuu Addaamiin dhala namaa guutuu irratti aangoo godhatee ture uumaa samiif lafaa Kiristoosiin moo’ame; Gooftaan nama ta’ee dhalatee du’ee du’a moo’ee ka’ee du’aa ka’umsa nuuf kenne; jalqabumayyuu Waaqayyoon ilma namaa jireenyaaf malee du’aaf hin uumne waan ta’eef.

➭Ogum 1:13-16 “Waaqayyoon du’a hin uumne, jiraataa akka ta’uuf uumama uume malee”
Waaqayyoon amanamaa dha waan ta’eef kaayyoo dura uumameef jireenya bara baraatti deebisuudhaaf dhala namaaf du’aa ka’umsa kenne. Sababa kanaaf raajota kakuu moofaa irraa kaasee hanga barumsa beektota mana kiristaanaatti waa’een du’aa ka’umsa dhala namaa fakkeenyota baay’eedhaan fakkeeffame, baay’ees barsiifamee jira. Barumsi du’aa ka’umsaa bal’aa fi iccitii kan qabu yoo ta’u du’aa ka’umsi kakuu moofaa keessatti fakkeenyaa fi Raajii akkamiin akka ibsame/barsiifame gabaabinaan akka armaan gadiin ilaalla.

1. Fakkeenya (Example)
➭Du’a Abeeliitiin duuti keenya beekkame. S.U 4:8 Abeel obboleessi isaa Qaa’eel erga isa ajjeesee booda Waaqayyoon Qaa’eeliin ‘dhiigni Abeel gara kootti ni iyya!’ jechuun isaa namni du’a booda jiraataa ta’uu isaa ibsa. S.U 4:10. Dhalli namaa akka ol bahu immoo ol bahiinsa Heenookiin agarre ykn nuuf ibsame. S.U 5:24 “Heenookis adeemsa isaa Waaqayyoo waliin waan taasiseef hin argamne, Waaqayyoon fudhateeraatii”.Bara Nooh, bara bishaan badiinsaa, lubbuuwwan dhala namaa saddeet gara doonii seenuun isaanii awwaallamuu keenyaan fakkeeffama. Doonii sana keessa yeroof turanii wayita roobni badiinsaa sun darbu bahanii jiru. Kun immoo du’aa ka’umsaan fakkeeffama. S.U 6:7. Uleen Aaroon osoo ulee hin ta’iin dura lalistee jiraataa turte. Booda immoo gogdee ulee taate. Boodas raajii Waaqayyoo mul’isuuf deebitee laliste. S.L 17:6 Dhalli namaas dura lafa kanarra jiraata; deebi’ees ni du’a; jireenya bara baraaf immoo deebi’ee ni ka’a. Kana malees du’aa ka’umsaaf kakuu moofaa keessaa fakkeenya kan nuuf ta’u:
Reeffa awwaallamuuf baatamee adeemamaa jiru yeroo lafee Eelsaa irratti darbatan ka’uu isaati. 2 Moot 13:1 Akkasumas Eeliyaas daa’ima du’ee ture kaasee jira. Kakuu moofaa keessatti du’aa ka’umsi kanaa fi kan kanneen fakkaataniin fakkeeffame.

2. Raajii (Prophecy)
➭Raajonni waa’ee du’aa ka’umsa dhala namaa baay’ee barreessanii jiru. Isaay 26:19 “Warri du’anis jiraattota ni ta’u; reeffis ni ka’a; dacheen warra du’an ni baastitii dammaqaa faarfadhaa.” jedha. Hojiin dhala namaa du’aa ka’umsa booda Waaqayyoon faarfachuu qofa waan ta’eef. Daan 12:2 “Baay’een warra awwaara lafaa keessatti rafanii ni dammaqu; walakkaanis gara jireenya bara baraa, walakkaanis gara du’aa fi jireenya rakkinaatti” jechuudhaan du’aan booda jireenyi gosa lama akka jiru nutti hima. Faar 49/50:3 “Waaqayyoon ni dhufa; hin callisu; ibiddi fuldura isaatii ni boba’a; naannoo isaattis obonboleettii baay’eetu jira”

Walumaagalatti du'aa ka'umsi namaa waan akka carraa ta'e osoo hin taane kakuu moofaa keessatti fakkeenyota garagaraatiin kaafamee jira; raajii hedduunis dubbatamee jira.

Waaqayyoo Uumaaf, Deessuu haadha isaaf, Ulfaataa Fannoo isaaf galataaf ulfinni haa ta’u!! Ameen!!

#Madda: Kitaaba ’BU’UURA RAAJOTAA FI DUUKA BU’OOTAA LAKK-1 fuula 270-271; Habtaamuu Wasanuutiin kan barreeffame!

Miidiyaa Sootiriyaa
Caamsaa 22, 2016
Finfinnee

Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!

Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg
➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia
➭Facebook Page►https://www.facebook.com/soteriamedia21
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Faarfannaa

Faarfannaa "Ulfinni Kee Kennaan Kee Jabaa" jedhu Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin haala addaan hojjetame;

Guutuu isaa Har'a galgala (23-09-16) sa'atii 2:00 ALI YouTube Miidiyaa Sootiriyaa irratti nu eegaa!

Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!

Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
#Faarfannaa-Taklahaayimaanot

Faaruun Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaan qophaa'e kan abbaa keenya qulqulluu #Taklahaayimaanot akkuma beellama keenyatti #Youtube Miidiyaa #Sootiriyaa irratti gadhiifameera.

Liinkii armaan gadiin seenaa ittiin galateeffadhaa!

Miidiyicha jajjabeessuuf #subscribe @share fi like godhuu hin dagatinaa

Yaada fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif lakkoofsa bilbilaa 0982085508n nuuf bilbilaa

Liinkin kunoo


https://youtu.be/VgTi0Kn9wOo
#Kadhannaa-Kutaa 2ffaa


Torbee darbe kadhannaa kutaa 1ffaa barannee jirra. Kutaa 2ffaan isaa #Youtube #Miidiyaa #Sootiriyaa irratti gadhiifameera.

Liinkii armaan gadiin seenaa baradhaa

https://youtu.be/lkcDdv2BEJI

Youtube Miidiyichaa #subscribe #share fi #like gochuun tajaajila Miidiyichaa akka jajjabeessitan maqaa Waaqayyootin isin gaafanna!


Yaadaa fi gaaffii sagantaalee keenya irratti qabdaniif 0982084408 yookin 0982085508n nuuf bilbilaa

https://youtu.be/lkcDdv2BEJI
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
#Laphee-kootu jabaate

Walaloo afuuraa laphee namaa cabsu kan Dn Faarf. Dhibbaa Waaqturaatin qophaa'e har'a galgala (01/10/2016) sa'aatii 2:00 irratti #Youtube Miidiyaa #Sootiriyaa irratti nu eegaa

Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuuf gahee isin irraa eegamu akka baatan maqaa Waaqayyootin isin gaafanna

Youtube:https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

Telegram:https://hottg.com/Soteriamedia

Facebook page:https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
#Walalichi #gadhiifameera

Laphee kootu jabaate
Faarf. Dhibbaa Waaqturaa (Dn)

Miidiyaan Sootiriyaa barumsa afuuraa mana kiristaana Ortodoksi tawaahidoo Itiyoophiyaa bifa garagaraan isin barsiisa. Miidiyicha #subscribe godhuun waliin haa guddifnu!

Liinkiiwwan armaan gadiitin sagantaalee keenya daawwadhaa
Yaada keessaniif 0982084408 yookin 0982085508 nuuf bilbilaa

''Missiraachoo abdii abbootaa isinitti lallabna'' H.D.B. 13:32

https://youtu.be/h1t_JrmNqHM
⚜️Dammaqi⚜️

"Ati kan rafte dammaqi, du’a keessaas ka’I; Kiristoosiis siif ibsa…" Eef. 5:14.

➭"Duuka bu’aan qulqulluu Phaawuloos akkas jedhee dammaqsuu kan barbaade nama foon isaan rafe dhaa? Dhugumatti miti! Inni kan waamu lubbuu hirriba keessa jirtudha; hirriba ishee keessaa dammaqxee akka fedha Waaqayyootti akka jiraattuu fi iftuufi. Haaluma Kanaan wal fakkaatuun faarfatichi akkas jedha:- "Waaqa koo! Waaqa koo! gara kee nan fiiga; lubbuun koo siin dheebotte; foon koo akkamiin si yaadde; gammoojjii mukaa fi bishaan hin jirre keessatti" Faar. 62:1. Daawiit kana kan jedhe lubbuu kan bareechuu fi dammaqsu Kiristoos waan ta’eef dha; Inni ifa isaa yoo ishee irraa fudhate lubbuun ni rafti waan ta'eef!
Kun immoo jechaa faaruu kan biraa; "Du’aafis akkan hin rafne ijoota koo ibsi" (Faaruu 12:3) kan jedhu na yaadachiisa" Qulqulluu Awugisxoos

Madda: “የእግዚአብሔር ፍቅር” አያሌው ዘኢየሱስ እንደተረጎመው

#Ergaa: Kiristoos ifa addunyaa kan ta’e lubbuu keenya hiyyoomtee hirribaan qabamtee rafte keessaa dammaqnee kaanee ifa Kiristoosiin lubbuu keenya akka jiraachisnu yeroo hundaa kan qophoofnee fi of kennine akka taanu ergaa cimtuu nuuf darbedha.

Waaqayyoo Uumaaf, Deessuu haadha isaaf, Ulfaataa Fannoo isaaf galataaf ulfinni haa ta’u!! Ameen!


Tajaajilichi kan hunda keenyaa waan ta'eef YouTube Miidiyichaa #subscribe gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggaru!

Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://
#Sagantaa #haaraa

Sootiriyaan sagantaa haaraa fi bal'aa ta'e ummata kiristaanaaf qabattee dhuftee jirti

Sagantaa #Yeroo #Kiristaanotaa jedhama

Yeroo dhimmi kiristaanotaa itti baratamu

Yeroo kiristaanotni walirraa baratan

Yeroo kiristaanotni wal mari'atan

Yeroo sirna kiristaanotaa addunyaaf ibsinee barsiifnu

Yeroo kiristaanotni itti wal gorsan

Yeroo tajaajiltootni, maatiin, lubootni fi monoksoonni gamtaan waliin dabarsan Sootiriyaan qabattee dhuftee jirti

Yeroo dhimmi diinagdee kiristaanotaa itti xinxaalamu

Yeroo gaa'elli kiristaanotaa itti kunuunfamu

Yeroo jiruu luboota baadiyyaa itti hubannu

Yeroo jaarsummaa fi safuun hawaasa keenyaa ija amantaan itti hubatamuudha

Maarree sagantaa jalqabaatin har'a galgala (04/10/2016) keessummaa guddaa abbaa keenya Mal'aaka Tsahaayi Maggaabee Addis Luba Dibakulluu Muluu qabatee dhufeera

Nu eegaa

Tajaajila Miidiyichaa jajjabeessuf #subscribe ,#share  fi like gochuun hawaasa kiristaanaa bal'aa biraan gahaa

Youtube: https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

telegram :https://hottg.com/Soteriamedia

facebook:https://www.facebook.com/share/Fism921qf9FupwCN/?mibextid=oFDknk
Yeroo Kiristaanotaa
Miidiya Sootiriyaa waliin


Gaa'ela dhaabbattanii moo dhaabbachuuf karoora qabdu?

Mee qophii kana hordofaa irraa baradhaa!

Qophii keenya har'aatin!
Gaa'ela irratti   #Kutaa 1ffaa


#Gaa'elli maali?
#Yoom hundeeffame
#Fakkeenyi gaa'elaa fi mana kiristaanaa fi gooftaa Iyyasuus Kiristoos akkamiin ilaalama?

#Eefeson boqonnaa 5 lakkoofsa 22 hanga 32 dhimma #gaa'elaa icciitin ibsame akkamiin hubatama?

#Sirnootni gaa'elaa mana kiristaanaa keenyaa akkamiin ilaalamu

Miidiyicha jajjabeessun kiristaanota wal haa agarsiifnu

#subscribe, #share fi #like akka gootan isin yaadachiifna

https://youtu.be/rUcINM55bcM
HTML Embed Code:
2024/06/14 08:28:37
Back to Top