TG Telegram Group Link
Channel: KENNAA
Back to Bottom
GORSA GAARII
••••••••••••••••

Yeroo namni nama biraa si biratti hamatu gurra hin kenniiniif didi! Maaliif seete? siinis nama kan biraatti si hamata.

Icciitii kees itti hin himatiin! Maaliif seete?

Hamachuun amalasaa waan ta'eef, icciitii hin qabatu.

Nama tokkotti mi'aawuuf ykn quluqulluu fakkaachuuf hiriyaakee qulqulluu hin xureessiin! Maaliif seete? dhugaan si gaafata.

Yeroo hunda wanta haqa qabeessa dubbadhu! Maaliif seete?Sobni yeroo sanaaf qofa si fayyada malee borii hin qabu.

Yoo sobamtes hin aariin! Maaliif seete? guyyaan dhugaan itti ifa ba'u ni dhufa yeroo sana dhugaa inni ati dubbattu ragaa siif ba'a.

Jette jettees hin amaniin, amantus dabarsitee hin himiin! Maaliif seete?tarii soba ta'ee si qaanessa.

Yeroo namni si arrabsu dabaltee hin arrabsiin! Maaliif seete?Yeroo jalaa callistu innuu gaabbee dhiisa.

Daftee murtoo hin fudhatiin! Maaliif seete? yoo murtoo sana hin dandeenye ni gaabbita.

Wanta humnikee hin dandeenye waadaa hin seeniin! Maaliif seete?Raawwachuu yoo dadhabde ni qaanofta.

Hiriyyaakee si jaallatu hin goyyomsiin! Maaliif seete?waan si jaallatuuf jechakee fudhateti.

Baayyee jaalladhu garuu hin amaniin! Maaliif seete? Amala sitti jijjiirrata ta'a, yeroo kana ni haalamta.

Hiriyaa isa icciitii itti himattuun yoo wal lolte, wal lolle jettee icciitii isaa hin baasin!

Maaliif seete?booda araaramuun kee hin oolu

Booda ofitti qaanfatta ykn gaddita Waa'ee namas hin has'iin maaliif seete irra nama malee keessa Ykn garaa nama waan hin beekneef.

Gorsi kun yoo sitti tole nama jaallattuuf share godhi

By: Abu Huzeyiifa




@Kennaapost @Kennaapost



https://hottg.com/Kennaapost
Namoota saddeet (8) kan Rabbiin (SW) Qur'aana isaa keessatti faarse isinin jaalladha jedhee
___

1. Rabbiin warreen gaarii hojjatan jaallata (wallaahu yuhibbul muhsiniin

2.Rabbiin Warren isa sodaatan jaallata ( Wallahu yuhibbul Muttaqiin )

3. Rabbiin warreen towbatan jaallata (Wallaahu yuhibbul tawwaabiin)

4. Rabbiin warra Qalbii keessaa fi gubbaan qulqullaahan jaallata ( wallaahu yuhibbul mutaxahhiriin)

5.Rabbiin warreen isatti hirkatan jaallata (Wallahu yuhibbul Mutawakkiliin)

6. Rabbiin warreen haqa dalagan jaallata (Wallahu yuhibbul muqsixiin)

7. Rabbiin warreen karaa Rabbii keessatti qabsaa'an jaallata

8. Rabbiin warreen waan hunda keessatti Obsa qabaatan jaallata (wallaahu yuhibbul Saabiriin )

Yaa Rabbi warreen faarsite kanarraa nutaasisi jaalala kee nuuf kenni #Aamin!







@Kennaapost @Kennaapost






hottg.com/Kennaapost
ODUU_AMMEE

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Soomni Ramadaana Boru Eegala‼️

Baatiin Ramadaanaa Sa’udii Arabiyaa keessatti waan mul’atteef, guyyaa boru wiixata Bitootessa 02, 2016 E.C. guyyaa jalqabaa Ramadaanaa ta'a.

Baga Sooma Ramadaanatiin ittin nu Gahe.



Yaa Allaah warra kheeyrii jiini Ramadaanaa kun qabu hunda argatee milkaa'u nu taasisi!!



@Kennaapost @Kennaapost




hottg.com/Kennaapost
Taatee gurguddoo ramadaana keessa arkame

Baatiin soomanaa ummata islaamaa biratti iddoo guddaa qabdi. Baatii iimana keessatti haarayoomsatan, baatii namni wal dhabe keessatti dhiifama wal gaafatu, baatii nasriin adda addaa keessatti argamtee dha. Kana wajji wal qabatee seenaa islaamaa keessatti taatee gurguddoo guyyaalee baatii tana keessatti argame tokko tokkoon bareessuu yaalla insha Allah.

🌙 Remadana 1

Guyyaa akka arraa bara 641 G.C waraanni islaamaa khan amri ibnul aasiin hogganamu biyya Egypt itti banee dha. Zamana khaliifaa islaamaa umar ibnul khaxxaab.
🕌 Islaamummaan hanga ammaa biyya Egypt kheessa jiraachuuf kan sababa tahe sababaa baniinsa (fathii) zamana kana arkameeni.

🕔 Guyyaa akka arraa bara 712 G.C guyyaa baniinsa (fathiin) biyya andalus (Spain 🇪🇸) itti jalqabdee dha. Hoggaanaa islaamaa mussa ibnu nuseyr nama jadhamuun zamana khaliifaa islaamaa Waliid ibnu Abdulmalik ibnu Marwaan.
🌍 Andalus (Spain 🇪🇸) eega islaamummaa fudhattee booda waggaa 800 amantii islaamaatin buluu isii seenaan ni ibsa.




@Kennaapost. @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Yaadi Mee!
Silaa kan barana du'e san si tahe...
Silaa kan mana yaalaa keeysaa yoomiin fayya ja'ee booyu san si tahe...
Silaa kan hidhamee dukkana mana hidhaa keeysa jiru san si tahe...
Silaa kan Gazzaatti musiibaan itti bu'aa jirtu san si tahe....

Alhamdulillaahi Rabbiil Aalamiin🤲🤲🤲



Yaa Allaah warra irraa fayyadamu nu taasisi. 🕋 🕋❤️🤲





@Kennaapost @Kennaapost

hottg.com/Kennaapost
Masjiida Guddicha Addunyaa..🕌🕋

Namoota Miliyoona 2.5 ol yeroo tokkotti salaachisuu danda'a. Masjiida hojjettoota qulqullinaa 4000n tokkoon tokkoo isaaniitiif ji'atti qarshii Kuma 400 ol kaffalamaa qulqulleeffama. Masjid Al-Haram.

Masjiidni guddichi Makkaa, Sa’udii Arabiyaa keessatti argamu kun keessumattuu ji’a Ramadaanaa keessa Musliimonni miliyoonaan lakkaa’aman kutaalee addunyaa adda addaa irraa dhufanii itti salaatu. Kanaaf masjiidni namoonni hedduun guyyaa guyyaan daawwatan kun yeroo hunda qulqullina qabaachuu waan qabuuf guyyaa hunda yeroo Torbaa hanga Kudhanii ni qulqullaa'a.🕋🕌

Guyyaa guyyaan naannaawa Kaabaatti urgooftuuwwan qulqullina eegan liitira 1,500 kan biifaman yoo ta'u guyyaatti si’a 10 marfatni Masjiida Guddichaa ni dhiqama.🕋🕌

Namoonni hojiif gara Sa'uud Arabiyaaa deeman hundi hojii kana argachuuf abjootu. Sababni isaas, mindaan ji'a ji'aan qulqulleessitoota masjiida kanaatiif kaffalamu kan qulqulleessitoota hojii wal fakkaataa Sa'uud Arabiyaa keessa jiran caalaa baay'ee ol'aanaa waan ta'eefi. Haala kanaan Masjida Makkaa keessatti namoota hojii qulqullinaa hojjataniif ji’atti Riyaala Sa’uudii 26,442 kan kaffalamu yoo ta’u, kunis Qarshii keenyatti Kuma 400 ol ta’a.

Qulqulleessitootni kunneen hooggantoota olaaanoo 400 oliin durfamaa keessaafi alaa masjiidichaa bishaaniifi saanitaayizarii liitira Kuma 50 oliin erga qulqulleessanii booda yeroo bahan hojjattoonni urgooftuuwwan bifan dabaree isaaniitiin ni seenu. 🕋🕌

Qulqullina masjiida kanaatiin wal qabaatee hojiin ajaa'ibaa biroo akkaataa qulqullinni afataalee/ minxaafotaa/ itti eeggamuudha. Yeroo tokkotti minxaafota 2000 oltu masjiida kana keessatti afama. Afaataaleen kunnneen maashina guddaa guyyatti minxaafota 150 dhiquun dhiqamaa torban torbaniin jijjiiramu. Haala Kanaan minxaafonni Kuma 20 ol qulqullaa'anii qophaa'aniiru..🕋🕌

Anaafi Isinillee Rabbiin geessee itti nuhaa salaachisu! 🤲 Amiiiiiiiiiiiin Jedhaa.🤲
©️ Husseen H Waayyuu 🙏





@Kennaapost @Kennaapost






hottg.com/Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Media maqaa islaamatiin hundeeffame biyya kana keessa jiru 20 ol yoo tahe malee sanaa gad hin tahu.
Akkuma beekamu doktorri beekamaa Akka adduntaatti beekamu beekamuu qofa miti kan jaalatamu qaarii Dr Afiif Mohammed Taaj Yeroo ammaa Salaata Taraawiha salaachisuu irratti argama.

Waan garaa nama nyaatu Media ykn TVn kana hunda keessaa tokkollee nama kana Yeroo inni salaachisu Tamsaasa Kallattii dabrsuu hin dandeenye

Qarshii dhaban tahee
Yeroo dhaban tahee
Beekumsa dhaban tahee Rabbiin haa beeku

Nama addnyaan beektu
Nama addunyaan arguu feetu dhoksuun wanjala




@Kennaapost. @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Hayyuun Islaamaa Ibn Alqayyim akkana jedhan:

Jechoota sadii beektoleen Islaamaa durii barreessanii waliif erganii wal yaadachiisu turan. Osoo namni hunduu qalbii isaa irratti barreeffatee hanga qilleensa fudhatuun isii qara'ee gaariidha.

1. Nama keessa isaa tolfate Rabbiin gubbaa isaa ni tolcha.
❶ من أصلح سريرته أصلح الله علانيته.
2. Nama waan jidduu isaatiifi jidduu Rabbii tolche Rabbiin waan jidduu isaatiifi namootaa jiru ni tolcha.
❷ ومن أصلح ما بينه وبين الله أصلح الله مابينه وبين الناس.
3. Nama aakhiraa isaatiif hojjate Rabbiin cinqaa addunyaa isaaf deedisa.
❸ ومن عمل لأخرته كفاه الله مؤونة دنياه.

📚#المصدر: الرسالـة التبوكيـة (ص٩٢).




@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
♥️🍇JUMU'AA MILKAA'INAA🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

صلی الله علیه وسلم

😊 اللَّهُمَّ صَلِّ وَ سَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ 😍

@Kennaapost
hottg.com/Kennaapost
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Dhaamsa ergamaa Rabbii Nabi Mohammed (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) isa dhumaa kan gaafa
Hajjii dhumaa kana dhaggeeyfadhaa!!!


Obboloota keessaniifis share godhaa!!!


Obboleessa keenya Ammaar Tamaam tu nuuf qopheesse!!


@Kennaapost. @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Wantota sooma keessa eeyyamaman
******
1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.

Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan.
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.

2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ".

Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.

3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu.
وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.

4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu.

5/ Koobbannaa:
فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha.

6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti.
فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح.

Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru. Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.

7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.

8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.

قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan.

9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ".
Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.

10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.






Ustaaz Gaalii Abbaaboor irraa




@Kennaapost @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Sirna Salaata Taraawwiha..!!

Muslimoonni Falasxiin sirna salaata Taraawwiha halkan 7ffaa kabajamaa Masjiida Al-Aqsaa keessatti kumaatamaan hiriiranii geggeessanii jiru.

Maashaa Allah!



Yaa Allaah ati nuuf tiksi!!!


@Kennaapost @Kennaapost


hottg.com/Kennaapost
Addunyaan kun guyyaa sadii qabdi:
1/ Kaleessa: jiraannee dabarsinee hin deebi'u.
2/ Har'a: ni jiraataarra hin waaru.
3/ Bori: Eessa akka taanu hin beeknu.

Kanaafuu nama dubbisi; dhiifama godhi. Ummata kana Rabbumaaf dhiisi. Anis, atis, jarris addunyaa irraa ni godaanna. Yaa Rabbi khaatimaa keenya tolchi.





Ustaaz Gaalii Abbaaboor



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Maashaa Allaah
Kun masjiida guddicha dhiheenya kana Aljeeriyaatti ijaaramee eebbifameedha. Suuraa kana halkan kaafame.

Masjiidni kun Masjiidota qulqulluu lamaan Makkaafi Madiinatti aansee guddinaan sadarkaa 3ffaa yommuu tahu, dheerina minaaraa isaatiin immoo addunyaa irraa isa jalqabaati.

© Amar Temam



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Ustaazota keenyaa fi Social media


Dhiiyeenya kana dhimma weerara hawaasa keenya walloo irratti raawwatamaa jiruun wal-qabatee qeeqa tokko tokko kan sheekkota keenya irra ga'aa jiru argeen baay'ee natti dhaga'ame.

Abbootiin amantaa(sheekkotii fi darasaan) akka itti fakkaatee fi waan miidiyaan wacuuf waan godhan hin qaban. Qajeelfamas anaa fi si warra beekamtii miidiyaatiin machaa'e irraa hin fudhatan. Namni miidiyaa irratti haa nu faarsuuf ykn haa nu arrabsuuf wanti godhan hin jirtu. Isaan jireenyi isaanii Rabbiifi. Obboleessa miidhameef ykn miidheefis dirqama nasihaa ooluu qabu. Ka miidhameef waan qabuun birmateefii bira dhaabbata, ka miidheefis harka isaa qabee akka namatti daangaa hin darbine godha!!.

Rakkoo hawaasa keenya irra ga'u kamiifuu du'aa'iinis ta'ee waan qaban hundaaf kan isaan caalaa birmatu hin jiru, garuu waan godhan hunda akka keenya selfie 🤳 kaameraa qabatanii imimmaan obboleessaa wajjiin midiyaa irratti hin dhooban. Hojii hojjetan hundaaf maleeykota bitaa fi mirga ceekuu isaanii taa'ee galmeessu of irratti eegu malee warra otoo hin beekin beekame kanaaf report isaan godhan hin jirtu.

Dhimma gargaarsaa fi kaameraa kana immoo otoo itti yaadamee bareeda. Dhugaa dubbachuuf namni namni jaalatee harka namaa ykn gargaarsa namaa hin ilaalu.
Namoonni har'a isin rakkattoota jettanii zeeytii litira 5 fi daakuu kiiloo 10 n suura wajji kaatanii miidiyaa irratti dhoobdan kun rakkina isaanii caalaa suurri isaanii midiyaa irra oole kun dachaa meeqa xiin-sammuu isaanii miidha. Otoo haadha kee ta'ee ykn fira dhiyoo kee ta'ee atuu kana hin gootu turte. Gargaarsa irratti wal-kakaasuufis ta'u garuu of-eeggannoo barbaada.

Dhimma kiyyatti yoon deebi'u gaafa ajandaan tokko ka'u diinaa fi firris fiigee abbootii amantii(keessattuu kan muslima ta'e) irratti afaan banuun waan baratamedha. Isaan immoo waan hundaanuu fuuldura keessan fagoo jiru. Sareen iyyitee ganda girgireeysitus leenci inuma adeema. Iyya saree caalaa amna karaa isaaf hafetu isa yaachisa waan ta'eef.

Abbootii amantaa muslimaa fi araba wanti isaan walitti fidu tokko hin jiru, islaamummaa fi arabas wanti walitti fidu hin jiru.

Wal-qusachuu wayya!!!

Rabbiin hawaasa keenya bakka garagaraa fi haala garagaraatiin rakkataa jiraniif haa birmatu,.
Yaa Allaah dhiiga obboloota keenya bakka gara garaatti dhangala'aa jiru kanaaf ati nuuf birmadhuuf🤲🤲

@AbdiiBiyyaa ti Galatoomaa


@Kennaapost. @Kennaapost





hottg.com/Kennaapost
Dirmachuu Oromummaa
Lubbuuf dursa laannaa,
Waamicha obbolummaa
Walloodhaaf owwaanna,

Furaan rakkoo Rabbumaa
Furmaatarraa barbaannaa,
Gabroottansaa muslimaa
Kadhaan itti waywaanna,

Soomanaan ormi dhaana
Foon lafee dhiigaan firaa,
Hoongee beelaa waraana
Deegaaf duguuggaa jiraa,

Mee akkamiin irra aanaa
Rakkoo fii roorroo shiraa,
Yaadaan buunee baanaa
Quuqamaan qalbii hiraa,

Diinagdeen tumsa taana
Dadhabnullee tan biraa,
Lubbuu eewaluun baana
Lammiin dirqama duraa,

Madoo madaa wal'aana
Kolkolee miidhaa furaa,
Keeysaa alaan galaanaa,
Walloodhaa wajjiin jiraa,
Gochaan abdii unkuraa,

Qolachaa gubbaa aanaa
Duula duguuggaa turaa,
Weeyrara shiftaa gaana
Haleeluun lafaa guuraa,

Rakkoo fi roorroo xaana
Laalee yoom abdii mura,
Kalee hangarraan tanaa
Jalqabuudhaan xumura,

Walloo-lolee waraanaa
Manaa maatii baraaraa,
Bubuqqaasaa buraanaa
Qabsoon qe'ee xahaara,

Gootota onneen gaaraa,
Haqaat isaan gargaaraa,

Shiftoota diinaa daaraa
Akaa'ee harshim kaayaa,
As-afe walloon waaraa
Dhiigaan seenaa faayaa.

Dirmachuu namummaa,
Deeggarsa Obbolummaa,
Gargaarsa Oromummaa.
Tumsa fakkeenyummaa👇

✍️ Numoosis Jawar iin

Finfinnee Oromiyaa


@Kennaapost. @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Muslimoonni hundi akka Sheeka tahan hin barbaannu. Kan nuti isaan irraa feenu, Muslimoota tahanii Nabiyyii isaaniitti hidhachuu isaanii qofa!

Sheikh Abii Ishaaq Al_Huweyniitu jedhe!



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
RAMADAANA 17 FII INJIFANNOO LOLA BADRII
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Gabaabinaan Duulli Badrii guddittiin guyyaa Jum’aa, Ramadaana 17, Bara Hijrii lammaffaa kheeysa godhamate. Duula Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam godherraa Isiin 5ffaadha.

Rabbiin duula Badrii “Yoowm Al-Furqaan” Guyyaa dhugaa fii dharri addaan bahe jechuun Qur’aana kheeysatti dubbate.

Sababaan Duulli Badrii argamteef: Abuu Sufiyaan bin Harb Shaam irraa Shammada Qureeyshii guddaa qabatee gama Makkaa akka deemaa jiruutu Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam dhaqqabe.

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi wasallam Qabeenya Qureeyshii guddaa karaa jiru san dhageenyaan Sahaabootaan: “Shammadduun Qureeyshii (dhufaa jirti), Qabeenya Isaaniitis harkaa qabdi, Gama Isii bahaa Rabbiin Boojuu teeysan godhuutu mala.” Je’een.

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akka Isaa wajjiin bahan dirqama hin goone. Sahaaboota irraa nama yeroo sanitti haalli mijjateef qofaatu wajjiin bahe. Isaa wajjiin nama 319-tu bahe.

Muslimoonni gama Badrii hoggaa bahan hedduun Isaanii miilaan deemaa turan, Gaala 70 qofaatu wajjiin jira. Namni sadii Gaala tokko wal faraqaa yaabbatan. Farda tokko qofa kan Muslimoonni qaban, sanis Miqdaad bin Amri (Miqdaad bin Al-Aswad) namni gulufuun.

Abuu Sufiyaan gama Isaatiin oduu Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam ifirraa qorataati karaa deema. Oduun bahinsa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam Isa geenyaan Damdam bin Amr Al-Ghifaarii gama Makkaati erge.

Damdam bin Amri makkaa dhaqee “Yaa tuuta Qureeyshii! horii kheeysan kan Abuu Sufiyaan wajjiin jiru dhaqqabaa” je’een.

Mushrikoota Makkaa hattattamaan nama 1319 qabatanii bahan. Waraanni Qureeyshii Farda 100, Meeshaa waraanaa Sibiila irraa tolfame kan qomatti kaayatan 600, Gaala lakkooysaan akka malee hedduu qabatanii bahan.

Bakka Juhfaa ja’amtu hoggaa gahan Abuu Sufiyaan horii Qureeyshiitiin akka miliqe isaan beeysiisuuf nama itti erge.

Abuu Jahl: “hin deebinu, Hanga Badri dheeynee guyyaa 3 bullee, achitti Gaala qalannee, farshoo dhuynuutti.” Jechuun deebi’uu irraa nama dhorge.

Akhnas bin Shureeyq Gosa Banii Zuhraa irraa nama tahe hunda Abuu Jahl faalleeysee nama 300 fuudhee gama Makkaa deebi’een.

Guyyaan haqaa fii dharri itti adda bahe ni dhufe. Ramadaanaa amata Hijrii 2ffaa, guyyaa 17ffaa Jum’ata. Guyyaa san Rabbiin “Yoowm Al-Furqaan” jechuun moggaase.

Qureeyshii irraa namni sadii achi bahee nama sadii nuuf gad baasaa jechuun dhaaddatan. Aadaa lola zamana sanitti waliif bahee namni tokko tokkoon wal laalla. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam nama sadii achi baaseef. Isaanis:

1. Ubeeydaa ilma Al-Haaris bin Abdu Al-Muxxalib Ilma Adeera Rasuulaati sallallaahu aleeyhi wasallam.
2. Hamzaa bin Abdu Al-Muxxalib Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam.
3. Aliyyi bin Abii Xaalib ilma Adeera Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam.

• Ubeeydaan Utbaa bin Rabi’aa wajjiin.
• Hamzaan Sheeybaa bin Rabi’aa wajjiin
• Aliyyi Al-Waliid bin Utbaa wajjiin wal dura dhaabbatan.

Hamzaa fii Aliyyi warra bahaniif ajjeesuuf xiqqollee hin turre. Garuu Ubeeydaa fii Utbaan dhahinsa hamaa wal dhahanii lamaanuu kufan. Hamzaa fii Aliyyi Utbaa ajjeesanii Ubeeydaa miilli murame fuudhanii gama Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam deebi’aniin.
Qureeyshiin Jeynoota isii sadii bakkatti dhabuun aaristee fiigaa lolatti if darbite.

Rabbiin Muslimootaaf tumsee lolli Injifannoo Muslimootaatiin dhumate.



Muslimootarraa lola Badrii irratti nama 14 kan wareegame. 6 Muhaajiroota irraahi, 8 Ansaara irraahi Rabbi irraa haa jaalatu.

Kaafiroota irraa ammoo nama 70 kan ajjefame, 70 kan booji’ame, warri booji’ame guddinaan hoggantoota.

Injifannoo boodaan Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Badri guyyaa 3 ture. San booda Sahaaboota Isaa wajjiin gama Madiinaa deebi’e. Haala saniin duulli Badrii guddittiin raawwatte. Barruu kana Ustaaz Jaafar Bayaantu waggoottan dura katabe.

Guyyaa keessa guyyaan jira, guyyaan yoomuu hin daganne. #Alhamdulillah baga mo'anne.

© Amar Temam


@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu


Haasaa Dr Zaakir Naa'ik dhimma qadaa fi qadaraa irratti taasise kana dhaggeeffadhaa mee!!.

Warra (English) afaan ingiliffaa dhageeysan qofaafi 😁, warri afaan faranjii hin dhageenyes numa laalaa gaa maal isinii goona😎



@Kennaapost @Kennaapost



hottg.com/Kennaapost
♥️🍇JUMU'AA MILKAA'INAA🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

صلی الله علیه وسلم

😊 اللَّهُمَّ صَلِّ وَ سَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ 😍

@Kennaapost
hottg.com/Kennaapost
HTML Embed Code:
2024/03/29 07:40:18
Back to Top